Wixineen Labsii Ministerri Barnootaa Qopheesse, Eeyyama Dubartoonni Dahumsaa Fudhatan Daangessu Aggaammii Mirga Dubartootaa Irratti Taasifamee dha – Ibsa Damee Dubartootaa fi Daaโ€™imman (DDD) ABO

Wixineen Labsii Ministerri Barnootaa Qopheesse, Eeyyama Dubartoonni Dahumsaa Fudhatan Daangessu Aggaammii Mirga Dubartootaa Irratti Taasifamee dha – Ibsa Damee Dubartootaa fi Daaโ€™imman (DDD) ABO

Ministeerri barnootaa wixinee sarbama mirga dubartootaa tahe kana akka haquuf ejjannoo keenya ibsachaa, qaamoleen dhimmi ilaallatan cufti addatti ummanni baal’aan wixineen kun akka hojiitti hin hiikamneef akka dura dhaabbatan waamicha goona.

Wixineen Labsii Ministerri Barnootaa Qopheesse, Eeyyama Dubartoonni Dahumsaa Fudhatan Daangessu Aggaammii Mirga Dubartootaa Irratti Taasifamee dha – Ibsa Damee Dubartootaa fi Daaโ€™imman (DDD) ABO

Qabsoo Bilissummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti qoodni Dubartootni Oromoo qabaachaa turanii fi harโ€™as kennaa jiran akkaan olaanaa dha.

Dubartoonni Oromoo qabsoo roga hundaa, bifa gara garaan gaggeeffamaa turee fi jiru keessatti qooda qabsoo kennaa turaniin, wareegama qaalii qaamaa fi qalbii hanga lubbuutti kaffalaa turaniin Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) utubanii, itichanii akka harโ€™aan gahan seenaan ragaa baha.

Haaluma kanaan Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n qooda dubartootni Oromoo qabsoo bilissummaa Oromoo keessatti qaban daran guddisuuf sochii guddaa taasisaa tureera; ammas itti jira. Rakkoolee qabsoo walxaxaa fi ulfaataa ummanni Oromoo keessummeessaa turee fi jiru irra aanuuf hirmaannaan dubartootaa caalmaatti akkaan akka guddachuu qabu Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n ni amana; Milkaayina isaatiifis Dameen Dubartootaa fi Daaโ€™imman ABO ciminaan hojjachaa ture; ammas itti jira.

Kanuma waliin, Damee Dubartootaa fi Daaโ€™imman ABO jaarmiyaalee siyaasaa mirga dubartootni siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessatti qaban akka kabajamu hojjatanii fi bilisummaa ummatootaaf qabsaโ€™an waliin kan hojjataa turee fi hojjetaa jiru tahuun beekamaa dha.

Dameen Dubartootaa fi Daaโ€™imman (DDD)n ABO, wixinee labsii ministeerri barnootaa qopheessuun Dubartoonni akka eeyyama dahumsaa hin fudhanneef daangessan aggaammii mirga dubartootaa irratti taasifamee dha jennee ammanna.

Wixineen labsii ministeerri barnoota tibba kana qopheesse inni kutaa afraffaa keeyyata 15 tartiiba lakkoofsaa 5 irratti labsame eeyyama dubartoonni dahumsaaf fudhatan daangeessu kun, mirga dubartoonni barachuu qaban kan sarbuu fi seerota heera biyyattii keessatti tarrifaman kan faallessu tahuutti hubanna.

Ministeerichi wixinee labsii haaraa baaseen barattuun tokko sababa dahumsaatiin guyyoota 15 fi sanaa ol barnoota irraa hafnaan bara barnootaa sana irraa kan ugguramtu taโ€™uu kan labsu qopheessuun kun, mirga dubartoonni uumamaan qaban sarbuu, seerota heera biyyattii keessatti tarrifaman faallessuu dabalatee, wal qixxummaa dhiiraa fi dubartiis akka dhiibutti amana Dameen Dubartootaa fi Daaโ€™imman (DDD ABO).

Ministeerri barnootaa wixinee labsii mirga dubartootaatti buโ€™u baasuun, seerota heera biyyattii keessatti tarrifaman faallesuun cinaatti, dubartiin haadha, obboleettii, haadha warraa fi daaโ€™ima hawaasa balโ€™aa taโ€™uu osoo beekanii, mirga uumamaan dubartoonni qabanitti buโ€™uun ija hawaasa balโ€™aatti buโ€™uu dha.

Wixineen labsii ministeerri barnootaa qopheessuun Dubartoonni akka eeyyama dahumsaa hin fudhanneef daangaa itti godhan aggaammii mirga dubartootaa irratti taasifame waan taheef, DDD ABO labsii kana ni morma, duras dhaabbata.

Maayii irratti, Ministeerri barnootaa wixinee sarbama mirga dubartootaa tahe kana akka haquuf ejjannoo keenya ibsachaa, qaamoleen dhimmi ilaallatan cufti addatti ummanni baal’aan wixineen kun akka hojiitti hin hiikamneef akka dura dhaabbatan waamicha goona.

Injifannoo Ummata bal’aaf!

Damee Dubartootaa fi Daaโ€™imman (DDD) ABO

Muddee 5, 2023

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO