Waraana Dhuma Hin Qabneen Lubbuu Dargaggoota Nagaa Balโ€™eessuun Dhaabbachuu Qaba โ€“ Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Waraana Dhuma Hin Qabneen Lubbuu Dargaggoota Nagaa Balโ€™eessuun Dhaabbachuu Qaba โ€“ Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

ABOn fedhii dhuunfaa fi aangoo ofii tikfachuuf jecha, dargaggootaa fi ilmaan iyyeessaa abiddatti oofuu kana gadi jabeessinee balaaleffata.

Waraana Dhuma Hin Qabneen Lubbuu Dargaggoota Nagaa Balโ€™eessuun Dhaabbachuu Qaba โ€“ Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Addi Bilisummaa Oromoo waan kam iyyuu caalaa, waraana Itti gaafatamummaa hin qabnee fi maal na-dhibdee mootummaan Paartii Bilxiginnaa jalqabe gadi jabeessee morma.

Impaayerri Itoophiyaa, waggootaaf, dhiiga dargaggootaa fi imimmaan haadholiitiin jiraachaa turte. Sirni sooshaalistii Mangistuu Haayilemaariyaam waggoota abaaramaa abbaa irrummaa isaa hunda keessatti, dhaadannoo isaa isa baayโ€™ee nama dhiphisu ‘Hundi gara Adda Waraanaatti’ jedhu jalatti dargaggoota dhibbaa fi kumaatamaan lakkaa’aman fixe. Taโ€™us guyyaan isaa inni dhumaa gaafa gaโ€™e kufaatii fi salphina jalaa baโ€™uu hin dandeenye.

Gareen yeroo ammaa mootummaa impaayera Itoophiyaa dhuunfatee jiru, sirna gara-jabeessa sana irraa barachuu dhiisee, faana sirna abbaa irree kanaa hordofaa jira.

Mootummaan Paartii Bilxiginnaa dargaggoota dhibbaa fi kumaatamaan lakkaaโ€™aman humnaan marsee ibidda waraanaatti galchuuf  murteessee jira. Torban kana qofa dargaggoonni 500 taโ€™an daandii magaalaa Burraayyuu fi qeโ€™ee lammiilee gargaarsa hin qabnee irraa humnaan qabamaniiru. Tarkaanfiin kun magaalaa Laga Xaafoottis cimee gara bulchiinsa magaalaa Shaggar dhiheenya hundeeffametti babalโ€™achaa jira. Dargaggoonni hiyyeeyyiinis, guyyoota itti aanan keessatti, manneen hidhaa fi kaampii tursiisaa irraa gara mooraa leenjii waraanaatti geeffamaa jiru.

Waraanni Tigraay kanaan dura darbe irratti dargaggootaa fi shamarran kuma dhibbaan lakkaa’aman wareegamaniiru. Waraanni Oromiyaa keessa jiru lubbuu dargaggoota qulqulluu lafa irraa fixaa jira. Kun xiqqqaannaan lola marsaa biraatiif qophii dabalataa gochuun gocha maal na-dhibdee fi itti gaafatamummaa  dhabuu ti.

Kanaaf, fedhii dhuunfaa fi aangoo ofii tikfachuuf jecha, dargaggootaa fi ilmaan iyyeessaa abiddatti oofuu kana gadi jabeessinee balaaleffanna. Imimmaan haadholii dhaabbachuu qaba.

Ajandaan lammiilee Oromiyaa dursa argachuu qabu, gama kamiinuu lola dhabuudhaan Mootummaa Cehumsaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa hundeessuuf bobbaโ€™uu taโ€™uu qaba jennee amanna.

Waan kana taโ€™eef, lammiileen Oromiyaa,  lammiileen biyyaalessaa fi addunyaa nagaa jaalโ€™atan hundi waraanni gama hundaan akka dhaabbatu dhiibbaa gochuudhaan dararamni ummatoota Itoophiyaa akka dhaabbatuuf tumsa akka gootan waamicha goona.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Waxabajjii 06,2023

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO