Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhimma hogganoota ABO mana hidhaa jiranii irratti mariโ€™achuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaa wajjiin beellama qabachuu ibse.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhimma hogganoota ABO mana hidhaa jiranii irratti mariโ€™achuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaa wajjiin beellama qabachuu ibse.

Komiishiniin MIrgoota Namoomaa Itophiyaa dhimma Hoggantoota ABO mana hidhaa jiranii irratti dubbachuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin baallama qabate.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhimma hogganoota ABO mana hidhaa jiranii irratti mariโ€™achuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaa wajjiin beellama qabachuu ibse.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) haala qabiinsa hogganoota Adda bilisummaa Oromoo (ABO) mana hidhaa keessa jiranii irratti mootummaa Naannooo Oromiyaa (MNO) wajjiin marii gaggeessuuf beellama qabachuu miidiyaa dhuunfaa biyya keessaa maqaa hin tuqin waabeffachuun Addis Standard harโ€™a beeksiseera.

Komishinichi haala qabiinsa hogganoota, miseensotaa fi deeggartoota ABO mana hidhaa jiranii hordofaa turuu hogganaa biiroo KMNI damee Jimmaa Obbo Badhaasaa Lammeessaa yaadachiiseera.

Hogganootni, Qondaalonni, miseensonnii fi deeggartoonni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasii Federaalaa Oromoo (KFO) haala seera hin hordofiniin jumlaadhaan hidhamaa jiraachuu eeruun, hordoffii komiishinichi geggeesseen kan hiikaman jiraachuu ibsuun, gaggeessitoonni ABO torba ammas mana hidhaa keessatti argamu jedheera. Rakkoo kanaaf fala barbaaduuf mootummaa naannichaa wajjiin mariin kan taasifamu taโ€™uu addeesseera.

Addi Bilisummaa Oromoo-ABOn waltajjii fi carraa argate hunda fayyadamuun hogganootni, qondaalotni, miseensonnii fi deeggartoonni isaa seeraan ala mana hidhaa jiran akka gadi lakkifaman gaafachaa turuun ni yaadatama.

Ammas hogganootni, miseensotnii fi deggertootni isaa seeraan ala manneen hidhaa garagaraa keessatti argaman haal-duree tokko malee ammaa fi ammatti gadhiisamuu qabuun ejjennaa ABO ti.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO