Haala Yeroo Oromiyaa Irratti Ibsa Ijjannoo Koongirasii Federaalawaa Oromoo(KFO) Irraa Kenname.
Haala Yeroo Oromiyaa Irratti Ibsa Ijjannoo Koongirasii Federaalawaa Oromoo(KFO) Irraa Kenname.
“Ummata Jumlaan Diinomfatuufii Gochaa Ajjeechaatiin Nagaan Waaraan Argamu Hin Jiraatu!”
Haala Yeroo Oromiyaa Irratti Ibsa Ijjannoo Koongirasii Federaalawaa Oromoo(KFO) Irraa Kenname.
KFOn haala yeroo Oromiyaa baldhinaan erga gamaaggame booda ibsa ijjanoo armaan gadii kana baasee jira. Humnoota Mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jiduutti walwaraansa gaggeeffamaa jiruun walqabatee yeroo adda addaatti Oromiyaa keessatti ajjeechaan suukaneessaa ta’e namoota nagaa irratti irra deddeebiin raawwatamuun isaa ni yaadatama. KFOnis walwaraansi kuni dhaabbatee rakkoon siyaasaa mariidhaan furmaata siyaasaa akka argatu irra deddeebiin yaamicha gochaa turee jira. Haata’u malee yaamichi nagaa keena gurra dhabee mootummaan waraana waan itti fufeef dhumaatiin saba keenyaa hammaatee itti fufee jira. Yeroo ammaa kanattis humnoonni mootummaa ‘duula sakatta’a WBO’ jedhuun sochii Haagayya 1, 2015 irraa kaasee hanga Haagayya 4, 2015 ALItti Godina Shawaa Lixaa Aanota Amboo, Cobii, Daannoo, Gindabarat, Ilfataa, Iluu Galaan, Liiban Jaawwii fi Midaa Qanyii tti taasisaniin qonnaan bultoota nagaa homaa quba hinqabne irratti ajeechaa,rasaasan madeessuu, saamicha qabeenyaa fi hidhaan jumlaa humnoota mootumaan bobbaaseen raawwatamee jira.
Keessumattuu duula haaloo ummata nagaa irraa bahuu fakkaatuun Haagayya guyyaa 4, 2015 ALI Aanaa Cobii ganda Bakkee Hoofuu jedhamutti gaggeefameen, namoonni 11 haala suukaneessaa ta’een humnoota mootummaatiin ajjefamanii jiru. Kanneen keessaa: Obbo Karrayyuu Araarsaa fi Aaddee Aaraarsee (Abbaa warraa fi Haadha warraa kan ta’an); Obbo Gurmuu Jifaaraa, Obbo Tasfaayee Jifaaraa fi Dargaggoo Abarraa Jifaaraa (Obbolaa miseensa maatii tokkoo kan ta’an); Obbo Fiixaa Milkeessa, Obbo Mogoraa Milkeessa ( Miseesa Maatii tokkoo kan ta’an); Maanguddoo Dhugaasaa fi Aaddee Xuruu Yaadasaa (Abbaa fi Haadha warraa kan ta’an) mana jireenyaa isaanitti irra deemuun rasaasan kan ajjeefaman yoota’u; Dargaggoo Tolasaa dirribsaa fi Obboo Girmaa Bakaraa eddoo hojiitti karaa irra otuu deeman rasaasan rukutamanii kan ajjeefamaniidha. Kanaan alattis amoonni 5 rasaasan madeeffamanii karaa irratti kan gataman yoo ta’u, 30 ol kan ta’an hidhamuu fi qabeenyi isaanitis saamamuu isaa miseensotaa keenya fi jiraattota naannichaa irraa mirkaneeffannee jirra.Ajeechaan aanaa Cobiitti gaggeefame kan umrii fi saalaan adda hin baafannee yoo ta’u namoota nagaa ajjeefaman kana keessas dargaggoota, maanguddoota umrii 70 olii, haadholii harma hoosisanii fi daa’imman umriin isaanii waggaa 11 ta’an keessatti argamu. Aanaa Dabalataan Aaanaa Liiban Jaawwitti maanguddoo umrii 70 kan ta’an Obbo Guddisaa Nagawoo guyyaa Haagayya 2, 2015 ALI namoota 40 olwaliin erga ukkamsanii fuudhan booda, reebicha irratti gaggefameen lubbuun isaanii dabree jira. Maatiin isaanii guutuunis akkuma ukkaamfamanii hidhamanitti jiraachuun hubatamee jira. Aanaa Ilfaattis ukkamsaan, reebichaa fi saamichi baldhinaan gaggeefamaa jira.
Haaluma walfakkaatuun Haagayya guyya 1, 2015 ALI Godina Arsii Aaanaa Martii Magaalaa Abboomsaa Gana 02 tti humnoonni mootummaa nama nagaa Obbo Ziyaad Haajii jedhamu hojii irraa gara manaa galu irratti miseensonni raayyaa ittisaa dhukaasuun kan ajjeesan yoo ta’u dubartii fi daa’ima waliin jiranis rasaasan madeessanii Hoospitaala Adaamatti yaalamaa jiru. Kana malees ji’a Adooleessa bara 2015 ALI Godina Jimmaa Anaa Geeraa Ganda Borchoo Deekkaa akkasumas Aanaa Saxxamaa keessatti qonnaan bultoota dhimma xaa’oo gaafii gaafatan irratti gochaa kabajaa namummaa mulquun ummata duratti baasanii jilbeefachiisuun qaceen tumuun gaggeefame suursagaleen isaa marsaalee hawaasa irratti muldhatu namoota eddoo san jiran irraa qaaman nubira dhufuun mirkaneessanii jiru. Manneen hidhaa Itophiyaa keessatti tumichi baldhinaan garuu dhoksaan akka gaggeefamu kan beekkamu yoo ta’u; ummata duratti baasanii kabajaa namummaa haala mulquun jilbeefachiisanii qaceen tumuun; tuffii ummataafi fi seera dhabdummaan sirnichaa sadarkaa dhokfachuu hin barbaanne irra gahuu isaa kan mirkaneessu.
Tarsiimoo “Qurxummiicha dhabamsiisuuf galaanicha gogsuu” jedhu kan hordofu mootummaa Bilxiginnaatiin ajjeechaan, tumichii, hidhaa fi saamichi namoota nagaa irratti jumlaan bifa sirnaawaa fi duula haaloo bahuu fakkaatuun gaggeefamaa jiru kuni, kaayyon isaa, ummata Oromoo rifaasisuu fi qora qalbii isaa cabsuun jilbeefachiisuuf tarkaanfii abdikutannaan fudhatamaa jiru ta’uu isaa ifa galaa jira. Ummanni Oromoo maqaa isaatiin daldalaamaa jiruu fi saboota birootiin akka bulguutti akka lakkayamu godhamaa jirus, bu’aan sirnicha irraa argate haal seenaa keessatti hin muldhanneen ajjeefamuu, hidhamuu, saamamuu fi namumman isaa irraa mulqamee addababayitti qacceen tumamuu ta’eera. Kana malees, kufaatii diinagdee fi qaalayiinsa jireenyaa sirnichi fideef gaafii ummanni gaafatuuf deebiin kennamu ajjeechaa, hidhaa saamichaa fi tumicha addabaabayii ta’uun isaa; sirnichi ummata Oromoofis ta’e sabootafii sablamoota Itoophiyaatiif tarkaanfii humnaa malee furmaata tokkollee akka hinqabne ifatti kan muldhiseedha. Haaluma kanan tarkaanfiin ajeechaa jumlaa Aanaa Cobii ganda Bakkee Hoofuu jedhamutti qonnaan bultoota irratti gaggeefamaa jiru, calaqqee furmaata burqisiisuu dadhabuu sirnichaatifii illacha diimummaa inni ummataaf horateeti jennee amanna.
KFOn gochaawwan ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi tumicha addabaabayii namoota nagaa irratti gaggeefame kana cimsee balaallefata. Namoota ajjeefamanifis gadda itti dhagahame ibsachaa lubbuu isaaniis jaannataan akka qananiisu kadhata; maatii fi firoottan isaanitiif jajjabina hawwa. Aangawoonni siyaasaa fi hooggantoonni waraanaa gochaa kana ajajan fi hojitti hiikan qaama idil adunyaa bilisa ta’een adda baafamanii akka seeratti dhiyaatan gaafanna. Kana malees waraanni Oromiyaa keessa gaggeeffamaa jiru humna rasaasatnii akka hin furamne hubatamee, humnoonni lamaan waraana keessa jiran ummaticha jiddutti miidhamaa jiruuf dursa kennuun gara marii arraaratti akka deebi’an irra deebiin gaafanna. Jaarmiyaaleen idil adunyaa fi biyyoonni biroo humnoonni walwaraa jiran lamaan gara marii araara nagaa jalqabameetti akka deebi’an dhiibbaa irraa eeggamu akka godhan irra deebiin gaafanna. Mariin nagaa gaggeefamu bu’a qabeessaafii nageenyaa waaraa kan fidu akka ta’u marii siyaasaa hunda hammate ta’u isaa barbaachisaa akka ta’e cimsinee hubachiifna.
Koongirasii Federaalawaa Oromoo
Haagayya 7/ 2015 ALI
Finfinnee, Oromiyaa


Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *