Imaammatni Barnootaa Qulqullina Hin Qabne, Qulqullina Qormaataa Hin Argamsiisu

Imaammatni Barnootaa Qulqullina Hin Qabne, Qulqullina Qormaataa Hin Argamsiisu

Mootummaan Bilxiginnaa qulqullina barnootaaf xiyyeeffannoo hin laanne…

Imaammatni Barnootaa Qulqullina Hin Qabne, Qulqullina Qormaataa Hin Argamsiisu

Itophiyaa keessatti imaammatni barnootaa dadhabaa akka taโ€™e baroota dheeraadhaaf lallabamaa ture. Imaammatni barnootaa kun biyya tokko keessatti naannolee bulchiinsaatti akka adda addaatti hordofama; hojii irras oola. 

Naannoo tokko keessatti imaammatni barnootaa kun jabaa fi deggersa guutuu yoo qabaatu, kanaan walqabatees qulqullinni barnootaa sadarkaa olaanaatti eegamuu irraa, barattootni barumsa isaanii irratti gaโ€™umsa qabu. Oggaa qormaataas waan isaan yaaddessu hin jiraatu. 

Naannolee kan biroo keessatti ammoo imaammatni barnootaa kun akka feetee waan taโ€™eef, laafaa taโ€™uu irraa, qulqullinni barnootaa baayโ€™ee gadi buโ€™aa dha. Iddoo tokko tokkotti ammoo inumaayyuu hin jiru. Kana irraa barattootni barumsa irratti hirโ€™ina guddaa fiduu qofa osoo hin taane, qormaata irratti rakkoo/danqaa gugurdaa seenan. 

Akka Oromiyaatti imaammatni barnootaa jiru hordoffii kan hin qabne, laafaa, qulqullinni barnootaas haalaan dadhabaa taโ€™uu irraa barattootni qabxiilee barnootaan jajjabaatan haga baayโ€™ina barattoota Oromiyaan wal hin badaalu. Hirโ€™inni manneen barnootaa, barsiisotaa, dhiheessii adda addaa fi hordoffii waan jiruuf, haalli baruu fi barsiisuu Oromiyaa keessaa danqaa keessa jira. Kun yeroo dheeraadhaaf barattootaanis, maatii barattootaanis, darbees barsiisotaa fi hayyotaan iyyamaa ture. Imaammata barnootaa dhaloota ajjeesu malee, kan dhaloota qaru akka hin diriirre ibsamaa ture.

Sirni amma dhufe Bilxiginnaanis imaammata kana hundee irraa waan wayyeesse hin qabu. Innis waan sirna isaa waliin deemu kalaquun imaammata haaraa as baasuu malee, waan dhaloota ajjeesaa ture kana hundee irraa furuutti hin fuulleffanne. Hojiin sirna kanaas waanuma mulโ€™ataa jiru kana dha. 

Waajjirri Ministeera Barnootaa Bilxiginnaa qulqullina barnootaa toโ€™achuu irra qulqullina qormaataan toโ€™adha kan jedhuun barattoota kutaa 12ffaa seensa Yunversitii olii gadi ariโ€™uun burjaajessaa jira. Sammuu barataa jeeqee, joorsee tasgabbii fi hubannaan qorumsa akka hin fudhanne godhee jira. 

Haga ammaatti barattoota konkolaattota feโ€™umsaa fi Autobusootaan Oromiyaa keessaa olii gadi ariโ€™aa jiruun balaan dhaqqabe guddaa dha. Maatii barattootaa barootaaf itti dadhabanii asiin gaโ€™an gadda, rifaasuu fi boqonnaa sammuu dhorkee jira.

Godinoota Arsii fi Jimmaa irraa qormaata kanaaf kan feโ€™amanii sochii irra turan balaa konkolaataaf saaxilamanii hedduun isaanii qaamaa hirโ€™ataniiru; maatiin jeeqameera. Balaa fakkaataan iddoo adda addaatti akka mudates fageenyaa fi hirโ€™ina Networkii irraa hin dhagaโ€™amin malee akka jiru ifaa dha.

Wallaggaa Yunversitii keessatti barattootni qormaata kanaaf walitti guuraman haalli isaan itti qormaata kanaaf qopheeffaman hamaa taโ€™uun ibsameera. Dhiheessiin nyaataa gaโ€™aan hin jiru. Kanaan alatti Onkoloolessa 08,2022 nyaata faalame nyaachisamuu irraa balaan lubbuu ofii dhabuu fi qaamaa miidhamuu isaan mudateera. Barattootni lama sababa kanaan lubbuu isaanii yoo dhaban, hedduun gaggabuun Hospitaalatti guuramaniiru.

Kaleessuma kana Onkoloolessa 10,2022 Riqichi mooraa guddicha Yunversitii Hawaasaa fi mooraa Teknolojii walquunnamsiisu jigee barataan tokko yoo duโ€™u, barattoota hedduu irra ammoo miidhaan dhaqqabeera. Akka maddeen jedhanitti balaan kun kan dhaqqabe barattootni heddummaatanii riqicha kana irra yeroo dheeraa dhaabbatanii sakattaโ€™amaa turuu irraa ti. Balaa dhaqqabe kana hordofee barattootni mooraa Yunversitii Hawaasaa gadhiisanii akka baโ€™anii fi deemsi qormaaticha fudhachuu gufatuu addeessu.

Onkoloolessuma 10,2022 kaleessa halkanis Yunversitii Jijjigaa keessatti qormaata kanaan walqabatee jeequmsi dhalchuu fi barattoota irra miidhaan gaโ€™uu maddeen Jijjigaa ibsaniiru. Barattoota gidduutti walitti buโ€™iinsi dhalachuu, kana hordofees poolisootni barattoota irratti tarkaanfii fudhatuu isaanii ti kan ibsame. 

Dur-hin-jirree fi barattoota irratti jeequmsa, duula qor-qalbii fi sabataawanii waanuma baratan sanaaf qormaataaf akka hin taanye Waajjirri Ministeera Barnootaa sirna Bilxiginnaa golgaa qulqullina qormaataa jedhuun duula ulfaataa barattoota irraan gaโ€™eera. Kana keessatti hunda caalaatti kan miidhamee fi miidhamaa jiru barattoota Oromoo ti. 

Mootummaan Bilxiginnaa qulqullina barnootaaf xiyyeeffannoo hin laanne, maqaa qulqullina qormaataa eeguu jedhuun, barattoota akka midhaaniitti konkolaataatti fe’uun karaan bututchee, qorqalbii isaanii miidhuun gamatti, balaa lubbuu baasuu fi qaamaa hir’isuu irraan gaโ€™eera; hawaasa keessattis rifaatuu fi naasuu uumeera. 

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO