Geggeessaa reeffa J/Mo’iboon Baqqalaa
๐๐๐๐ฌ๐’๐๐ ๐๐ฃ๐ฃ๐๐๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐๐๐ฌ๐จ๐จ ๐๐ข๐ง ๐๐ก๐๐๐๐ฎ!

Miseensa GS-ABO J/Mo’iboon Baqqalaa Onkoloolessa 12,2022 kaleessa galgala osoo gara mana isaa deemuu naannoo Saansuusii jedhamutti rasaasa lamaan rukutamee hospitaala “Abet” jedhamu seene. Haa ta’u malee J/Mo’iboon rukuttaa irraa ga’e irraa hafuu hin dandeenye. Hospitaala seenee lubbuu isaa oolchuuf yaalamullee osoo hin turin boqote.
Guyyaa har’aa Onkoloolessa 13,2022 reeffi J/Mo’iboon Baqqalaa Finfinnee hospitaala “Abet” irraa gara maatii isaa magaalaa Naqamteetti geggeessamee jira.
J/Mo’iboon Baqqalaa bara bittaa abbaa irree TPLF/EPRDF irraa hanga bara mootummaa abbaa irree Bilxiginnaa har’aatti qabsoo sabaa irra ture. Hidhaa fi doorsisi diinaa irraa hin dhaabbatinuu malee, haga kaleessa wareegamuutti qabsoo sabaa irraa if booda hin deebine.
Lubbuu isaa jannataan haa qananiisu jechaa, maatii fi firoota isaaf akkasumas qabsaawota Oromoof jajjabina hawwina.
Qabsa’aan Ni Kufa, Qabsoon Hanga Bilisummaatti Itti Fufa!

Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *