Mootummaan Ceโ€™umsaa Tigraayii fi ABUT murtee boordiin filannoo ABUT haquuf dabarse morman.

Mootummaan Ceโ€™umsaa Tigraayii fi ABUT murtee boordiin filannoo ABUT haquuf dabarse morman.

Murteen boordichi Adda Bilisummaa Ummata Tigraayi (ABUT) beekamtii dhoowwachuu fi paartilee siyaasaa biyyattii keessaa haquuf dabarse โ€œkan fudhatama hin qabnee dhaโ€ jechuun mootummaa ceโ€™umsaa ijaaramee fi waliigaltee waraana dhaabuu mallatteeffame irratti miidhaa geessisaa jedhamme.

Mootummaan Ceโ€™umsaa Tigraayii fi ABUT murtee boordiin filannoo ABUT haquuf dabarse morman.

Mootummaan Ceโ€™umsaa Tigraayii fi Addi Bilisummaa Ummaata Tigraay (ABUT) murtee boordiin filannoo Itoophiyaa ABUT haquuf dabarse mormuu isaanii ibsa baasaniin ifa godhaniiru.

Murteen boordichi Adda Bilisummaa Ummata Tigraayi (ABUT) beekamtii dhoowwachuu fi paartilee siyaasaa biyyattii keessaa haquuf dabarse kun โ€œkan fudhatama hin qabnee dhaโ€ jechuun mootummaa ceโ€™umsaa ijaaramee fi waliigaltee waraana dhaabuu mallatteeffame irratti miidhaa geessisaa jedhamuu Addis standard gabaaseera.

Mootummaan Ceโ€™umsaa Tigraay murteen kun โ€œjiraachuu Mootummaa Ceโ€™umsaa gaaffii keessa kan galchuu fi adeemsa waliigaltee nageenyaa guutummaan guutuutti kan jeequu dhaโ€ jechuun qeeqeera. Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) kan โ€œabbaa waliigaltee nageenyaaโ€ taโ€™e seerummaa dhowwachuun seeraanis taโ€™e siyaasaan fudhatama hin qabu jedheera. Murteen kun โ€œwaliigaltee priitooriyaaโ€ kan diiguudhas jedheera addichi.

Murtee boordiin filannoo biyyaaleessa torban darbe keessa waraana Tigraay sababeeffachuun kan darbe taโ€™us waraanni dhaabbatee jiraachuu ifa godhe.  

Motummaan Ceโ€™umsaa Tigraay kan humnoota Tigraay, hojjettoota mootummaa fi paartii mormitootaa of keessaa qabu kun, murteen boordichi dabarse โ€œwaliigaltee nagaa mallattaaโ€™e hiika akka dhabsiisuu fi jiraachuu angaโ€™oota TPLF kan marichatti hirmaataniis ni waakkata jedheera.

Akkasumas, paartiin Adda Bilisummaa Ummata Tigraayi (ABUT) murtee kana kan hin fudhanne taโ€™uu ibsuun dhimmicha irratti qaamota dhimmi ilaallatu wajjiin kan mariโ€™atu taโ€™uu beeksiseera.

Mootummaan Ceโ€™umsaa Tigraayii fi Addi Bilisummaa Ummata Tigraayi (ABUT) Boordiin Filannoo murtee kana akka geeddaru ibsa baasaniin gaafataniiru.

Murteen kun waliigaltee Pritooriyaa kan Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Awurooppaa, Mootummootni Gamtoomanii fi mootummoonni biyyoota biroo beekamtii kennaniif kan cabsu taโ€™uus addeessaniiru.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO