Addi Bilisummaa Oromoo Ajjeechaa Miseensa isaa Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwatame gadi-jabeessee Balaaleffata – Ibsa ABO

Addi Bilisummaa Oromoo Ajjeechaa Miseensa isaa Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwatame gadi-jabeessee Balaaleffata – Ibsa ABO

Naga jaal’attootni addunyaa fi mirga ilma namaaf Dhaabbileen falman hundi ajjechaan Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwatame qaama bilisaan akka qoratamuuf akka hojjatan ABOn jabeessee gaafata!

Addi Bilisummaa Oromoo Ajjeechaa Miseensa isaa Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwatame gadi-jabeessee Balaaleffata – Ibsa ABO

Har’a  Ebla 10, 2024,  ABOn ajjeefamuu miseensaa fi qondaala siyaasaa  isaa yeroo dhagahu, gaddaa fi onnee-caba guddaatu itti dhagahama.  Jaal Batteen bakka dhaloota isaa Giddu-Gala Oromiyaa magaalaa Maqiitti halkan edaa ajjeefame. Jaal Batteen nama qaroo, sabboonaa ummataa isaa jaal’atuu fi kan Oromoon haalaan mararfatuu fi kabajuu dha. Hanga gaafa lubbuun isaa darbuutti qaamaa fi qalbii guutuun dhaaba isaa fi ummataa isaa tajaajilaa kan turee dha.

Ajjeechaan seeraan alaa, gara jabinaa fi maal-na-dhibdee akkasii ilmaan Oromoo qaroo ta’anii fi kanneen Oromoof sagalee ta’an yeroo adda addaatti ajjeechaa suukanneessaan irratti raawwatamaa turuun waan ummatni Oromoo fi addunyaan quba qabuu dha.

Aartistii keenya beekamaa fi jaalatamaa Hacaaluu Hundeessaa ajeefamu qofa osoo hin taane, maatii isaa fi  ummaannii Oromoo haqa  dhorkatamee jira. Dhimmi ajjeeffamuu Hacaaluu ukkaamfamee hafe.  Ummati keenya haqa ilmaan isaa haga ammaatti argachuu hin dandeenye.

ABOn ajjeechaa Jaal Battee irratti raawwatame, haala hamtuu keessatti qormaata gochaa jira. Dhugaa argachuu fi dhugaan osoo beekamees haqa sirna Itoophiyaa jalatti argatuun hagam ulfaataa akka tahe garuu ummatni keenyaa fi addunyaan ni beeka.

ABOn gadda laaleessaa itti dhagahame ibsachaa, maatii, firoottanii fi ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa maraaf jajjabina hawwa. Qabsawaan bu’aa inni  saba isaatiif buuse seenaa keessatti bara baraan ni jiraata.

Naga jaal’attootni addunyaa fi mirga ilma namaaf Dhaabbileen falman hundi ajjechaan Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwatame qaama bilisaan akka qoratamuuf akka hojjatan ABOn jabeessee gaafata, itti iyyata.

Injifatnoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo!

Ebla 10, 2024

Finfinnee

1 comment
SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

1 Comment

  • Degaga Taye
    April 11, 2024, 12:05 pm

    ABO Abdii saba oromoo

    REPLY

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO