Godina Arsii Ona Zuwaay Dugdaa keessatti ummatni maqaa WBO deggertuun hiraaramaa jira.

Godina Arsii Ona Zuwaay Dugdaa keessatti ummatni maqaa WBO deggertuun hiraaramaa jira.

Onoota Godina Arsii garagaraa keessatti WBO deggertu maqaa jedhuun ummatni hidhamaa, mannii fi qabeenyi duraa gubataa jira.

Godina Arsii Ona Zuwaay Dugdaa keessatti ummatni maqaa WBO deggertuun hiraaramaa jira.

Adoolessa 06, 2023 irraa jalqabee hidhattootni mootummaa paartii Bilxiginnaa Godina Arsii Ona Zuwaay Dugdaa gandoota garagaraa keessatti WBO deggertu, nyaachistuu fi dhiheessii garagaraa dhiheessituuf jechuun ummata nagaan hojjetatee jiraatu dararaa jiru jechuun maddeen keenya ifoomsanii jiran.

Ummatni reebamaa, hidhamaa fi manneen isaanii qabeenya waliin duraa gubataa jira jechuun dabalee gabaasaniiru.

Namootni mannii fi qabeenyi duraa barbadaawee fi sababa kanaanis beelaa fi rakkinoota adda addaaf saaxilaman keessaa kanneen maqaa arganne:

  1. Mareenaa Abdoo Gammadaa – Mana lama, qabeenya guutuu waliin,
  2. Kadii Tibbeessoo Badhaasoo – Mana tokko, qabeenya guutuu waliin,
  3. Amaan Tibbeessoo Badhaasoo – Mana lama, qabeenya guutuu waliin,
  4. Fayyoo Deebisoo – Mana lama, qabeenya guutuu waliin,
  5. Deebisoo Hirphaa Badhaasoo – Mana tokko, qabeenya waliin,

Zuwaay Dugdaa dabalatee guutummaa Kibba-baha Oromiyaa Onoota hedduu keessaa namootni kumootaan lakka’aman dharaan yakkamanii hidhamuun murtii haqaa dhabanii gidirsamaa jiru. Hidhaan kun amma illee itti fufee jira. 

  1. Goobee Aliyyii – Godina Arsii irraa
  2. Gammachuu Nagaashuu – Arsii
  3. Ayyuub Nuuroo – Jiraataa magaalaa Adaamaa, Adaamaa irratti
  4. Haajii Hayaatoo – Arsii Lixaa Ona Hasaasaa irraa
  5. Siraaj Maammad – Arsii Lixaa, Shaashamannee irraa
  6. J/Addunnee Gabruu – Arsii Lixaa Ona Adaabbaa irraa
SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO