Itophiyaa fi Erteraan Lola Gamtaan Tigraayi irratti geggeessan akka dhaaban gaafataman

Ittigaafatamaan Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan, Mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa haleellaa โwaraana walooโ Tigraay keessatti gaggeessaa jiran akka dhaabaniif waamicha taasisan.
Antoonii Biliinkan barreeffama karaa toora tiwitara isaanitiin maxxansaniin, qaamooleen waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru keessatti hirmaatan gochaawwan waraanicha cimsa irraa akka of qusataniif waamicha dhiyeessan.
Karaa gama humnootii Tigraayiin ammoo aangaโoonni naannichaa โโgochaan dubbii barbaachaaโโ raawwachu irraa akka of qusataniif aangaโaan kun kan akeekkachiisan.
Gama biraatiin ammoo Ergamaan Addaa Ameeriikaa Gaanfa Afriikaa Maayik Haamar Jimaata darbe Finfinneetti Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dammaqaa Makooniin waliin mariโachutu himame.
Ergamaan Addaa Haamar kan daawwannaaf torbanootaan dura gara Afrikaa dhufanii turanis Afrikaa Kibbaa, Keeniyaa fi amma ammoo Finfinnee daawwataa jiraachutu himame.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa akka beeksiiseettis, Ambaasadar Haamar Jimaata kaleessaa Obbo Dammaqaa Makooniin waliin haala waraanichi karaa nagaatiin xumura godhaturratti mariโataniiru.
Itti gaafatamaan Deeggarsa Namoomaa UN Maartiin Giriftas gama isaanitiin, haalli Shiree keessaa yaaddeessaa taโusaatti waaโee nageenya namoota nagaa fi hojjattoota namoomaa baayyee yaaddaโuu hima.
Hogganaan kunis barreeffama kanarra tiwiitaraatiin maxxansaniin, โโhojjattoonni deeggarsa namoomaa lama miidhaan irra gahuu baruu kootti yaaddoon ol natti taโeeraโโ jedhan.
Itti dabalunis โโammas irra deebiin qamoolee wal waraanaa jira akka gara marii nagaatti deebiiโaniifaniif, hanga sanattis akka namoota nagaa fi hojjattoota namoomaaf eegumsa taasisanan gaafadhaโโ jedhan.
Waraanaa Kaaba Itophiyaa amma waggaa lama guutuuf jiru kanaanis lubbuun namoota kumataan lakkaaโamanii bade, miiliyoonooti ammoo bakka jireenyaa isaanii gadhiisuun buqqaafamaniiru.
Waraanichi baatiiwwan shaniif dhaabbate kan ture yoo taโu Adooleessa darbee sababii gareewwan lamaan itti wal himataniin deebiiโee eegaleera.
Biliinkan Motummaan Itoophiyaa fi aangaโoonni Tigraay waraana dhaabuuf daandii nagaa hordofuu kan qabaatan amma jedhan.
Kanaanis mariin nagaa hoggansa Gamtaan Afriikaatiin gaggeeffamu Ameerikaan akka deeggartu aangaโaan Ameerikaa kun himan.
Mariin nagaa paartiilee wal waraanaan lamaan jidduutti Afriikaa Kibbaatti torban lamaan dura eegalamuuf ture irratti gama lamaaniinu hirmaachuuf fedhii argamsiisanii ture. Haataโu malee sababii rakkina loojistiikii jedhameetiin marichi yeroo hin beekamneetti dabarfamuun himanee ture.
Guyyoota muraasaan dura Ameerkaa dabalatee biyyoonni Awurooppaa jaha waraanaa mootummaa itoophiyaafi humnootii Tigraay jidduutti gaggeeffamu akka isaan yaaddeesse ibsuun isaani ni yaadatama.
Maddi: BBC
Sagalee Bilisummaa Oromoo













Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *