Sab-boonaa qabsaโaa Oromoo Art.Ibraahim Aadam, ejjennaa fi jabina kaayyoo saba isaaf qabu irraa mootummaan wayyaanee qabee hidhuudhaan gidirsaa fi miidhaa irraan gahaa akka tures seenaan isaa ni agarsiisa.
Duโaan Boqotuu Wellisaa Kabajamaa Ibraahim Aadam ilaalchisuun Ibsa Gaddaa ย Adda Bilisummaa Oromoo-ABO
Duuti dhala namaa irraa kan hin hafne taโus duโaan boqotuu Wellisaa kabajamaa fi jaallatamaa, qabsaโaa Oromoo Art.Ibraahim Aadam wayta dhageenyetti gaddi nutti dhagaโame guddaa dha.
Art.Ibraahim Aadam akkuma wellistoota sab-boontota Oromoo warra dura dammaqanii karaa aadaa fi afaanii akkasumas roorroo falmaa fi ummatnis dammaqee akka falmu kakaasaa turan keessaa isa tokko ture.
Akka seenaan isaa mulโisutti Art.Ibraahim Aadam (Faffacaanee) bara 1958tti Baha Oromiyaa magaalaa Harar iddoo Hammarreessa jedhamutti abbaa isaa Obbo Aadam Saโidii fi haadha isaa Aadde Amiinaa Abdullaahii Siyyoo irraa dhalate. Barumsa isaas achumatti akka eegale seenaan isaa ni hima.
Ogummaa Aartiin kennaa uumamaa kan qabu Art.Ibraahim Aadam, magaalaa D.Dhawaatti hojiin maxxansa muuziqaa Oromoo yeroo eegalutti gara D.Dhawaa imalee wellisaa gameessa Art.Alii Shabboo Waddoo waliin walquunnamuun shaakala muuziqaa akka eegalee fi bara 1985tti albama isaa jalqabaa mana muuziqaa Imbiltaa jedhamutti akka gadi lakkise seenaan isaa ni mulโisa.
Bara 1991 yeroo mootummaan Dargii kufee sirni mootummaa Wayyaanee/EPRDF aangoo qabatuun cunqursaa fi roorroo ummata Oromoo irratti itti fufetti, qabsaโaa Oromoo Art.Ibraahim Aadam, maatii isaa osoo hin caalsifatin ilmaan isaa haadha irratti gatuun WBOtti makamee Godina Bahaa jalatti naannawa Fadisii fi Gaara Mulโataatti ramadamee bilisummaa fi mirga saba isaaf falmaa ture.
Bara 1998 keessa jireenya idileetti deebiโuuf yaalus, rorroo fi hacuuccaan ummata isaa irra gahu daran hammaatuun boqonnaa waan isa dhorkeef, oguma isaa qabsoo karaa Aartiin itti fufe. Bara 2005 keessa yeroo ukkaamsaan jabaa ture sanatti sirba warraaqsaa kilippii jalqabaa taโe โโฆOromummaa keenya irraanfanneeโฆTokkummaa dhabaan biyyaa baaneeโฆFaffacaaneeโฆโ jechuun wellisee, furmaatni tokkummaan falmachuu qofa akka taโe Oromoof dhaamuun qabsoof kakaasaa ture.
Sab-boonaa qabsaโaa Oromoo Art.Ibraahim Aadam, ejjennaa fi jabina kaayyoo saba isaaf qabu irraa mootummaan wayyaanee qabee hidhuudhaan gidirsaa fi miidhaa irraan gahaa akka tures seenaan isaa ni agarsiisa.
Bilisummaa fi kabajamuu mirga ummata isaatiif qabsaโaa fi gatiis itti baasaa kan ture qabsaโaa gameessi Art.Ibraahim Aadam, keessumaa waggoottan shanan darban kana keessa gargaarsaa fi waldhaansa gaโaa tokko malee dhibee Nerviitiin waldhaansoo qabaa erga tureen booda, irraa bayyaannachuu dadhabuun Adoolessa 13, 2023 guyyaa kaleessaa magaalaa Hararitti kan argamu Hospitaala Jogolaatti duโaan addunyaa kana irraa darbe.
Art.Ibraahim Aadam abbaa ilmaan afurii yoo taโu, ilma dhiiraa tokkoo fi dubra sadii qaba.
Addi Bilisummaa Oromoo-ABOn duโaan boqotuu qabsaโaa gameessa Wellisaa Ibraahim Aadamitti gadda itti dhagaโame ibsataa, maatii, firootaa fi waliigala ummata Oromoof jajjabina hawwa.
Aadaan walgargaaruu, wal iyyaafachuu, walbira dhaabbachuu fi yeroo dhukkubaa walbira dhaabbatanii wal waldhaannachuu Oromoo keessatti iddoo qabu akka hin laaffannee fi jabaatee itti fufu ABOn hireema kanaan yaadachiisa.
Qabsaโaan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 14, 2023
Finfinnee


Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *