SADAASA 9 GUYYAA YAADANNOO FINCILA DIDDAA GABRUMMAA (FDG)

SADAASA 9 GUYYAA YAADANNOO FINCILA DIDDAA GABRUMMAA (FDG)

Erga bara 2005 asitti sochiileen adda addaa bal’ina qaban barattoota Oromoo fi sabboontota Oromoon adeemsifamaniiru. Milkiileen argamanii fi wareegamootni baafamanis guddina qabu. Hojiin jaarmayaa, barattootaa fi dargaggoota, murnoota jiran hunda haala danda’ameen ijaaruu yoomuu sagantaa fi hojii dhaabbataa ABO waan ta’eef, isa kana milkeessuu fi lafa qabachiisuuf hojjechuu irraa yeroo itti ABOn boqote hin jiru.  

SADAASA 9 GUYYAA YAADANNOO FINCILA DIDDAA GABRUMMAA (FDG)

Qabsoon diddaa gabrummaa baroota dheeraaf ummatni Oromoo gaggeessaa ture bifa caalaatti qindaawaa fi waalta’aa taheen guutuu Oromiyaa keessatti wal qabatee akka diriiru, warraaqsi mirga abbaa biyyummaa ofii falmachuu Oromiyaa guutuutti waaltominaan akka gaggeeffamuuf, Kallachi Qabsoo Bilisummaa Oromoo (ABO) bifa haarawaadhaan waamicha qabsoo Ummata Oromoof dabarseen, Sadaasa 9, bara 2005 Sabni Oromoo, addatti ammoo dargaggootnii fi barattootni Oromoo, goleelee Oromiyaa hunda keessatti Fincila Diddaa Gabrummaa qabsiisan. Keessattuu barattootni manneen barnootaa Sadarkaa ol’aanoo fi Sadarkaa lammaffaa keessaa mirga dimokiraasii, mirga abbaa-biyyummaa fi bilisummaa ummata isaanii falmachuuf hiriira nagayaa bahuu fi bifa adda addaatiin sochii wal irraa hin citne gaggeessuudhaan wareegama ol’aanaa baasanii sirna bittaa alagaa kan Wayyaanee/EPRDF mormuudhaan gaaffii Oromoo addunyaatti mul’isan. Erga Sadaasa 9, bara 2005 dargaggootni Oromoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) bifa caalaatti qindaaween gurmaawanii jalqabanii bara irraa baratti Fincilli Diddaa Gabrummaa Oromiyaa guutuutti finiine.  

Keessumaa, Ebla bara 2011 Warraaqsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo erga bifa Jaarmayaa Dargaggootaa haaraa qabatee finiinuu jalqabee kaasee guutuu Oromiyaa keessatti Qeerroon Oromoo (Barattootnii fi Dargaggootni) sab-boontotaa fi walii-galatti Ummatni Oromoo bal’aan wal ta’uudhaan Fincila Diddaa Gabrummaa bifa adda addaatiin mootummaa gabroomfataa Wayyaanee irratti finiinsuudhaan gaaffiin isaanii kan Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa lubbuun itti bahe, dhiigni itti dhangala’e, lafeen itti caccabe, maatii fi qabeenyi itti manca’e fiixa basuun isaa kan hin hafne ta’uu hojii fi gootummaadhaan mirkaneessan.

Sirni bulchiinsa Wayyaanee/EPRDF yerosii nagayaa fi dimokraasii, akkasumas, mirga sabootaa kabajuu diduudhaan roorroon ummatoota irraan gahu yeroo irraa gara yerootti hammaachaa dhufuu fi ummatoota biyyattii cunqursaa fi hiyyummaa hiriyaa hin qabneef saaxiluu irraan kan ka’e Fincila Diddaa Gabrummaa gaggeeffamaa ture sana keessatti wareegamni qaqqaaliin ummata keenyaan baafameera. Dargaggootni, barattootnii fi sab-boontotni Oromoo hanga Bilisummaan Oromoo mirkanaawutti falmaan mirga abbaa-biyyummaa kan hin dhaabbatne ta’uu lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne wareeganii mirkaneessan. Bara 2014 keessa duula Oromummaa balleessuu diinni maqaa ‘Master Plan’ jedhuun Oromootti bane mormuudhaan wareegamni Ummatni Oromoo baase ogguu yaadatama. Gootota ilmaan Oromoo qaroo, beekoo fi hubatoo, kanneen sadoo jireenya dhuunfaa ifii irra kan biyyaa fi ummata isaanii caalchifachuudhaan dhiiga dhangalaasanii, lafee cabsanii, lubbuu kennanii bilisummaa Oromoof aarsaa tahan bara baraan seenaan qabsoo bilisummaa Oromoo isaan yaadata! 

Bara kolonii irraa qabee ummatni Oromoo mirgaa fi biyya isaa bortaan dhabe deebifachuuf fincila geggeessuu fi lolachuu irraa yeroon itti boqote akka hin jirre galmee seenaa gaggalagalchuun hubachuutu danda’ama. Diddaa fi fincila Oromoo kan baroota darbanii as keessatti kaasuuf yeroon isaa waan gahu miti. Kanas seenaa dubbisanii hubachuutu danda’ama. 

Bara wayyaanee waggoota 27 keessa falmaalee godhaman, finciloota adeemsifaman seenaa fi akkaataa dhufaatii isaas kaasanii fixuun waan danda’amaa miti. Seenaa mataa isaa danda’e kitaabotaan qopheeffamee dhaloota har’aafis ta’u isa egereef kan ol kaa’amu dukumentii guddaa dha.

Waan darbe yaadachuu fi ol kaa’uun isa har’aaf nama gargaara. Isa darbe yo yaadatan isa har’a keessa jiramu hubachuun danda’ama. Isa har’a ta’aa jiruun duuba kan jiru isa kaleessaa ti. Daandii qal’oo kaleessa saaqamtetu karaa bal’aa har’aa uume waan ta’eef, kan darbe yaadachuun akkaan fardii ta’a. 

Warraaqsi Oromoo butamee maqaa PP jedhu mul’isee fi TPLF Maqaleetti galche yeruma tokkotti waan lafaa ka’e ykn ammoo waan walitti hidhata dalagaalee darbanii hin qabne, sochii bara 2015 keessa eegalame fakkeessanii kanneen deemsa qabsichaa irratti hubannaa hin qabne ykn kanneen dhugaa jiru liqimsuu hin feeneen wayta dubbatamu ni dhaga’ama. Kun dogoggora guddaa dha. 

Bara bulchiinsa wayyaanee sochiin dargaggoota Oromoo addatti kan barattoota Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo fi sadarkaa lammaffaa keessaa ifatti mul’atuu kan eegale bara 2000 irraa qabee akka ta’e ABOn ifatti hubachiisee jira. 

Hogganni qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn, barattootni wiirtuu dugdaa qabsichaa ta’uutti waan hubatuuf, dargaggoota barattoota bakka isaan jiranitti ijaaruu hojii guddaa godhatee irratti hojjechaa ture. Kanas mataan sirna wayyaanee duraanii Mallas Zeenaawwii ifatti ragaa ba’ee jira. “Oneg timhirti bet lay yemiserawun inyaam inni saraallen” Waan ABOn mana barumsaa irratti hojjetu, nutis ni hojjenna jechuun isaa ni yaadatama.

Bara 2000 keessa gubachuu bosona Baalee of dura qabachuudhaan diddaan barattoota Oromoo ifatti eegale. Sana booda sochiileen barattootni Oromoo addatti kanneen dhaabbilee barnootaa olaanoo taasisan yoomuu kan dagatamu miti. Magaalaan guddittiin Oromiyaa Finfinnee ta’uun hafee gara Adaamaatti akka geeddaramu murtii mootummaan wayyaanee murteesseen walqabatees guutummaa Oromiyaa keessatti haala jechuun danda’amuun diddaan barattootaan durfamee murnoota hawaasa Oromoo gara garaa hirmaachisee taasifame seenaa keessatti galmaa’ee jira. Wareegamni baafames akkanuma.

Barri 2005 ammoo bara seenaan haaraan itti dalagame, sochiin Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) bifa irra jabaa fi qindaa’adhaan adeemsifame ta’ee seenaadhaan galmaa’ee jira. Yeroon kun bara filannoo wayyaanee kan ummatni Oromoo bakka bu’ummaa tokkollee keessaa hin qabne itti geggeeffame waan tureef, ummatni Oromoo karaan tokkichi qabu karaa danda’e hundaan qabsoo isaa finiinsee biyyaa fi mirga isaa dhuunfachuutti deemuu akka qabuuf, ABOn ummata Oromoof ifatti yaamicha qabsoo, yaamicha Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) taasise. Barattootni dhaabbilee barnootaa olaanoo fi sadarkaa 2ffaa irra jiran hunda dursuun, ummatni Oromoo akka waliigalaatti yaamicha kanaaf awwaachuun Sadaasa 09,2005 ifatti Fincila Diddaa Gabrummaa dhoosan. Jaagamaa Badhaanee fi Kabbadaa Badhaasaa faa Ambootti guyyaa kana wareegama gootummaa kaffaluun Fincila Diddaa Gabrummaa itti fufsiisan. Godinoota adda addaa keessatti fincilli finiinee itti fufe; barattootnii fi sabboontotni wareegama kaffalan; kaan qaamaa hir’atan; hedduun hidhaatti darbamanii murtiin diinummaa itti murame. 

Fincilli Diddaa Gabrummaa waggaa 18n har’aa yaamicha ABOn bara 2005 geggeeffame, injifannoon argamsiisee fi wareegamni baafame akkaan guddaa fi ulfaataa seenaan hin dagannee dha. Guyyaa sanaa qabees Sadaasni 9 guyyaa yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa ta’ee kabajamaa jira. Sadaasni 9 fuula keenya dura jiru waggaa 18ffaa guyyaa yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa waggaa 7ffaa Warraaqsa Biyyaalessaa Fincila Xumura Gabrummaa ta’ee yaadatama. 

Erga bara 2005 asitti sochiileen adda addaa bal’ina qaban barattoota Oromoo fi sabboontota Oromoon adeemsifamaniiru. Milkiileen argamanii fi wareegamootni baafamanis guddina qabu. Hojiin jaarmayaa, barattootaa fi dargaggoota, murnoota jiran hunda haala danda’ameen ijaaruu yoomuu sagantaa fi hojii dhaabbataa ABO waan ta’eef, isa kana milkeessuu fi lafa qabachiisuuf hojjechuu irraa yeroo itti ABOn boqote hin jiru.  

Adeemsa kanatu bara 2011 Jaarmayaa dargaggootaa/barattootaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo as baase. Erga jaarmaan dargaggootaa kun yayyabamee haalli jiru hundi karaa qabatee, akkaataan itti deemanii fi falmii biyya keessaa daran hunda hirmaachisuun lafa qabsiisan caalaatti hojjetame. Diinatti lafa dhiphisuu qofa osoo hin taane, akeekii fi kaayyoon diinaa Oromiyaa keessatti, ummata Oromoo irratti akka bakka hin geenyeef, ummatni Oromoo caalaatti akka dammaquu fi ijaaramee sochii Fincila Diddaa Gabrummaa akka itti fufuuf dalagaan Qeerroon Bilisummaa ijaaramee umrii yeroo gabaabaa keessatti dalage dhugaatti haalaan boonsaa, seenaanis galmeessuu dha. Kunis injifannoo qabsoo, ifaajjee ABO ta’ee galmee seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo  keessatti iddoo guddaa qabatee jira.

Erga Qeerroon Bilisummaa Oromoo ijaaramee injifannoolee argamanii fi wareegamni baafame ummatni Oromoo kan keessaa fi alaa bareechee beeka.  Barattootni/dargaggootni/qeerroon biyyaa fi sabboontotni Fincila Diddaa Gabrummaa bara 2014 geggeeffame irratti wareegaman kan bakka biraa osoo hin daballe kan Amboo fi naannoo qofti 78 olitti lakka’aman. Dhiiga ijoollee Oromoo fi sabboontotaan harka isaanii kan dhiqatan warri akka Minaasee W/Giyoorgis/Abbaa Duulaa Gammadaa faa qaroo ijoollee Oromoo mirga saba isaaniif falmanii wareegama gootaa baasan kanaan kan ajjeefaman kashalabbootaa fi hattoota jedhanii ummata garaa guban.

Sabboonaa fi hayyuu Oromoo Obbo Daraaraa Kafanii,  gootota barattoota Oromoo Amboo Jaagamaa Badhaanee fi Kabbadaa Badhaasaa faa ajjeesuuf shira diinaan xaxame keessaa harka guddaa kan qaban warri akka Minaasee W/Giyorgis/Abbaa Duulaa Gammadaa faa har’as qaamuma sirna PP ta’anii dhiiga ijoollee Oromoon jireenya geggeeffataa jiru. Warri kaleessa gara laafina tokko malee dargaggootaa fi sabboontota Oromoo ajjeesee fi ajjeesisaa ture, qabsoo bilisummaa Oromoo irratti badii raawwataa ture, sirna IHADG kaleessaa irraa sirna PP har’aatti of geeddaruun warra Oromoof dhaabbatee fi mirga Oromoof falmaa ture of fakkeessuun shiraa fi yakkaan jireenya geggeeffataa jiran.

Gara ijoo barruu kanaatti oggaa deebinu egaa, sochiileen olitti eeraman walitti kuufamaa dhufee jaarmaan dargaggootaa Qeerroo Bilisummaa caalaatti jabaachaa fi babal’achaa dhufee, mormii master plaanii Finfinnee ofitti hammachiisuun mirgi walii galaa ummata Oromoo akka kabajamu, bilisummaa fi walabummaaf, mirgi hiree murteeffannaa Oromoo akka dhugoomuuf guutuu ummata Oromoo hammatuun sochii jiru Fincila Diddaa Gabrummaa irraa gara Warraaqsa Biyyaalessaa Oromiyaa Fincila Xumura Gabrummaatti geeddaruun warraaqsa finiinse.  

Warraaqsi isaa duraa butamee sirni cunqursaa haaraan ittiin diriirsamus, warraaqsa kana keessatti ummatni Oromoo seenaa qabsoo isaa keessatti gara boqonnaa isa olaanaatti kan seenee fi lubbuu isaa itti gabbaree rarraga bilisummaatti ittiin dhihaate ture. Qaroon/barattootni biyyaa, muratoo fi jajjaboon Qeerroon Oromoo, sabboontotni muratoo fi furtuu ta’an, qonnaan bultootni, jaarsaa fi jaartiin, daa’imman osoo hin hafin waliigalatti murnoota hawaasa Oromoo hunda irraa kumootaan falmaa kana keessatti wareegamaniiru. Kumoota hedduun qaamaa hir’ataniiru. Kumoota kudhanootaan hidhaatti darbamaniiru. Kumootni qe’ee gadhiisanii baqataniiru. Kun hundi bilisummaaf, kabajamuu mirgaafi; dhugoomuu mirga abbaa biyyummaa fi walabummaa Oromiyaafi.

Sadaasa 09 guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa waggaa 18ffaa oggaa kabajnu, waan har’a keessa jirru yaadataa, salphinaa fi cunqursaa ulfaataa akka sabaatti har’a Oromoo mudateef falli maali jedhanii of gaafachaa, akeeka Sadaasa 9ii galmaan ga’uu fi aarsaa kafalametti firii gochuuf sochii qabsoo haaromsuu fi itti fufuun akkaan barbaachisaa dha.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO