Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n yakka waraanaa irra deddeebiin ummata meesha maleeyyii irratti Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Faannoon raawwatamu gadi jabeessee balaaleffata, duras dhaabbata.
Yakki Waraanaa Ulfaataa fi Hammaataan Waraanni Biltsiginnaa fi Faannoon Qindoominaan Ummata Meesha Maleeyyii Irratti Raawwatan Yakka Namoomaa Qaama Kamiinuu Balaaleffatamuu Qabuu dha – Ijoo Dubbii ABO
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n guutummaa goleelee Oromiyaa keessatti irra deddeebiin bulchiinsa Biltsiginnaa jalatti lola qindaawaa loltoota mootummaa Biltsiginnaa fi weerartoota babal’ifannaa lafaa fi qe’ee fi qabeenyaa ummata Oromoo saamuuf bobba’aniin miidhaa ummata Oromoo irra gahaa ture jala bu’uun beeksisaa turuun ni beekkama. Keessaayyuu naannoo Oromiyaan wal daangessan kanneen akka Walllaggaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Lixaa fi godinoota addaa Oromiyaa Naannolee Amhaaraa fi Benishaangul keessa jiran Walloo fi Matakkal keessatti golgaa waraanni Biltsiginnaa kennuufiin Faannoon ifatti ummata keenya irraa qabeenyaa saamuu, qe’ee irraa baqachiisuu, rasaasa itti roobsuun lubbuu ummata siviilii akka baalaatti harcaasuu hojii guyya guyyaa erga godhatanii bubbulaniiru.
Ammas Giddu gala Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Ona Noonnoo ganda Qondaala jedhamee waamamutti halkan gaafa 07,10,2016 ALI ykn Waxabajjii 14, 2024 gochaa bineensummaa ummata keenya irratti raawwataniin, Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) fi Hidhattoonni Faannoo weerara qindaawaa ummata nagahaa irratti bananiin, yakka waraanaa (War criminal) ulfaataa fi hammataa ummata meesha maleeyyii irratti raawwatan. Ummata sirna fuudhaa fi heerumaa gaggeefatu cidha irra jiru manatti itti cufuun Boombii itti darbatanii akka gubanii fi kanneen lubbuu baafachuuf sochii taasisaa turanis rasaasa itti dhukaasuun akka lubbuu isaanii galaafatan mirkana’aa dha.
Yakki namoomaa kun golgaa Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) kenneefiin hidhattoonni Faannoo akka ummata keenya jumlaan fixaniif daandii saaqe jedhu caasaan dhaabaa itti dhiheenyaan taatee kana arge. Kanaan alattis, mana cidhaa balbaala itti cufuun boombii itti darbatanii warra lubbuu baafatuuf sochii taasisaa turan ammoo meeshaalee waraanaa jajjabaatti fayyadamuun dhukkasa itti bananii lubbuu namoota hedduu gaaga’aniiru. Walumaa galatti namoonni 20n Boonbiin gubachuu fi namoonni 4 ammoo rasaasaan rukutaman lubbuun bahuu Addi Bilisummaa Oromoo mirkaneeffateera.
Yeroo ammaa kanas namoonni miidhaa cimaan irra gahe hospitaala waliigala Walisootti yaalamaa akka jiran mirkanaa’eera.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n yakka waraanaa irra deddeebiin ummata meesha maleeyyii irratti Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Faannoon raawwatamu gadi jabeessee balaaleffata, duras dhaabbata.
Lolli qindaawaan “Qurxummii Balleesuuf madda Bishaanii Gogsuu” dhaadannoo jedhuun Biltsiginnaan ummata meesha maleeyyii irratti lola irraa jalaan banuu fi qe’ee fi qabeenyaa ummata Oromoo saamuuf jecha hidhattoonni Faannoo weerarri taasisan cufti ba’aan isaa ummata keenya irratti walgahuun gaaga’ama ulfaataaf saaxileera. Ummanni keenya rakkoo lakkuu keesummeessaa jira. Kun ammoo yeroo kam iyyuu caalaa, Adda Bilisummaa Oromoo akkaan yaaddessa.
Wabii nageenyaa fi jireenyaa dhabuun ummatni meesha maleeyyiin qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti akka baalaatti harca’uun, ummanni mootummaa mataa isaa akka hin qabnee fi biyyi harka waraana itti gaafatamummaan itti hin dhagahamneetti kufuu mirkaneessa.
Waan taheef, rakkoo gama kamiinuu impaayira Itoophiyaa kana keessatti dhalatuun ummata meesha maleeyyii boqonnaa nageenyaa fi jireenyaa dhowwee akka baalaatti harcaasaa jiruuf qaamni adda durummaan itti gaafatamu, gaafatama seeraa fi seenaa jalaa hin baane Biltsiginnaa qaama aangoo Siyaasaa afaan qawween dhuunfatee afaan Qawween biyyattii goolaa jiruu dha.
Gochaa suukanneessaa, yakka waraanaa (war criminal) ulfaataa fi hammaataa Waraanni Biltsiginnaa Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Hidhattoonni Faannoo qindoominaan ummata meesha maleeyyii irratti raawwatan qaama kamiinuu balaaleffatamuu kan qabuu dha. Kanaaf, qaamootni kamuu gochaa hammeenyaa kana akka dura dhaabbatanii fi balaaleffataniif ummanni Oromoo bal’aan keessaa fi alaa, lammiileen Oromiyaa, waliigalatti ummatoota biyyattiif gadi jabeesinee dhaamna.
Maayii irratti jaarmiyaaleen siviilii, dhaabbileen mirga namoomaa fi hawaasni iddil-addunyaas gocha kana akka morman waamicha taasisna.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 18, 2024
Finfinnee
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *