Ajjeechaan Jumlaa Aanolee Fi Calanqotti Minilikiin Raawwatame Godaannisa Seenaa Waloo Ummata Oromoo Addunyaan Ragaa Baatuu Dha. Haala yeroo irratti ejjennoo Hogganootaa fi Qondaalota ABO Kibba-baha Oromiyaa

Ajjeechaan Jumlaa Aanolee Fi Calanqotti Minilikiin Raawwatame Godaannisa Seenaa Waloo Ummata Oromoo Addunyaan Ragaa Baatuu Dha. Haala yeroo irratti ejjennoo Hogganootaa fi Qondaalota ABO Kibba-baha Oromiyaa

“𝙎𝙚𝙚𝙣𝙖𝙖𝙣 𝘼𝙖𝙣𝙤𝙡𝙚𝙚 𝙛𝙞 𝘾𝙖𝙡𝙞𝙞 𝘾𝙖𝙡𝙖𝙣𝙦𝙤𝙤 𝙎𝙚𝙚𝙣𝙚𝙨𝙨𝙖 𝙌𝙚𝙚𝙣𝙭𝙚𝙚 𝙙𝙝𝙖”  jedhanii leenjii barsiisotaaf laatan irratti dubbachuun qondaalota olaanoo Biltsiginnaa seenaa wallaaluu ykn seenaa dabsuun awwaaluu irraa madda jennee amanna.

Ajjeechaan Jumlaa Aanolee Fi Calanqotti Minilikiin Raawwatame Godaannisa Seenaa Waloo Ummata Oromoo Addunyaan Ragaa Baatuu Dha. Haala yeroo irratti ejjennoo Hogganootaa fi Qondaalota ABO Kibba-baha Oromiyaa

Ajjeechaan Jumlaa Aanolee Fi Calanqotti Minilikiin Raawwatame Godaannisa Seenaa Waloo Ummata Oromoo Addunyaan Ragaa Baatuu dha.

Haala yeroo irratti ejjennoo Hogganootaa fi Qondaalota ABO Kibba-baha Oromiyaa

“Namni seenaa isaa hin beekne, bishaan gabatee irraa ti garuma argetti jal’ata! akkuma jedhan “𝙎𝙚𝙚𝙣𝙖𝙖𝙣 𝘼𝙖𝙣𝙤𝙡𝙚𝙚 𝙛𝙞 𝘾𝙖𝙡𝙞𝙞 𝘾𝙖𝙡𝙖𝙣𝙦𝙤𝙤 𝙎𝙚𝙚𝙣𝙚𝙨𝙨𝙖 𝙌𝙚𝙚𝙣𝙭𝙚𝙚 𝙙𝙝𝙖”  jedhanii leenjii barsiisotaaf laatan irratti dubbachuun qondaalota olaanoo Biltsiginnaa seenaa wallaaluu ykn seenaa dabsuun awwaaluu irraa madda jennee amanna. Gochaa hammeenyaa Minilik ummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo biyyatti irratti raawataa ture, addatti godaannisa seenaa harma muraa fi harka muraa Aanolee dabalatee dhumaatii Calii Calanqoo dhaloota darban irratti raawwatame Oromoon akka sabaatti dhaloota barsiisaa as gaheera. Addatti ABOn gochaa bineensummaa Oromoo irratti raawwatamaa ture Barruu Idilee taasisuun dhaloota barsiisaa jira; fuula duras ni barsiisa. Dhaloonni seenaa isaa baratee barsiisuun barbaachisaa qofa osoo hin taane murteessaa fi dirqama waan taheefi.

Leenjii baanamu, barsiisotaaf kennamaa ture irratti qondaalli olaanaa Biltsiginnaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Godaannisa seenaa Aanolee fi Calii Calanqoo dhaloota jumlaan itti fixan, “𝙎𝙚𝙚𝙣𝙖𝙖𝙣 𝘼𝙖𝙣𝙤𝙡𝙚𝙚 𝙛𝙞 𝘾𝙖𝙡𝙞𝙞 𝘾𝙖𝙡𝙖𝙣𝙦𝙤𝙤 𝙎𝙚𝙚𝙣𝙚𝙨𝙨𝙖 𝙌𝙚𝙚𝙣𝙭𝙚𝙚 𝙙𝙝𝙖” jechuun ifatti gochaa bineensummaa Minilikiin saba Oromoo irratti raawwatame haaluun seenaa dabsanii Minilikiin nama galataa fakkeessuun ergama Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmad dabarsuun isaanii dhimma seeraa fi seenaan wal nama gaafachiisuu dha.

Akka jecha Obbo Fiqaaduu Tasammaatti ajandaan seenaa Aanolee fi Calanqoo kan ka’eef barattoonnii fi barsiisonni dhimma kana irratti hubannoo qixxaataa qabaachuun dhaloonni dhufu akka isaan baanan “𝙎𝙚𝙚𝙣𝙚𝙨𝙨𝙞 𝙌𝙚𝙚𝙣𝙭𝙚𝙚𝙣” kun dhaloota dhufuun dhaalamee dhaloonni akka hammeenyummaa mootota Habashaa Oromoo fi saboota cunqurfamoo biyyattii  irratti raawatan hin kaafneef kan dhihaatee dha.

Kanaan duras qondaala Biltsiginnaa olaanaa Obbo Addisuu Araggaatiin dhimmi Aanolee ka’ee, “Kitaabni barressaa fi gaazexeessaa Tasfaayee/Gadaa Gabra’abiin barraahe CAL’ISNI BURQAA “YE BURQAA ZIMITAA”n seenaa sobaa ti!” jechuun hammeenya Minilikiin Aanoleetti raawwatame dhoksuuf yaaluun isaanii ni yaadatama.

Haala qabatamaa amma lafa irratti mul’ataa jiruun, kan argaa fi dhagahaa jirru irraa kaanee qaamni mootummaa ofiin jedhu PPn, aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfatee jiru, aangoo isaa kana dheereffachuuf jecha, ajandaa guyyuu bixxilaa oolu ummatatti fe’uu dha. Kanneen ajandaa PPn humnaan itti feete fudhatee garuma dibbee itti rukutanitti shubbisuuf fiigu warra waan jedhan malee waan jedhu hin beekne, warra kallattiin harkaa bade, warra ekeraa faarsuu fi ergaa ekera dubbiftuu qofa fudhatee socho’uu dha. Haala deemaa jiru kana irraa ka’uun biyyattii tana kan bulchaa jiru ekeraa dha jennee amanna.

Ummanni Oromoo ergamtoota maqaa Oromoo golgaa fi dahoo godhachuun ajandaa Oromoon daldalaa oolan irraa of tiksuu fi dhaabbatees of ilaaluu qaba. Oromoon akka sabaatti waloon gabroome; waloonis bilisoomuu qaba. Dhumaatiis yoo tahe Oromoon bakka bakkatti Oromummaa waloon qabuun yakkamee ajjeefamaa ture; har’as daran ajjeefamaa jira.

Gochaa bineensummaa Minilik golee Oromiyaa cufa keessatti raawwateen,

  • Arsii Aanoleetti Harmaa fi Harka Murame,
  • Harargee Calanqootti dhiigni Oromoo akka bishaan lagaatti lola’e,
  • Lixa Oromiyaa Gimbiittis jumlaan fixan,
  • Wallotti mormatu citee magaalaa walakkaatti fannifame,
  • Giddu-gala Oromiyaa Gullalleetti kaan fannisanii kaan jiraa awwaalan,
  • Qadiidaa fi Ilkarree dabalatee Karrayyuutti ajjeechaa jumlaatu Oromoo irratti raawwatame,

Seenaa rirmi hin nyaattuu akka waliigalaatti Oromoon godinaalee 11 Oromummaa isaan yakkamee Minilikiin ajjeefamaa ture.

“Weenniin gogaa isheetiif ajjeefamti” akkuma jedhamu, Oromoon qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti roorrifamee sirnoota mootummaata abbaa irree dhufaa darbaan humnaan qe’ee isaa irraa  buqqifamaa, jumlaan ajjeefamaa, lafti isaa saamamaa, namni isaa hidhamee hiraarfamaa har’a gahe. Gochaan baroota sanaa, addatti Mootii Minilik 2ffaan Oromoo fi ummatoota Kibbaa irratti raawwatame har’as harcaatota leellistoota sirna Nugusaa Minilikiin jaarraa 21ffaa keessattis ifatti gaggeeffamaa jira.  Ekeraa Minilk kaasanii akka gootaatti faarsuun madaa Oromoo irratti ashaboo firfirsaa jiran.

Godaannisni seenaa, dhumaatiin ilmaan Oromoo irratti mootota Habashaan walduraa duubaan raawwatamaa ture, kan amma keessatti kufaa jirru dabalatee, dinne-didaan ummanni keenya kallattii jiru cufaan gabroomsaaf jilbeenfachuu didee   dhumaa jiru cufti,  galfataa fi wareegama seenaa Bilisummaa sabaa fi Wolabummaa Biyyaaf ta’amaa jiru seenaa waloo ummata Oromoo bal’aa ti.

Ummanni Oromoo eenyummaa Oromummaa isaa, Biyyaa biyyoo isaa fi seenaa isaa tiksuuf jecha lubbuu ilmaan isaa qarayyoo kumii kitiliin itti wareegee,  lafee isaa cabsee, dhiiga isaa lolaasee, lubbuu qalii itti kitimee, gootota danuu itti dhabe itichee, utubee asiin gahe malee akka laayyootti miti.

Dubbiin seenaa Aanolee fi Calanqoo akkasumas dhumaatiin Oromoon guutummaa goleelee Oromiyaa keessatti eenyummaa isaaf itti wareegamaa as gahe, dubbii laaftuu fi akka salphaatti ergamtoonni PP warri seenaa hin beeknee fi seenaa hin qabne gadi bahanii “𝙎𝙚𝙚𝙣𝙖𝙖𝙣 𝘼𝙖𝙣𝙤𝙡𝙚𝙚 𝙛𝙞 𝘾𝙖𝙡𝙞𝙞 𝘾𝙖𝙡𝙖𝙣𝙦𝙤𝙤 𝙎𝙚𝙚𝙣𝙚𝙨𝙨𝙖 𝙌𝙚𝙚𝙣𝙭𝙚𝙚 𝙙𝙝𝙖”  jedhan osoo hin taane, dubbii eenyummaa Oromummaa, dubbii lafaa fi lafee, dubbii dhaloonni dhaloota irraa dhaalee dhaloota aanutti tarkaanfachiisu kudhaama seenaa ti.

Dhaloonni har’aa, dhaloonni bara ifnanaa, dhaloonni Qubee, seenaa abboota, akaakayyootaa fi abaabayyoota isaanii dhaloota bara dukkanaa warra seenaa dhiiga isaaniin galmeessanii nuun gahan, dhigaan barreessinee tiksuun dhalootaaf dabarsuun dirqama dhalootaa ti.

Warri gochaa fi jechaan  seenaa Oromoo xureessuu fi bakkaa kasnee kan biroon bakka buufna jedhanii morma as baafatanii watwaatan, Oromoon waloon morma isaa itti dhabee tikfata malee, sobaa fi sossobbaan gowwoomsinee warra harkaa dhiigaa, Minilikii fi fakkaattota akka isaa Oromootti faarsinee fudhachiifna warri jedhee yaadu akka itti hin milkoofne firaa fi diinnis beekuu qaba.

Biyya tuffatan harreen keessa garmaamu! akkuma jedhamu, jechaa fi gochaan faarsee bultootaa fi eker-dubbiftootaa, maqaa “ Godambaa injifannoo Adwaa” jechuun Oromoo irraa buqqisanii, godoo keessa jiraatus dhabsiisuun Finfinnee Birbirsa Goorootti, lafa hektaara shan (5) irratti Godambaa/Muuziyemiin Ekeraa yaadannoo Minilikiif ijaaran, ummatoota Itoophiyaa keessaaf qoree dhoqqee keessaa ti. Addatti ummata Oromootiif madaa isaa irratti ashaboo firfirsuu dha jennee amanna.

Waan taheef, Oromiyaan lafa farda keessatti sakaalanii harreen keessa garmaaman miti. Ummanni Oromoo keessaa fi alaan wal tahuun kan yeroo kamiiyyuu caalaa qabsoo roga hundaan irra jiru finiinsuun ijibbaata falmaa mirga abbaa biyyummaa isaaf yeroon itti ka’u ammaan dhaamsa keenya.

Hogganootaa fi Qondaalota ABO Kibba-baha Oromiyaa

Gurraandhala 19, 2024

6 comments
SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

6 Comments

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO