Lammiilee nagaan 8 ol ta’an Ona Guduruu keessatti haleellaa xayyaaraa mootummaan Biltsiginnaa raawwateen ajjeefaman.
Haleellaan xayyaaraa ummata nagaa irratti fudhatamu itti fufeera; lammiilee nagaan 8 ol ta’an Ona Guduruu keessatti haleellaa xayyaaraa mootummaan Biltsiginnaa raawwateen ajjeefaman.
Mudde 25, 2023 guyyaa har’aa mootummaan PP Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Guduruu magaalaa Baaroo bakka addaa Waldaa Guutuu Wangeelaa irratti haleellaa xayyaara waraanaa nam-maleeyyiin fudhateen yo xiqqaate namootni nagaa 8 dargaggootnii fi ijoollon keessatti argaman battala ajjeefamuu fi gariin isaanii madaa’uun gabaafameera.
- Obsaa Tarreessaa
- Guddataa Fiixee
- Taadduu Mangashaa
- Bayyanaa Xiiqii
- Daammanaa Likkiisaa
- Habtaamuu Nigaatuu
- Abirree fi
- Dhugaasaa kanneen jedhaman warra ajjeefaman ta’uu oduun SBO dhaqqabe ifa godha.
Hawaasni naannoo jiraatu haleellaa xayyaaraa mootummaan Biltsiginnaa Ona Guduruu ganda Baaroo irratti geggeessaa jiru jalaa gara gandoota birootti jalaa baqataa akka jiru oduun kun dabalee hubachiisa.
Mootummaan Biltsiginnaa maqaa WBO rukutuu jedhuun bakka waraanni hin jirree fi hin argamnetti ummata nagaa qe’ee isaa keessa jiraatu irratti irra deddeebiin godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti haleellaa xayyaaraa raawwataa turee fi jiruun lammiilee Oromoo nagaa dhibboota hedduun ajjeesee, akkasumas madeessee, qabeenyaa fi manneen ummataa maallaqa hedduutti shallagamu barbadeessaa jira.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *