Mana hidhaa keessatti du’an

Oduun guyyaa harโaa baโe akka ibsutti, jiraattuu Godina Shaggar Kibba-lixaa Ona Qarsaa Maallimaa kan taate Aadde Kokabeen, guyyaa kaleessaa Onkoloolessa 14,2022 mana hidhaa keessatti ajjeesamte.
Aadde Kokabeen Fulbaana 15,2022 ganama Abbaa Warraa ishee Obbo Kifilee Jaankaa hojjetaa onichaa taโe maqaa โShanee wajjin hidhata qabdaโ jedhuun caasaan sirna Bilxiginnaa Ona Qarsaa Maallimaa duraa hidhee jiruuf nyaata geessaa osoo jirtuu, humnootni tikaa mootummaa iddoo addaa Waarkaa jedhamutti konkolaataa keessaa buusanii โShaneedhaaf qaltee geessaa jirtaโ ittiin jechuun akka malee rifaasisanii mana hidhaatti darban jechuun maddeen oduu gabaasa baasaniin ifa godhaniiru.
Hidhattootni mootummaa Bilxiginnaa tarkaanfiin maatii kana irratti fudhatan isaan gaโuu hanqatee qeโee isaanii dabalatee manneen namoota 6 akka barbadeessanis ibsameera.
Sagalee Bilisummaa Oromoo













Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *