Sudaan murtee kana kan murteessite walgahii adda taโe IGAD osoo mootummaa Sudaan dursee hin beeksisin qopheessee fi marii kana irratti hogganaa hidhattoota Sudaan walgahii Kaampaalaatti geggeeffamu kana irratti afeeruu hordofee akka taโe maddeen gabaasaniiru.
Sudaan Hariiroo IGAD Waliin Qabdu Addaan Kutuu Ibsite; Itophiyaan Walgahii IGAD Irratti Argamuu Akka Hin Dandeenye Hubachiiste.
Sudaan, Mootummootni Misoomaaf Gamtoomanii (IGAD) dhimma keessoo Sudaan keessa waan galeef jecha, marii rakkoo biyyattii furuuf dhaabbaticha waliin eegalte addaan kutuu ifa gooteetti.
Sudaan ibsa Kibxata darbe baasteen, xalayaa Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan dura taโaa IGAD kan taโan Ministeera Dhimma Alaa Jibuutiif barreesseen, mootummaan Sudaan marii rakkoo Sudaan furuu dhaabbaticha waliin eegale addaan kutuu ibseera.
Sudaan murtee kana kan murteessite walgahii adda taโe IGAD osoo mootummaa Sudaan dursee hin beeksisin qopheessee fi marii kana irratti hogganaa hidhattoota Sudaan walgahii Kaampaalaatti geggeeffamu kana irratti afeeruu hordofee akka taโe maddeen gabaasaniiru.
Oduuma walfakkaatuun Itophiyaanis walgahii IGAD Amajjii 18, 2024tti yaame kana irratti kan hin argamne taโuu beeksisteetti.
Ministeerri Dhimma Alaa Itophiyaa xalayaa dura taโaa IGADf barreesseen, โSababa sagantaa biraa kanaan dura tureen walirra buโee fi hubachiisa gabaabduu walgahicha irratti akka hirmaaannu gaafatamneenโ Itoophiyaan walgahii Ugaandaa, Kaampaalaatti qophaaโe kana irratti hirmaachuun kan rakkisu taโuu addeesseera.
Siyaasni Gaanfa Afrikaa kan yeroo kamii caalaatti booraโaa, walxaxaa fi daran kan duumessaaโe taโuu haalli mulโataa jiru kan hubachiisu yoo taโu, kunis muddama jiru caalaatti kan hammeessaa jiru taโuu kan agarsiisuu dha.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *