Komishiniin Dhiittaa Mirgoota Namoomaa Tigraayi keessatti raawwatame qoratu Gamtaa Afrikaan utubame hojii isaa akka dhaabu murtaawe
Gamtaan Afrikaa qorannoo sarbiinsa mirgootaa Tigraayitti raawwataman irratti godhamu adeemsa ifa hin taaneen addaan kutuun ibsame.
Akka Addis Standard gabaasetti, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Gamtaa Afrikaa komishinii sarbiinsa mirgoota naannoo Tigraay keessatti raawwataman akka qoratuuf hundeesse ture adeemsa ifa hin taaneen akka hojii dhaabu taasisuu ibsameera.
Komishiniin hojii dhaabe kun komishinii jalqabaa Itoophiyaa keessatti waraana waggoota lamaaf gaggeeffame hordofee sarbiinsa mirgootaa raawwataman qorachuuf hundeeffamee dha.
Qorannichi akka addaan citu taasisu dabalataan komishiniin gamtichaa fuula marsariitii isaarratti dhimma sarbiinsa mirgaa ilaalchisee odeeffannoo laatu dhabamsiisuu isaa maddi oduu kun ifa godheera.
Gamtichi komishinii dhiittaa mirga namoomaa Tigraay keessatti raawwataman qorachuuf hundeeffame qorannoo gaggeessu akka addaan kutuuf murtee dabarse baatii tokko dura ta’uunis kan eerame yoo ta’u, maaliif akka hojii isaa dhaabsise garuu waan ifatti beekame haga ammaa waan ifaan hin argamne. Komishinichi erga hundeeffamee kaasee gabaasa tokko illee akka hin baasinis ibsameera.
Gamtichi dhiittaa mirga namoomaa Tigraay keessatti raawwatame qorachuuf waggaa lama dura komishinicha hundeessuun isaa kan yaadatamu oggaa ta’u, yeroo sanatti mootummaan Itoophiyaa hundeeffama komishinichaa akka mormu ifatti beeksise ture jechuun Addis Standard gabaaseera.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *