Lammiileen Ertiraa humnaan gara waraanaatti fuudhamaa jiraachuu BBCn gabaase
Ertiraatti lammilee humnaan waraanatti bobbaasuuf manneenii fi daldala cufuun hammaatuun ibsame

Baatii darbe keessa mootummaan Ertiraa miseensoota humna eeggataa umuriin isaanii waggaa 55 gadi ta’an hundi waaraanaatti akka makamaniif waammicha taasisuu kan yaadachiise BBCn gabaasa haaraa kaleessa baaseen, lammiile humnaan waraanatti bobbaasuuf, manneen ummataa fi kan daldalaa cufuun akkaan hammaateera.
Humnaan namoota butuu fi waamichi waraanatti akka makamanii ammas cimee itti fufuu maddeen BBC Tigrinyaatti akka himan dhaabbatni oduu kun addeesseera.
Maddeen biyyattii keessaa BBC’f odeeffannoo kennan Asmaraa fi naannoolee biraatti lammileen akka waraana deemaniif dirqisiisuuf guyyoota muraasaa as sakkatta’iinsa mana mana irraa, manneen daldalaa cufuu (saamsuu) fi konkolaattota dhaabsiisuun sakatta’uun bal’inaan mul’ataa jiraachuu himaniiru.
Gochaan humnaan namoota butanii fudhuus bal’inaan raawwatamaa jiraachuutu dubbatama.
Duulli bal’aan kunis, ‘‘kanneen waraana keessaa bahanii fi miseensota humna eeggataa waamicha hin fudhatiin adamsuuf akka ta’e kan ibsan maddeen Asmaraa, gama biraatiin ammoo maatiiwwan ijoolleen isaanii leenjiif hin deemnes hanga ijjoolleesaanii erganitti manni isaanii saamsamaa akka jiru ifa godhu.
Kanaan walqabatee, daraggoota rakkoo fayyaa qaban dabalatee hedduun maatiin isaanii rakkaachuu irra jechuun gara adda waraanaatti duulaa jiraachuu fi kaan ammoo garreenii fi holqawwan keessa dhokatanii akka jiran madden naannolee Ertiraa garagaraa irraa ni ibsaa akka jiran BBCn gabaasa isaa kanaa ifa godheera.

Kanaan dura biyyattiin namoota umuriinsaanii wagga 55 gadii akka waraanaatti dabalamaniif waamicha kan taasifte yoo ta’u, kan fudhatamaa jiran garuu abbootii umuriin isaanii hanga wagga 60 fi isaan oliitu dirqiin ergamaa jira kan jedhan maddeen BBCf yaada isaanii kennan kunniin, Dubartoota dabalatee kanneen waamicha hin fudhatin humnaan fudhatamaa fi dararri irra gahaa jiraachuu himu.
Lammiileen rakkoo fayyaa qaban waajiraalee bulchiinsa magaalaa Asmaraatti ragaa wallaansaa dhiyeeffatan illeen ‘‘Dhimmi keessan achumatti ilaalama’’ jechuun konkolaataan fe’anii fudhachuu kan gabaase BBCn, Karanii fi naannawa isheetti abbootiin sababii dhukkuba cimaa fi umuuriitin waraana keessaa soorarama bahan osoo hin hafin dirqiin waraanatti akka makaman taasifamuu maddeen isaa waabeffachuun gabaaseera.
Sagalee Bilisummaa Oromoo













Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *