ADDA BILISUMMAA OROMOO (ABO)

ADDA BILISUMMAA OROMOO (ABO)

Miseensotnii fi deggertootni ABO, qabsaawotni Oromoo hundi, sab-boontotni, waliigalatti ummatni Oromoo fi firootni qabsoo bilisummaa Oromoo cufti baga dhalachuu ABO waggaa 50n isin gahe!

ADDA BILISUMMAA OROMOO (ABO)

Deggeraan isaa, miseensi, qondaallii fi hogganni isaa gaafa ABOn hundeeffamu irraa qabee hanga har’aatti wareegamni baase haalaan guddaa dha.


Addatti wareegamni hogganni dhaabichaa baase utubaa qabsicha jabeesse, kaayyicha jiraachisee fi kumaa kitilli akka jala hiriiree falmaa finiinsu taasise malee, qabsoo hin bal’eessine. Tokkummaa Oromoo dhiigaa fi lafeen ijaaranii akka hin diigamnetti hundee isaa tolchan.

Deemsi qabsoo fi jaarmayaa qabsicha baatee deemuu fi hogganu ABOn waggoota 50 kana keessa darbaa as gahan haalaan guddaa fi bal’aa dha.


Dadhabbii, ifaajjee fi wareegama malee kaayyoon akka galma hin geenye, bilisummaan tolatti akka hin dhufne, biyyummaan laayyootti akka hin mirkanoofne kan hubatan qabsaawotni Oromoo kaleessaa kaasanii hanga har’aatti kaayyoo ABO jalatti hiriiranii falmaa gama hundaa finiinsa jiran har’as, rakkoof osoo hin jilbeenfatin, bal’oo if fuula duratti ilaalaa, imala qabsoo itti fufanii jiran.

Wareegama baasameen injifannooleen hin tuffatamne gonfatamaniiru; isa hafatee fi akeeka qabsichaa guuutti iddoon gahuuf ammas sochiin qabsoo daran jabaata. Oromoo kan dhaabu hin jiraatu.

Miseensotnii fi deggertootni ABO, qabsaawotni Oromoo hundi, sab-boontotni, waliigalatti ummatni Oromoo fi firootni qabsoo bilisummaa Oromoo cufti baga dhalachuu ABO waggaa 50n isin gahe!

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO