Mootummaan Bilxiginnaa Haleellaa Qilleensa irraa Gujii Lixaa irratti raawwateen namootni baayโ€™een ajjeefaman

Mootummaan Bilxiginnaa Haleellaa Qilleensa irraa Gujii Lixaa irratti raawwateen namootni baayโ€™een ajjeefaman

Haleellaan Qilleensaa Gujiitti ummata galaafate

Mootummaan Bilxiginnaa Haleellaa Qilleensa irraa Gujii Lixaa irratti raawwateen namootni baayโ€™een ajjeefaman

Waxabajjii 01, 2024 guyyaa harโ€™aa haleellaa qilleensa irraa mootummaan PP Kibba Oromiyaa Godina Gujii Lixaa Ona Malkaa Sooddaa ganda Baartaa irratti raawwateen namootni hedduun ajjeefamuu maddeen SBO mirkaneessaniiru. Kanneen keessaa maqaan namoota 4 kan nu dhaqqabe yoo tahu, isaanis:

  1. Obbo Hasan Duubee
  2. Obbo Mohaammad Abdoo
  3. Obbo Miโ€™eessaa Duubee fi
  4. Obbo Abdiyaa Quluu faa dha.

Gujii Bahaa fi Lixaa keessatti mootummaan Bilxiginnaa irra deddeebiin tarkaanfii qilleensa irraa gandeen ummataa irratti fudhataa tureen lubbuu ummata qulqulluu hedduu balโ€™eessuu, manneenii fi qabeenya ummataa mancaasuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Kana malees waraanni PP, Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) jedhaman WBO golgaa godhatuudhaan meeshaalee gugurdaa gandeen ummataa irratti roobsaniin lammiilee nagaa hedduu ajjeesanii, kaan qaamaa hirโ€™isuun manneen hedduu barbadeessaniiru.

Godina kana keessatti hidhattootni sirnichaa, kaabinootnii fi bulchitootni waltahuudhaan ummata nagaatti bobbaโ€™anii โ€œShanee of keessaa baasaaโ€ kan jedhuun ajjeechaa, hidhaa fi saamicha qabeenyaa balโ€™aa akka raawwataa turanii fi jiran gabaafameera.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO