Haalli Itophiyaa keessaa to’atnaa ala ba’uu Barreessaan Waliigalaa Tokkummaa Mootummootaa Antoniy Gutaresii ibsan
๐จ๐ก ๐ณ๐ถ ๐๐จ๐ป ๐๐ฎ๐ฟ๐ฎ๐ฎ๐ป๐ป๐ถ ๐๐ฟ๐๐ถ๐ฟ๐ฎ๐ฎ ๐๐๐ผ๐ผ๐ฝ๐ต๐ถ๐๐ฎ๐ฎ ๐ธ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐ฎ ๐ฎ๐ธ๐ธ๐ฎ ๐ฏ๐ฎ’๐๐๐ณ ๐ด๐ฎ๐ฎ๐ณ๐ฎ๐๐ฎ๐ป
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii(UN) fi Gamtaan Awurooppaa (EU)n Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Raayyaa Ertiraa waliin ta’uudhaan haleellaa waloo Tigraay keessatti raawwachaa jiran akka dhaabaniif gaafatan.
Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteerez, โwaraanni Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiru ammuma dhaabbachuu qaba,โ jedhan.
Guteereez Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanii (UNSEC) irratti ibsa miidiyaaf kennan irratti haalli Ioophiyaa keessa jiru toโannootiin ala taโuu kan himan Guteerez, lollii fi mancaatiin sadarkaa yaaddessaarra gaheera jedhan.
Gamtaan Awurooppaa Tigraay keessatti lolli kallattii gara garaan babal’achuu isaa hordofee kora Onkoloolessa 17, 2022 gaggeeffateen booda ture loltoonni Ertiraa guutummaan guutuutti daangaa Itoophiyaa keessaa akka ba’aniif ibsa baaseen kan gaafate.
Kana malees, humnoonni Tigraay waraana naannollee ollaa Amaaraa fi Affaar keessatti gaggeessan akka dhaabanii fi duula waraanaa irraa akka of qusataniifis gaafateera EUn.
Barreessaan Olaanaa UN ammoo hariiroon hawaasa walitti hidhan cicciramaniiru jechuun, “hattamaan humnoota Ertiraa Itoophiyaa keessaa baasuu dabalatee waraanni ammuma dhaabbachuu qaba. Furmaan humna waraanaan dhufu hin jiru,โ jedhan.
Namoonni nagaa gatii hamaa baasaa jiru kan jedhan Guteerez, haleellaan bakkawwan manneen jireenyaatti osoo adda hin baasiin gaggeeffaman guyyaa guyyaan namoota nagaa ajjeesaa fi buโuuraalee misoomaa barbadeessaa jiru jechuun osoo hin turiin waraanni Kaaba Itoophiyaa kun akka fala argatu jabeessanii himan.
Guteereez waaโee Itoophiyaa ilaalchisuun miidiyaaf ibsa kennan kanaan yakkawwan miidhaa saal-qunnamtiin walqabatanii fi gochawwan gara jabeenyaa daaโimmanii fi dubartoota irratti raawwatamuu eeraniiru.
Sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru kanaan sadarkaa fedhii gargaarsa namoomaa akkaan dabaluu himuun, osoo waraanni kun deebiyee hin jalqabiin durayyuu namoonni miliyoona 13 naannolee Amaahraa, Affaarii fi Tigraay keessatti gargaarsa namoomaa barbaadu ture jedhan Antooniyoo Guteerez.
โUN gidiraa ummata Itoophiyaa kana dhaabuudhaaf Gamtaa Afrikaa (AU) tumsuudhaaf qophii dha. Amma hawaasni idil- addunyaa nagaaf jedhee waliin hiriiruus qaba,โ jedhan Guteerez.
Gabaasni kan BBC ti.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *