Bahaa fi Lixa Shaggar Akkasumas Kibba Oromiyaa fi Baha Wallaggaa Keessatti Ummatni Meeshaalee Waraanaa Gugurdoon Haleelamuun Miidhama Ulfaataaf Saaxilamaa Jira

Bahaa fi Lixa Shaggar Akkasumas Kibba Oromiyaa fi Baha Wallaggaa Keessatti Ummatni Meeshaalee Waraanaa Gugurdoon Haleelamuun Miidhama Ulfaataaf Saaxilamaa Jira

Keessumaa erga guyyoota 11 as Bahaa fi Lixa Shaggar keessatti waraanni, miliishaan, poolisootnii fi gaachana sirnaa kan jedhaman ummata nagaatti bobbaโ€™uun yakka ulfaataa kan raawwataa jiran yoo taโ€™u, waraanni mootummichaa RIB jedhamu ammoo meeshaalee gugurdaa fi baranee qeโ€™ee ummataa keessatti dhukaasuun lubbuu namoota hedduu dhabamsiisaa, qabeenya barbadeessaa fi lammiilee kumootaan qeโ€™ee irraa buqqisaa jira.

Bahaa fi Lixa Shaggar Akkasumas Kibba Oromiyaa fi Baha Wallaggaa Keessatti Ummatni Meeshaalee Waraanaa Gugurdoon Haleelamuun Miidhama Ulfaataaf Saaxilamaa Jira

Mootummaan PP WBO golgaa godhatee hidhaa, ajjeechaa fi saamicha ummata Oromoo irratti deemsisu akka maleetti hammeessuu fi babalโ€™isuudhaan  waraana dhaabbataa RIB jedhamu, humna addaa, poolisa, miliishaa fi amma ammoo gaacha sirnaa kan jedhu ijaaruudhaan guutuu godinaalee Oromiyaatti bobbaasee yakka waraanaa lammiilee nagaa irratti raawwatu itti fufeera.

Keessumaa erga guyyoota 11 as Bahaa fi Lixa Shaggar keessatti waraanni, miliishaan, poolisootnii fi gaachana sirnaa kan jedhaman ummata nagaatti bobbaโ€™uun yakka ulfaataa kan raawwataa jiran yoo taโ€™u, waraanni mootummichaa RIB jedhamu ammoo meeshaalee gugurdaa fi baranee qeโ€™ee ummataa keessatti dhukaasuun lubbuu namoota hedduu dhabamsiisaa, qabeenya barbadeessaa fi lammiilee kumootaan qeโ€™ee irraa buqqisaa jira.

Erga dhihoo kanaa as ammoo Onoota Lixa Shaggar Jibaat, Daannoo, Dirree Incinnii, Tokkee Kuttaayee fi kanneen itti dhiheenyatti argaman keessatti meeshaalee gugurdoo fi baranee taโ€™an fageenya irratti rukutan RIB mootummaa Biltsiginnaan maqaa WBO rukutuu jedhuun gandeenii fi qeโ€™ee ummataa keessatti dhukaafamaa jiran namoota hedduu ajjeesuu, qaamaa hirโ€™isuu, qabeenyaa fi manneen barbadeessuu akkasumas ummatni lakkoobsaan guddaa taโ€™e mana ofii gadhiisee akka baqatu taasisaa jiraachuu maddeen Lixa Shaggar gabaasaniiru. Xayyaarotni waraanaa mootummichaas godinicha keessatti ummata nagaa fixaa, qeโ€™ee fi qabeenya barbadeessaa jiru jechuun maddeen kunniin ni hubachiisu.

Yakki waraanaa ummata Oromoo balโ€™aa fi hawaasa addunyaa jalaa dhokfamee Lixa Shaggar keessatti waraana mootummaa PPn ummata nagaa irratti raawwatamaa jiru lubbuu qonnaan bultoota Oromoo hedduu dhabamsiisuu fi kumootaan akka buqqaโ€™an taasisaa jiru guyyaa 11ffaa qabachuu fi hanga ammaatti namni ummata kanaa dirmatuu fi gidiraa inni keessa jiru baasee dubbatuuf dhibamuun ammoo mootummichi yakka isaa kana caalaatti akka itti fufu taasisee jira jechuun maddeen naannoo sadarkaa miidhama ummataa ifa godhu.

Baha Shaggar, Baha Wallaggaa fi Kibba Oromiyaa Onoota hedduu keessattis mootummaan PP WBO dhabamsiisuu akeeka jedhuun humna waraanaa guddaa, miliishotaa fi qaamota nageenyaa bifa adda addaan ijaare bobbaasuun miidhama guddaa ummata nagaa irraan gahaa akka jiru beekuun dandaโ€™ameera.

Tahe jedhamee meeshaalee gugurdoon waraana PPn fageenya irraa qeโ€™ee ummataa keessatti dhukaafamaa jiru kan mootummichi maqaa dhahatee yakka raawwatu WBO rukutaa jira osoo hin taane, ummata nagaa homaa of harkaa hin qabne, meesha-maleeyyii fixaa, manaa fi qabeenya duraa mancaasaa jira jechuun maddeen keenya ifa godhu.

Yakki waraanaa mootummaa paartii PPn Lixa Shaggar keessatti raawwatamaa jiru, Baha Shaggar, Baha Wallaggaa fi Kibba Oromiyaa iddoo hedduu keessatti bifuma walfakkaatuun raawwatamaa jira kan jedhan maddeen keenya, ummatni keenya roorroo hamtuu, jiruu fi jireenya isaa keessatti argee hin beekne keessummeessaa jira jechuun hammeenyaa fi faashistummaa abbaa irree mootummaa PP ifa godhu.

Ummatni keenya kan keessaas kan alaas osoo hin hifanne, wal hin harcaasnee fi maal na dhibe utuu hin jenne, ummata qeโ€™ee isaa keessatti itti roorrisamaa fi meeshaalee gugurdoo fi xayyaarota waraanaan dhumaa jiru kanaaf sagalee tahuu, miidhama isaa kana gurra hawaasa addunyaa buusuu, yakka sirnichaa saaxiluu jabaatanii akka itti fufan dhaamsa dabarsina.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO