Hidhaa, Ajjeechaa, Manneenii fi Qabeenya Ummataa barbadeeffamaa jiru – Kibba-baha Oromiyaa

Hidhaa, Ajjeechaa, Manneenii fi Qabeenya Ummataa barbadeeffamaa jiru – Kibba-baha Oromiyaa

Kibba-baha Oromiyaa keessatti maqaa “Shanee deggertu” jedhuun waraanni, milishaan, poolisni, kaabinee fi dabballeen mootummaa PP roorroo fi gidiraa hamaa ummata irraan gahuu itti fufaniiru. Hidhuun, ajjeesuun, manaa fi qabeenya ibiddaan gubanii barbadeessuun hojii guyya guyyaa hidhattoota mootummaa PP Godina Kibba-baha Oromiyaa erga ta’ee bubbuleera. Keessumaa mana ummataa qabeenya waliin gubanii barbadeessuun babal’ateera.

Hidhaa, Ajjeechaa, Manneenii fi Qabeenya Ummataa barbadeeffamaa jiru

Kibba-baha Oromiyaa keessatti maqaa “Shanee deggertu” jedhuun waraanni, milishaan, poolisni, kaabinee fi dabballeen mootummaa PP roorroo fi gidiraa hamaa ummata irraan gahuu itti fufaniiru. Hidhuun, ajjeesuun, manaa fi qabeenya ibiddaan gubanii barbadeessuun hojii guyya guyyaa hidhattoota mootummaa PP Godina Kibba-baha Oromiyaa erga ta’ee bubbuleera. Keessumaa mana ummataa qabeenya waliin gubanii barbadeessuun babal’ateera.

Haaluma kanaan Caamsaa 30, 2024 guyyaa kaleessaa hidhattootni mootummaa PP Godina Arsii Bahaa Ona Martii ganda Wataroo Diinoo keessaa manneen ummataa hedduu barbadeessaniiru. Kanneen manneen qabeenya waliin ibiddaan jalaa barbadeeffame keessaa maqaan namoota 42 nu dhaqqabee jira. Isaanis:

1. Qaasim Elemoo Roobaa

2. Sa’idoo Mi’eessoo Roobaa

3. Sa’idoo Mi’eessoo Hasanoo

4. Sa’idoo Mi’eessoo Guutoo

5. Sa’idoo Mi’eessoo Eda’oo

6. Sulxii Eda’oo Tamaam

7. Eda’oo Mi’eessoo  Abbishuu

8. Abdallaa Mi’eessoo Jamoo

9. Abdallaa Bilisuu Abdallaa

10. Leencoo Waaqoo Mammadoo

11. Elemoo Rooba Daawudoo

12. Maammad Elemoo

13. Huseen Dhaddachoo Sh/Amanoo 

14. Hajii Waaqoo Ganaa

15. Maammad Turee Obee

16. Qaasim Maammad  Turee

17. Ziyaad  Maammad Turee

18. Tamaam Adam Hawiyoo

19. Adam Hawiyoo

20. Kadiroo Gandoo Badhoo

21. Hawaas Kadiroo Gandoo

22. Adam Obsee Galatoo

23. Su’uudii Ganaa Gubii

24. Jamaal Amanoo Gubii

25. Gubii Roobaa Mustii

26. Ganaa Gubii

27. Maammad Ganaa Gubii

28. Aliyyii Ganaa Gubii

30. Jirbiloo Gabii Qomichaa

31. Usmee Qomichaa Booree

32. Ganichoo Ambaa Tulluu

33. Ibroo Ganichoo Ambaa

34.  Usmaan Tukii Saafanoo

35. Guutoo Galatoo Boruu

36. Kaliiloo Eda’oo Boree

37. Gabii Eda’oo Boree

38. Unjuu Qomichaa Booree

39. Sulxii Unjuu Qomichaa

40. Boree Hustii Qomichaa

41. Boree Qaasim Obsee

42. Jiboo Qaasim Obsee

43. Ibroo Hustii fi

42. Jiboo Qaasim Obsee ti.

Ummanni ganda Wotaroo Diinoo mannii fi qabeenyaan jalaa gubate hedduun hidhamanii kaan ammoo qe’ee gadhiisanii baqatuun rakkoo ulfaataa keessatti argamu jechuun maddeen SBO gabaasaniiru.

Walumaagala haalli Godina Kibba-bahaa keessa jiru kan duraa irraa adda, haalaan ummatatti ulfaatee jira kan jedhan maddeen SBO, mootummaan PP maqaa WBO bal’eessuu jedhuun duula haaraa baneen ummata ba’aa fi gala dhorkeera; gidiraa kana hin jedhamne keessa buuseera jedhu.

Mootummaan murna PP aangoo afaan qawween dhuunfate afaan qawween tikfatuuf jecha, duula haaraa jalqabe kanaan gurmuu Miliishaa murna murnaan nama 10 – 15 walfaana bobbaasuun daandii magaalota hunda seensisan sakattaasisaa, waraqaa eenyummaa gaafataa, ummata mobila harkaa fuudhanii deebisuufii diduun, kaan hidhuun, garii ammoo humnaan gara moonaa leenjii waraanaatti geessuun hiraaraa fi dhiittaa mirgaa kana hin jedhamne ummata irraan gahaa jiru. Manneen siree, hoteelota, manneen daldalaa, manneen dhuunfaa fi kkf maqaa sakattaan rakkisaa waan isaanitti tole yo argan ammoo fudhataa jiru jedhu maddeen keenya.

Maatiin ijoollee isaanii seeraan ala hidhaman akka gadhiifamaniif yo iyyachuu dhaqan maallaqa hanga birrii 50,000 olii gaafachaa akka jiranii fi maallaqa kana kaffalanii kanneen ijoollee isaanii hidhaa irraa baafatan akka jiran illee maddeen keenya ni ibsu. Baadiyaaleen Onoota Godinichaa hundi haaluma olitti ibsame kana keessummeessaa jiru.

Hidhaa fi ajjeechaanis akkuma itti fufetti jira kan jedhan maddeen SBO, Caamsaa 20, 2024 Ona Shirkaa ganda Matiinaa Gaadoo jedhamutti abbaa maatii 7 kan ta’e namni Baatii Roobaa Galgaloo jedhamu hidhattoota PPn ajjeefamuu gabaasan. Guyyuma kana ganda Matiinaa Hindheessaatti abbaa mucaa tokkoo kan ta’e nama Asheetuu Shittoo jedhamu akka ajjeesanis barameera. Amaan Roobaa Galgaluu kan jedhamu ammoo ukkaamsanii fudhatuun haga yoonaa eessa akka jiru hin baramin jiraachuu maddeen keenya ifa godhu.

Caamsaa 26 fi 27, 2024 Ona Adaabbaa ganda Haqootti namootni 4, Abdurrahiim Abdurroo, Xaahir Saadee, Jamuu H/Yuunee fi Abdulkariim Bariisoo jedhaman yoo ajjeefaman, namootni 14 ol ammoo hidhamaniiru.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO