Ajjeechaa Suukanneessaan Qondaala ABO Jaal Battee Urgeessaa irratti Raawwatame Ajjeechaa Siyaasaa ti – Ibsa Ejjennoo Caasaa Jaarmiyaa ABO Giddu-Galeessa Oromiyaa

Ajjeechaa Suukanneessaan Qondaala ABO Jaal Battee Urgeessaa irratti Raawwatame Ajjeechaa Siyaasaa ti – Ibsa Ejjennoo Caasaa Jaarmiyaa ABO Giddu-Galeessa Oromiyaa

Dhuma irratti nuti Caasaan Jaarmiyaa ABO Giddu-Galeessaa Jaala keenya Jaal Battee Urgeessaa imala qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti fakkii inni kaa’ee darbe cichoomina, kutannoo fi murannoo inni qabsoo sabaaf qabu irraa baranneerra.

Ajjeechaa Suukanneessaan Qondaala ABO Jaal Battee Urgeessaa irratti Raawwatame Ajjeechaa Siyaasaa ti – Ibsa Ejjennoo Caasaa Jaarmiyaa ABO Giddu-Galeessa Oromiyaa

Nuti Caasaan Jaarmiyaa ABO Giddu-Galeessaa Oromoo ajjeechaa suukanneesaan  Ebla 09/2024 qondaala ABO Jaal Battee Urgeessaa irratti Magaala Maqiitti raawwatame ajjeechaa siyaasaa ti jennee amanna. Gameessi qondaalli ABO Jaal Battee Urgeessaa Baha Shaggar Ona Maqii Ganda Baqaleetti kan dhalate yeroo barataa Yuuniversitii ture irraa eegalee hanga guyyaa wareegamuutti kallattii fi al-kallattiin qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti goota ga’ee isaa ba’achaa turee fi jaala ummanni Oromoo karaa hundaan akka ijaaramuuf hanga Waldaa Wal-gargaarsa Barattoota Oromoo hundeessuutti nama hojjechaa turee dha.

Jaal Batteen imala qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti sochii diddaa gabrummaa barattootaa keessatti qooda fudhachaa ture. Kana keessatti dararamni hidhaa, qaama hir’isuu hanga maatii isaa reebuutti ga’uun qor-qalbiin akka miidhamuuf irratti duulameera.

Jaal Batteen Fincila Diddaa Garbummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoon Wayyaanee angoo irraa buusuuf gaggeeffamaa ture keessatti ga’ee guddaa taphachaa tureera. Balaa kanaanis dararamni guddaan hojii idilee irraa ari’atamuu hanga hidhaatti irra ga’aa tureera. Akkuma Wayyaaneen aangoo irraa buuteen Jaal Batteen erga Hoogganni Dhaaba keenyaa gara Oromiyaatti deebi’ee yeroo isaa guutuu kennuun dirqama dhaaba irraa itti kennamu fudhachuun hojjechaa ture. Hanga guyyaa wareegamuuttis rakkoo ummata Oromoo irra ga’aa jiruu fi dhaaba isaa ABOfis karaa Miidiyaa fi carraa waltajjii argate kamittuu fayyadamuun sodaa fi nuffii tokko malee osoo of-hin qusatin sagalee ta’aafii tureera. Jaal Batteen ummata Oromoo qofaaf osoo hin taane, sabootni cunqurfamoo mirga hiree ofiif qabsa’aa jiraniif sagalee ta’aafii nama turee dha.

Walumaagalatti Jaal Battee Urgeessaa deemsa qabsoo bilisummaa Oromoo  keessatti ga’ee isaa ba’achaa ture keessatti Jaallanii fi ummata isaa biratti jaallatamaa fi kabajamaa dha. Yaa ta’u malee diinotaa fi mootummaa Itoophiyaa biratti Jaal Batteen sodaatamaa dha. Sanaafi akkuma qabsaa’ota biroo bittootaan gaadi’amee kan hidhaan dararamaa ture.

Kanaaf, Ajjeechaan Gara-jabinaa Jaala keenya gameessa Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwatame, ajjeechaa siyaasaa sirnaan raawwatame ta’uu kan akeekan, deemsa qabsoo Jaal Batteen hanga guyyaa wareegamuutti raawwataa dhufee fi amala sirni Mootummaa Bilxiginnaa hoogganoota, qondaalotaa fi miseensota ABO akkasumas qabsa’oota Oromoo maraaf qabu waggoota Ja’aaf agarsiisaa turee fi jiru hubachuun ga’aa dha.

Kana jechuun mootummaan, Hoogganni ABO akkuma gara Oromiyaa dhufeen qabsoo Oromoo galii hanqisuuf danda’an dhaabicha diiguuf, dadhaban immoo dadhabsiisuuf daboota raawwatamaa turan keessaa, hoogganootaa hanga miseensotaatti hidhuun, kaan ajjeesuu, kaan biyyaa baasuun akkasumas qabsaa’ota Oromoo hedduu hidhaan dararuu irra darbee golee Oromiyaa hundatti ajjeechaawwan raawwataniiru. Ragooleen kunneenis kan akeekan ajjeechaa siyaasaa qinda’aa mootummaa biyya bulchaa jiruun raawwatamaa turanii dha.

Kanaaf nuti caasaan Jaarmiyaa ABO Giddu-Galeessa Oromiyaa ajjeechaan suukanneessaan Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwatame ajjeechaa Siyaasaa ti jennee amanna.

Ta’us haqni Jaal Battee Urgeessaa akkuma ajjeechaawwan kanaan dura Oromiyaatti raawwataman, kan Artiisti Daadhii Galaan, Hacaaluu Hundeessaa, Abbootii Gadaa Karrayyuu akka awwaalamee hin hafneef qorannoon bilisaa biyya keessaa hanga alaatti akka gaggeeffamu cimsinee gaafanna.

Dhuma irratti nuti Caasaan Jaarmiyaa ABO Giddu-Galeessaa Jaala keenya Jaal Battee Urgeessaa imala qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti fakkii inni kaa’ee darbe cichoomina, kutannoo fi murannoo inni qabsoo sabaaf qabu irraa baranneerra.

Xumura irratti Lubbuu qaalii Oromoof wareegaman bara baraan yaadachaa, qabsoo bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf nutis akkuma jaallan kaleessaa xurree isaanii osoo gad hin dhiisin, dararama ummanni Oromoo yeroo ammaa karaa Siyaasaa, Diinagdee fi Hawaasummaatiin argaa jiru irraa hambisuuf, ummata dammaqsuun, ijaaruun, humneessuun, lafa bilisa irratti dhalate irratti bilisaan jiraatee akka darbuuf qabsoo eegalame cimsinee kan itti fufnu ta’uu hubachiisna.

Injifannoo Uummata Bal’aaf!

Caasaa Jaarmiyaa ABO Giddu-Galeessa Oromiyaa

Ebla 16, 2024

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO