Kibba Itoophiyaa Godina Goofaatti Balaa Uumamaa Sigigaachuu Lafaatiin Miidhaa Ummata Irra Gaheef ABOn Gadda Ol’aanaa Itti Dhagahame Ibsata – Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Kibba Itoophiyaa Godina Goofaatti Balaa Uumamaa Sigigaachuu Lafaatiin Miidhaa Ummata Irra Gaheef ABOn Gadda Ol’aanaa Itti Dhagahame Ibsata – Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Dhaabbileen gargaarsaa naannoo fi Iddil-Addunyaa ummata qe’een isaa balaa uumamaan manca’e kana akka deebisanii hadhaadhiyaniif, kanneen miidhaan qaamaa fi qalbii isaan mudate akka tumsan Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n waamicha taasisa.

Kibba Itoophiyaa Godina Goofaatti Balaa Uumamaa Sigigaachuu Lafaatiin Miidhaa Ummata Irra Gaheef ABOn Gadda Ol’aanaa Itti Dhagahame Ibsata – Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Kibba Itoophiyaa Godina Goofaa Ona Gaazee Goofaa ganda Keenchoo Shaachaatti rooba ulfaataa halkan gaafa Dilbataa roobaa buleen, barii guyyaa Wiixataa gaafa Adoolessa 22, 2024tti balaa Sigigaachuu lafaatiin daa’imman, haadholii fi maanguddoota dabalatee ummatni laakkofsaan 230 ol tahu lubbuun darbuu Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n hubatee jira. Reeffi namootaa hanga guyyaa Roobii har’aattiis barbaadamaa jira.

Balaa sigigaachuu lafaa kanaan lafti citee manneen jireenyaa hedduun kufuun, warra baraaruuf dhaqan poolisii ummataa dabalatee lubbuu ummataa darbe kana gaafa dhageenyu gaddi dhaaba keenyaa akkaan ol’aanaa dha.

Obboloota keenya, ummata Kibba Itoophiyaa balaa uumamaan of biraa dhabneef irra deebiin gadda guddaa nutti dhaga’ame ibsachaa, kanneen balaa kanaan dhabamanii hanga ammaa reeffi isaanii hin argaminiif, lubbu-baraartonni waan danda’an cufa akka carraaqan dhaamna.

Dhaabbileen gargaarsaa naannoo fi Iddil-Addunyaa ummata qe’een isaa balaa uumamaan manca’e kana akka deebisanii hadhaadhiyaniif, kanneen miidhaan qaamaa fi qalbii isaan mudate akka tumsan Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n waamicha taasisa.

Maayii irratti, kanneen of biraa dhabneef Rabbi lubbuu isaaniif haa araaramuuf jechaa, maatii, firootaa fi ummatoota biyyattii cufaaf obsaa fi jajjabina hawwina.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Adoolessa 24, 2024

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO