Qondaalli ABO Jaal Alamaayyoo Diroo hidhaman
JAAL ALAMAAYYOO DIROO HUMNOOTA TIKAA FI POOLISOOTA SIRNA BILXIGINNAAN QABAMANII HIDHAMAN
[SBO – FULBAANA 29,2022] Hayyuu fi maanguddoon Oromoo qondaala ABO ta’an Jaal Alamaayyoo Diroo Fulbaana 29,2022 ganama humnoota tikaa fi poolisoota sirna mootummaa Bilxiginnaan mana jireenya isaaniitii qabamanii hidhamuu isaanii maatiin Obbo Alamaayyoo ibsanii jiran. Jalqaba Buraayyuu Ona tokkoffaatti hidhamuu kan gabaasan maddeen, galgala garuu achii baasanii bakka hin beekamnetti dabarsuu hubachiisu.
Mootummaan Bilxiginnaa Sadaasa 01,2020s Jaal Alamaayyoo Diroo bal’essaa tokko malee qabee mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti hidhee hiraarsaa turuun kan yaadatamuu dha.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *