Sirni Awwaalchaa Jaal Mo’iboon Baqqalaa raawwatameera.
๐๐ข๐ซ๐ง๐ข ๐๐๐ ๐ ๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ ๐๐๐๐ฅ ๐๐จโ๐ข๐๐จ๐จ๐ง ๐๐๐ช๐ช๐๐ฅ๐๐ ๐ก๐๐ซโ๐ ๐๐ง๐ค๐จ๐ฅ๐จ๐จ๐ฅ๐๐ฌ๐ฌ๐ ๐๐,๐๐๐๐ ๐ฆ๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐ ๐๐๐ช๐๐ฆ๐ญ๐๐๐ญ๐ญ๐ข ๐ซ๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐ญ๐๐ฆ๐๐๐ซ๐
Bakka Oromootni hedduun qaamota hawaasa garagaraa irraa taโan argamanitti sirni awwaalchaa miseensa GS-ABO Jaal Moโiboon Baqqalaa guyyaa harโaa kana Onkoloolessa 14,2022 magaalaa Naqamteetti geggeessameera.
Jaal Moโiboon Baqqalaa Onkoloolessa 12,2022 galgala qarqara magaalaa Finfinnee fi Buraayyuu gidduu naannoo mana isaa iddoo Saansuusii jedhamutti qaamota hidhataniin rasaasaan dhawamee yerooma sana hospitaala geessamus irraa hafuu dadhabee, yeroo gabaabduun booda lubbuun isaa dabarte.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n ibsa gaddaa Onkoloolessa 13,2022 baaseen, Moโiboon Baqqalaa dargaggeessa qaroo fi miseensa GS-ABO, jireenya isaa guutuu qabsoo Oromootiif kenne taโuu addeesse.
Sirna ADWUI/EPRDF keessa mana hidhaa Maโaakalawiitti waggoota hedduuf hidhamee dararamaa turuu yaadachiisuun, sirna ammaa jalattis baatileef hidhamee dararaa cimaan irra gahuu erga hubachiiseen booda, matiin isaas humnoota nageenyaa mootummaatiin gidirfamaa fi sodaachifamaa takka turan hubachiiseera.
Wareegamuu dargaggoo qaroo fi qaama hoggana isaa kanaan ABOtti gadda cimaatu itti dhagahama kan jedhe ibsi ABO kun, Maatii isaa, jaallan isaa fi ummata Oromoo balโaaf jajjabina hawweera.
Bifuma walfakkaatuun paartiin Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO)n ibsa gaddaa Onkoloolessa 13,2022 baaseen, ajeechaa hoogganaa ol’aanaa ABO, Moโiboon Baqqalaa irra gahetti gadda cimaa itti dhagaโame ibsee, maatii, firootaa fi jaallewwan qabsoo isaatiif jajjabina hawwee jira.
Hooggansa dhaaba siyaasaa dabalatee ajjeechaan namoota nagaa irratti gaggeeffamu yaaddoo cimaa kan uume taโuu kan ibse KFOn ibsa isaa kanaan, qaamni seeraa dhimma kana saffisaan akaa qoratee ummataaf ifa godhus gaafateera.
Hawaasni Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa karaa miidiyaalee hawaasaa fi kkfn ajjeefamuu miseensa GS-ABO Jaal Moโiboon Baqqalaatti gadda itti dhagaโame ibsataa, seenaa fi hojii qabsoo inni haga gaafa wareegamuutti keessatti dabarse himaa fi mulโisuu irratti argaman.
Qabsaโaan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *