Fulbaana 20 2023 Godina Wallaggaa Lixaaa Ona Ganjii ganda Busanuu Qawusootti hidhattoonni mootummaa PP sababa tokkoon alatti Obbo Yuusuf Moosisaa nama jedhaman rasaasa itti roobsanii akka ajjeesan maddeen SBO gabaasanii jiru.
Ajjeechaan lammilee Oromoo irratti hidhattoota mootummaatiin raawwatamu itti fufeera.
Mootummaan abbaa irree Abiy Ahmediin durfamu Godinoota Oromiyaa garagaraa keessatti maqaa adda addaa ilmaan Oromootti maxxansuun ajjechaa suukanneessaa raawwatu gabaasaa turreerra; ammas gocha farra dhala namaa taโe kana babalโisee itti fufee jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 20 2023 Godina Wallaggaa Lixaaa Ona Ganjii ganda Busanuu Qawusootti hidhattoonni mootummaa PP sababa tokkoon alatti Obbo Yuusuf Moosisaa nama jedhaman rasaasa itti roobsanii akka ajjeesan maddeen SBO gabaasanii jiru.
Obbo Sabafuu Oljirraa fi Mitikkuu Dhufeeraa kan jedhaman ammoo humnoota kanaan qabamuun mana hidhaa Ona Ganjii keessatti gidirfamaa akka jiran ibsameera.
Fulbaana 21, 2023s qeerroo Jaafar Bantii jedhamu naannoo Wanjaa Cirriitti qabanii mooraa PP keessatti hidhanii dararaa akka jiran dhagaโameera.
Bifuma walfakkaatuun Ona Qondaalaa naannoo Liqixii jedhamutti Roobii darbe waraanni PP nama sammuun dhukkubu tokko rasaasaan akka ajjeesan maddeen naannoo sanii ifa godhu.
Oduu walqabatee nu gahe biroon waraanni PP Godina Wallagga Bahaa Ona Amuruu ganda Agamsaa ture halkan dheengaddaa naannoo san irraa bakka biraatti kaafameera.
Miliishota gandaa hunda ammoo maqaa leenjii isinii laatna jedhuun gara mooraatti akka galchan oduun kun dabalee hubachiisa.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *