Qondaalli ABO Jaal Battee Urgeessaa ammas PPn qabamee mana hidhaa buufame
Biltsiginnaan Miseensota ABO Irratti Fuulefachuun Hidhuu Akkuma Itti Fuftetti Jirti.

Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo Jaal Battee Urgessa Gurraandhaka 22, 2024 gaafa Kamisaa Finfinnee naannoo Booleetii qabamee achi buuteen isaa dhabamee ture, yeroo ammaa kana waajjira Poolisii kutaa Bulchisa Boolee mana hidhaa Garjii “Anbasaa Garaj” jedhamutti hidhamee akka jirutuu barame.
Jaal Batteen kanaan duras jaallan isaa waliin manneen hidhaa Burraayyuu, Awaash Malkaa Sa’aa fi Galaanitti buufataalee poolisaa fi kampii waraanaa gara garaa keessatti hidhamaa turee, dhibee Tiruu mana hidhaa keessatti itti hammaateef haala hamaa irra geenyaan akka gadi dhiifame ni yaadatama.
Bifuma wal fakkaattuun jaallan Hoogganoota, Qondaalotaa fi miseensonni ABO hedduun turtii ganna 2 hanga 6 tahu manneen hidhaa Biltsiginnaa keessatti murtoo seeraa malee murtii dabaan hiraarfamaa jiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *