Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti yakki caasaalee mootummaa PPn ummata irra gahu hammaateera
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Hidhaan, Ajjechaan, Saamichii fi Roorroon Ummata Irra Gahu Daran Hammaate
Onoota Godina Horroo Guduruu Wallaggaa hunda keessatti ajjechaan, hidhaan, saamichii fi gidiraan waraana mootummaa PP, caasaalee nageenyaa fi bulchiinsaan ummata nagaa irratti raawwatamu daran hammaatuu maddeen SBO gabaasan.
Roorroon ummata irra gahu kun Onoota akka Abaaboo Guduruu, Amuruu, Jimmaa Gannat, Jimmaa Raaree fi Horroo Bulluqii faa keessatti hammaatuu kan gabaasan maddeen, maqaa “Shanee” jedhu ummata nagaatti maxxansuun ajjeesaa, jumlaan hidhaa fi qabeenya duraa saamaa jiraachuu ifa godhu.
Sadaasa 11 hanga 21, 2024tti miidhaan ummata irratti geessisame hamaa ta’uu kan ibsan maddeen keenya, ummatni keenya roorroo argee hin beekne keessatti kufuu hubachiisu. Kanneen yakki ajjechaa hidhattoota PPn irratti raawwatame keessaa maqaan nu gahe:
- Sadaasa 11, 2024 Ona Abaaboo Guduruu ganda Reef tokko taanee guddannee keessaa Obbo Leencoo Garramuu ajjeesan,
- Sadaasa 11, 2024 Ona Jimmaa Gannat ganda Guddattuu Jimmaa keessaa Obbo Tafarraa kan jedhaman ajjeesan,
- Sadaasa 17, 2024 Ona Amuruu ganda Goobuu irraa dargaggoota:
- Mootii Girmaa,
- Gaddafaa Mokonnonii fi
- Soorii Yaadataa jedhaman ajjeesan,
Kanneen maqaan adda addaa itti maxxansamee fi dharaan yakkamanii hidhaman:
- Sadaasa 21, 2024 Ona Jimmaa Gannat ganda Gaamoo Nagaroo irraa
- Haadha warraa Obbo Misgaanuu Bookaa
- Haadha warraa Obbo Lataa Garramuu
- Haadha warraa Obbo Dabaloo Darajjee
- Sadaasa 20, 2024 Ona Jimmaa Raaree ganda Sochoosaa Gammachuu irraa:
- Obbo Duulaa Oliiqaa
- Obbo Taarikuu Garramuu
- Haadha warraa Lammeessaa Gaaddisaa
- Sadaasa 20, 2024 Ona Horroo Bulluq ganda Dachaa Caabir irraa:
- Obbo Soorii Gissaa
- Obbo Iddoosaa Furii
- Obbo Di’aa Galaalchaa
- Sadaasa 20, 2024 ganduma Dachaa Caabir irraa Obbo Waamii Bulbulaa kan jedhaman jalaa mana jireenyaa qabeenya guutuu waliin barbadeessan.
- Onuma Horroo Bulluq keessaa Obbo Darajjee Doobbaa kan jedhaman hidhan.
Qabeenya ummataa hidhattootaa fi caasaalee sirna PPn saamaman:
- Obbo Soorii Gissaa jalaa horii 30 saaman,
- Obbo Iddoosaa Furii irraa 16 saaman,
- Obbo Di’aa Galaalchaa jalaa horii 15 saaman,
Sadaasa 19, 2024 Ona Abaaboo Guduruu ganda Mootii Qawoo bakka addaa Qawoo jedhamu irraa namoota qabeenyi duraa barbadaa’e:
- Obbo Indaganaa Gammachuu
- Obbo Kabbabaa Kabbee
- Obbo Xiiqii Aggidoo fi
- Obbo Kabaa Aggidoo faa jalaa midhaan xaafii haamamee tuulametti ibidda qabsiisuun jalaa barbadeessan.
Maqaa “Shanee” deggertuu fi qallabdu jedhuun ummata nagaatti duulanii kan ajjeesaa, saamaa fi qabeenya ibiddaan duraa barbadeessaa jiran waraana mootummaa abbaa irree PP, miliishota, caasaalee nageenyaa garagaraa, bulchiinsa naannoo sanii kan kaabineen keessatti argaman ta’uu maddeen SBO ni hubachiisu.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *