๐ˆ๐ฅ๐ฆ๐š๐š๐ง ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐€๐ค๐ค๐š ๐๐ข๐ง๐ข๐ข๐ง๐ฌ๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐€๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐ฌ๐š๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ˆ๐ญ๐ญ๐ข ๐…๐ฎ๐Ÿ๐ž๐ž๐ซ๐š

Ajjechaan Oromiyaa keessatti raawwatamu haala suukanneessaan babal’ataa jira.

Badii fi gaaffii tokkoon maleetti, lammiiwwan Oromoo guutuu Oromiyaa keessatti hidhattoota sirna Bilxiginnaan ajjeesamuun itti fufeera.

Onkoloolessa 12,2022 guyyaa kaleessaa ganama Godina Wallagga Bahaa magaalaa Arjoo Guddattuu keessatti Abbabee Nugusee hidhattoota mootummaa Bilxiginnaan ajjeesamuu oduun amma arganne ifa godha.

Abbabeen kan ajjeesame haadha manaa fi ijoollee isaa fuula duratti ta’uu kan hubachiisu oduun kun, kana irraa maatiin isaa rifaatuu olaanaa fi gadda guddaa keessatti kufanii akka jiran ifa godha.

Mootummaan Bilxiginnaa nama nagaa jooree jiraatuu fi hidhata homaatuu hin qabne maqaa adda addaa itti maxxansuudhaan lubbuu ilmaan Oromoo Oromiyaa bakkayyuutti baasaa jira.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO