Jaal Gadaa Gabbisaa haala ulfaataa keessa jiraachuu kan ibsu oduun nu gahe, qoricha dhibee tiruu fudhataa jiru irraa ykn waan dhibii haa taโuu waan adda bahe ifa taโuudhaa baatus, rakkoo Onneef saaxilamee akka jiru garuu doktoorri isaa mirkaneessuu hubachiisa.

Jaal Gadaa Gabbisaa dhibee Tiruun yeroo dheeraadhaaf dhukkubsataa jiru, ammaa ammoo rakkoo Onneef saaxilamee akka jiru ibsame.
Hogganootaa fi qondaalota ABO yakka takkaan maleetti mana hidhaa sirna biltsiginnaa keessatti waggootaaf hiraarfamaa jiranii fi wayta ammaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman keessaa tokko kan taโe Jaal Gadaa Gabbisaa, dhibee tiruun alatti, rakkoo Onneef saaxilamee akka jiru doktoorri isa waldhaanu mirkaneessee akka jiru oduun SBO dhaqqabe ifa godha.
Jaal Gadaa Gabbisaa haala ulfaataa keessa jiraachuu kan ibsu oduun nu gahe, qoricha dhibee tiruu fudhataa jiru irraa ykn waan dhibii haa taโuu waan adda bahe ifa taโuudhaa baatus, rakkoo Onneef saaxilamee akka jiru garuu doktoorri isaa mirkaneessuu hubachiisa.
Jaal Gadaan gosa dhibee tiruu #Hepatitis B Viral Positive jedhamu dhukkubsataa jirutti dabalee rakkoon Onnee irratti mulโachuun fayyummaa isaaf yaaddoo biraa taโuu irraa, hanga haalli isaa gar-tokkotti deebiโutti guyya guyyaan deddeebiโee hordofamuu akka qabu doktoorri isaa ajajuus oduun kun ni ibsa.
Haaluma walfakkaatuun miseensi GS-ABO Jaal Kennasaa Ayyaanaas, haalli fayyaa isaa jijjiirama agarsiisaa kan hin jirree fi hirโina gargaarsaa irraa akka silaa feesisutti waldhaansa maluuf argataa akka hin jirre hubatuun dandaโameera. Sababa kana irraa torbanitti yeroo sadii deddeebiโee waldhaansa โphysiotherapyโ fudhachuun kan irra ture tokkotti deebiโee jira.
Hogganootnii fi qondaalotni ABO namootni 7 dabaa fi cubbuudhaan sirna mootummaa PPn qabamanii manneen hidhaa sirnichaa garagaraa keessatti gidirfamaa turanii fi dhibeelee adda addaaf akka saaxilaman taasisaman, yeroo ammaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman:-
1) Jaal Abdii Raggaasaa
2) Jaal Mikaaโel Booran
3) Jaal Kennasaa Ayyaanaa
4) Jaal Dr.Gadaa Oljirraa
5) Jaal Gadaa Gabbisaa
6) Jaal Daawit Abdataa fi
7) Jaal Lammii Beenyaa yoo taโan, marti isaanii dhibeelee adda addaaf saaxilamanii hidhaa keessatti ittiin hiraaraa jiran.
Mootummaan biltsiginnaa halaalatti ABO sodaatu, dhaabicha dadhabsisuu fi sochii isaa laamshessuu yaada jedhu irraa badii tokko malee hogganootaa fi qondaalota ABO kanneen, manneen jireenyaa isaanii irraa qabuudhaan mirga isaanii sarbee waggoota sadiif hidhaa keessatti itti roorrisaa, dhibeelaa adda addaaf akka saaxilaman gochuun yakka ulfaataa irratti raawwatee jira.
Manni murtii dhimma hoggantootaa fi qondaalota ABO kanatti xumura gochuun, badiin kan irratti hin argamne waan taโaniif, gadhiifamuu akka qaban murteessu illee, mootummaan PP Dr.Abiy Ahmediin durfamu olaantummaa seeraaf buluu diduun poolisiin Oromiyaa qabee akka taaโu ajaje.
Addi Bilisummaa Oromoo yeroo garagaraatti, mootummaan paartii biltsiginnaa hogganootaa fi qondaalota isaa seeraan ala hidhe gadhiisuu akka qabu, hawaasni idil addunyaa mootummaa seeraaf hin bullee fi hin ajajamne kana irratti dhiibbaa akka godhan gaafataa ture; ammas gaafataa jira.
Komiishinii Mirgoota Namoomaa Itophiyaa dabalatee dhaabbattootni mirga dhala namaaf falman adda addaas mootummaan Itophiyaa hogganootaa fi qondaalota ABO manni murtii bilisa godhe qabee taaโuun seera miti; gadhiisuu qaba jechuun gaafataa turuun isaanii kan yaadatamuu dha.
Hawaasni Oromoo biyyoota garagaraatti argaman nuffii fi dadhabbii tokko malee, hogganootaa fi qondaalota ABO, akkasumas ilmaan Oromoo sirni mootummaa PP maqaa adda addaa itti maxxansuun manneen hidhaa garagaraa keessatti yakka ulfaataa irratti raawwataa jiruuf sagalee taโuu fi gargaaruu qabuun dhaamsa keenya.
E-mail: sbo.radio88@gmail.com
Page: Sagalee Bilisummaa Oromoo
Youtube:www.youtube.com/channel/UC4FHzb0KMgQuvdnlzRldLcw
Website:www.voiceoforomoliberation.com
WhatsApp: +254736981192
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *