Paartiin Biltsiginnaa aangoo siyaasaa humnaan dhuunfatetti dhimma bahee karaa nagahaan rakkoo dhalche furuu hanqannaan, lola xumuruu hin dandeenyetti seeneen, waggoota shanan kana guutuu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) bal’eessuu jedhuun akkuma ifatti dhaadatan, “Qurxummii bal’eesuuf madda bishaanii gogsuu dha” jedhan, Ummata Oromoo waraana irraa jalaan irratti bananiin lubbuu qulqullootaa hedduu galaafataniiru. Ammas ummata nagahaa itti gaafatamummaa hanqachuun if qusannaa tokko malee fixaa jiru.
Waraana Hin Xumuramne Xumura Itti Goonaan Ummata Nagahaa Garajabeenyaan Lafa Irraa Fixuun Dhaabbachuu Qaba!
Duulli tarsiimawaan dhabbataan (strategical war) mootummaan biltsiginnaa ajandaa siyaasaaf jecha dhimma itti bahuun ummata Oromoo lafa irraa fixaa jiru Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n gadi jabeessee balaaleffata; duras dhaabbata.
Paartiin Biltsiginnaa aangoo siyaasaa humnaan dhuunfatetti dhimma bahee karaa nagahaan rakkoo dhalche furuu hanqannaan, lola xumuruu hin dandeenyetti seeneen, waggoota shanan kana guutuu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) bal’eessuu jedhuun akkuma ifatti dhaadatan, “Qurxummii bal’eesuuf madda bishaanii gogsuu dha” jedhan, Ummata Oromoo waraana irraa jalaan irratti bananiin lubbuu qulqullootaa hedduu galaafataniiru. Ammas ummata nagahaa itti gaafatamummaa hanqachuun if qusannaa tokko malee fixaa jiru.
Ajjeechaa jumlaa fi suukaneessaa guutummaa goleelee Oromiyaa sadarkaa jedhamuun keessaayuu, naannolee Waraanni Bilisummaa Oromoo keessa socho’u Lixa Oromiyaa Wallaggaa, Giddu Gala Oromiyaa Shawaa Lixaa, Shawaa Bahaa, kanaan alas Kaaba Oromiyaa Wallo, ajjeechaa jumlaa Abbootii Gadaa Karrayyuu dabalatee mattayyattis tahee jumlaan manneen hidhaa keessaa baasuun ajjeechaa Oromoo irratti raawwatamaa ture Addi Bilisummaa Oromoo yeroodhaa yerootti balaaleffataa tureera; Ammas qaamni ani Oromoodha ofiin jedhaa ummata Oromoo ajandaa siyaasaaf dhimma itti bahuuf lubbuu isaaanii akka baalaatti harcaasu gadi jabeessee balaaleffata.
“Laafaa reebi jennaan jaartiin tiruu reebde” akkuma jedhan, gareen paartii Biltsiginnaa shiftaa finxaaleyyii Faannoo duratti Oromoo ittiin cabsuuf ijaaran har’a babal’ifannaa lafa Oromiyaa fi saamicha qe’ee fi qabeenya Oromoof bobba’e of irraa deebisuun hanqannaan, ummata nagahaa qe’ee fi qabeenyaa isaa irra jiraatu mana isaatti jumlaan ajjeesaa jiran. Gochi kun itti gaafatamummaa hanqachuu fi miira namummaa dhabuu dha.
Addi Bilisummaa Oromoo odeessa qulqulluu argateen mootummaan paartii Biltsiginnaa maqaa sakattaa WBO jedhuun duula tarsiimawaa ifatti ummata Oromoo irratti akka haaraatti baneen, Giddu gala Oromiyaa Lixa Shaggar Onoota Amboo, Daannoo, Iluu Galaan, Liiban Jaawwii, Midaa Qanyii, Ilfata, Cobii fi Gindabaratitti walduraa duubaan Hagayya, 7, 8, 10 fi 11, 2023 yakka namoomaa suukanneessaa hidhaa jumlaa, reebicha, saamicha qabeenyaa fi ajjeechaa jumlaa ummata nagahaa irratti akka raawwate mirkaneeffatee jira.
Akka kanaan, waraanni PP Hagayya 07, 2023 Ona Calliyaa magaalaa Geedoo fi Ona Liiban Jaawwii magaala Baabbichaa fi Ganda Haroo Maaramiitti Obbo Guddisaa Nagawoo fi maatii isaa daa’ima ji’a 6 dabalatee, jiraattota ganda sanaa namoota 30 ol ta’an hidhuun qabeenyaa isaaniis lukkuu irraa qabee hanga horii gaanfaatti osoo hin hafin irraa saamaniiru.
Waraanni sirna mootummaa PP namummaan itti hin dhaga’amne kun, jaarsa biyyaa manguddoo hoodaa fi safuu ganna 60 olii Obbo Guddisaa Nagawoo Hagayya 08, 2023 mana hidhaa magaala Baabbichaa bakka maatii isaanii waliin hidhamanii baasanii rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Waraanni abbaa irree kun ilmaan Oromoo 20 ol tahan Obbo Guddisaa Nagawoo biraa baasee ajjeese Oromummaa isaniin yakkee hidhaa keessatti reebichaa fi miidhaa adda addaan gidirsaa jira. Haadha warraa Obboo Guddisaa Nagawoo Aadde Warqii Taaruu Warquu, Haadha warraa isaanii ishee lammaffaa Aadde Warqiyyee Kitaaba, Aaddee Daraartuu Tarreessaa mucaa ishee ji’a 6 kan ta’e Bilisummaa Dabalaa Guddisaa, Qarree Hawwii Guddisaa Nagawoo, Qeerroo Beeksisaa Guddisaa Nagawoo reebicha ulfaataa irra ga’e irraa du’aa fi jireenya gidduu kan jiru, Qeerroo Hoomaa Likkumaa reebicha hamaa mooraa waraanaatti irra ga’een du’aa fi jirenya gidduu kan jiru, Qeerroo Eebbaa Tasfaaye, maanguddoo ganna 70 Obbo Biqilaa Tufaa, Obbo Camadaa Irreessoo, Hirphaa Waaq gaarii fi haadha warraa isaa Warqishee Amansiisaa, Qeerroo Abdoo Moosisaa, Qeerroo Dassee Shugguxii, Qeerroo Kafanaa Kabbadaa, Qeerroo Caalchisaa Taaddasaa, Qeerroo Geetuu Taammiruu, Qeerroo Bushunaa Taammiruu, Obbo Geetuu Dandanaa fi Obbo Bayyanaa Tarreessaa kanneen jedhaman keessatti argamu. Lukkeeleen diinaa, garaaf jedhanii ummata keenya irra akka badii fi balleessaan dhaqqabuuf ulee diinaa tahan kanneen akka, Gammachuu ykn Mootummaa Qajeelaa, Abbaa Garshii fi Eebbisaa Takkuu kan jedhaman warra hidhaa keessatti akkaam miidhamaa jiran keessatti argamu.
Hagayya 07, 2023 Ona Midaa Qanyii ganda Boquu Nissootti namoota 4 maqaan isaanii ammaaf ifa hin ta’in ukkaamsuun akka fudhataniiru. Hagayya 08, 2023 Ona Daannoo ganda Baddaa Iluu fi Ona Iluu Galaan ganda Habakuu Aannootii loon ummataa saamaniiru. Bifuma walfakkaatuun Ona Liiban Jaawwii Ganda Gaamoo Walisoottis horii gaafaa 9 maatii Obbo Dirribaa Jimaa jalaa fudhatan. Ona Iluu galaan ganda Habakuu Aannootii Obbo Abduu Mohaammadii fi ganda Siree Sillaaseetii Obbo Biraanuu nama jedhaman hidhaniiru. Hagayya 08, 2023 Ona Amboo ganda Ganjii Gooro Horee bakka addaa Shaamba jedhamuu qonnaan bultoota nama 7 kan yeroof maqaan isaanii adda hin ba’in ukkaamsanii deemaniiru. Ona Ilfataa ganda Jimaa Korpheessaatiis namoota 4 fuudhanii magaalaa Ona Ilfataatti akka hidhan ragaa ummata irraa argameen mirkanaa’eera.
Ilmaan Oromoo Hagayya 08 fi 10, 2023 Ona Cobii gandeen Oofuu Bakkee fi Qoricha Kotichaa irraa qabaman keessaa 11 rasaasa itti roobsuun ganda Bakkee Hoofuu iddoo addaa Shimalatti yoo ajjeesan, kanneen 5 ta’an ammoo madeessanii raasatti gatan.
Obbo Karrayyuu Araarsaa Yaadasaa, Haadha warraa isaa Aaddee Araarsee, Obbo Karrayyuu Araarsa Yaadasaa , Obbo Gurmuu Jifaaraa, Qeerroo Tasfaayee Jifaaraa, Qeerroo Abarraa Jifaaraa, mana tokko keessa nama sadii, Obbo Fiixaa Milkeessaa, Obboleessa isaa Obbo Mogoraa Milkeessa, maanguddoo Dhugaasaa, Aaddee Xuruu Yaadasaa, Qeerroo Tolasaa Dirribsaa fi Obbo Girmaa Bakaraa kanneen ajjeefaman keessatti argamu.
Maanguddoo Araarsaa Yaadasaa, Ashuu Fayyisaa daa’ima ganna 11, Obbo Abbishuu Jifaaraa, Haayluu Tufaa daa’ima ganna11 fi b/taa Dajanuu Milkeessaa b/taa Yuunivarsiitii Arsii waggaa 2ffaa kanneen madaa’an keessaa ti.
Ona Gindabaratitti Hagayya 08,2023 waraanni PP ummata nagahaa irratti dhukaasa banuun hedduu akka ajjeesanii fi madeessan odeessi ummata irraa argamu ifa godha.
Aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfatan tikfachuun karoora ganna kudhanii baafatan galiin gahatuuf jecha ibiddi PPn Oromiyaatti qabsiise lubbuu ummata nagaa galaafatuu itti fufeera. Ibiddi kun guutuu impaayerattiis waliin ga’aa jira.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n irra deddeebiin, murni PP lola xumuruu hin dandeenye keessaa bahee, rakkoo siyaasaa ofiif dhalchee fi iddoo itti qaban dhabe kanaaf falli tokkichi marii hunda hammate qaamota dhimmi ilaalu waliin geggeessuu qofa akka ta’e akeekaa ture. Garuu gurra ittiin dhaga’anii fi ija ittiin argan hin qabaanne. Har’as yaadni furmaataa ABO kun bakkuma jira.
ABOn rakkoo wal xaxaa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa mootummaan PP dhalcheen daddaaqamni impaayerattii mudate ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa akka hin gaagaaneef, darbees sabaa fi sab-lammoota ummatoota biyya kanaa gaaga’ama gosa hundaa jalaa oolchuuf furmaata jedhee Mootummaa Cehumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa (MCBNO) labsuun ni yaadatama.
Ammas ummanni keenya gaaga’ama gosa hundaa jalaa baraaramee, lammiileen Oromiyaa fi olloonni keenya boqqonnaa nageenyaa akka argataniif falli waaraan MCBNO ABOn labse ofitti fudhachuu qofaan taha.
Aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfatan tikfachuun karoora ganna kudhanii baafatan galiin gahatuuf jecha ibiddi Biltsiginnaan Oromiyaatti qabsiise, impaayera Itoophiyaa gubee laboobni isaa Gaanfa Afrikaas labaa jira.
Ummanni Oromoo, lammiileen Oromiyaa, sabaa fi sab-lammoonni ummatoonni biyya kanaa ibidda siyaasaa, waraanaa, jeequmsa dinagdee fi hawaasummaa mootummaan paartii PP dhalchee ittiin dhumaatii fi gidiraa hammeesse kanatti fala xumuraa barbaaduu qaban. Dhumaatii hambisuuf, jeequmsa roga hundaan jirutti xumura gochuuf, kabajamuu mirga ofiif hunduu sagalee dhageessisuu qaba jenna.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 12, 2023
Finfinnee



Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *