Miseensotni ABO Konyaa Atlantaa Ajjeefamuu J/Mo’iboon Baqqalaatti gadda isaanii ibsatan
๐๐ฏ๐๐ฎ๐ป๐ป๐ฎ๐ฎ ๐๐ฎ๐ฑ๐ฑ๐ฎ๐ฎ ๐/๐ ๐ผโ๐ถ๐ฏ๐ผ๐ผ๐ป ๐๐ฎ๐พ๐พ๐ฎ๐น๐ฎ๐ฎ๐ณ; ๐ ๐ถ๐๐ฒ๐ฒ๐ป๐๐ผ๐๐ฎ ๐๐๐ข ๐๐ผ๐ป๐๐ฎ๐ฎ ๐๐๐น๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ ๐๐ฟ๐ฟ๐ฎ๐ฎ
Bara dhufaa-darbaa bulchiinsa mootummoota gabroomfatoo Impaayera Itoophiyaa keessatti Oromootaa fi miseensota dhaabbiilee siyaasaa mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoof falmaa turanii fi itti jiran hidhaanii hiraarsuu, zaliiluu, ajjeessuu, qaamaa hirโisuun akkuma itti fufetti jira. Hardhas mootummaan PP daba mootummoonni Itoophiyaa duraanii Oromoo irratti gochaa turan sana daran jabeessee raawwachaa jira.
Ajjeechaan Artist Haacaaluu Hundeessaa, Amanueโel Wandimmuu, Abbootii Gadaa Karrayyuu, Abbaa Seeraa Abduljabbaar Huseen, Qeerroo fi Qarree Irreecha duraanii fi kan bara 2022, fixiinsi fi godaansisi Oromoota Walloo, Baalee fi Agamsaa, akkasumas Oromoota biroo irratti raawwataman onnee nu dhiigsan; Akka sabaatti jirraawoo jennee akka if gaafannu nu taasisan. Ajjeechaaleen kunneen marti isaan quubsuu hanqannaan ammas J/Moโiboon Baqqalaa, qaroo Oromoo, Miseensa Gumii Sabaa ABO, Onk. 12,2022 galaafataniiru.
Yaa ummata Oromoo balโa, haga yoomiitti dinni biyya abbaa keetii keessatti dhiiga ilmaan keetii dhangalaasuu itti fufa? Haga yoomiitti ummata kee lafa abbaa isaa irraa buqqisee beelaa fi dhukkuba, walumaagalatti hiyyummatti saaxil-baasee kadhattoota taasisa? Gaaffilee kunneeniif akka sabaatti deebii kennuu qabna.
Maatii J/Moโiboon Baqqalaa fi hiriyoota isaa, Oromoota diinota Oromootiin galaafataman maraaf, akkasumas miseensota ABOf jajjabina hawwaa, waamicha armaan gadii ummata Oromootiif dhiheessina:
- Yammuu diinni ilmaan keenya meesha-maleeyyii mana ofii keessattis taโe mana ofii keessaa gadi harkisee qalu, karaa irratti galaafatu, manneen hidhaa keessaa gadi baasee nam-tokkeen ykn jumlaan rashanee awwaala dhorku, Oromoota manneen isaanii waliin walitti gubu, beeyilada isaanii qalatee nyaatu, ooffatees fudhatee galu, imimmaan roobsaa gadda taaโuun qofti diina nu irraa kutuu hin dandaโu. Gaddi nutti seene, gadda maatiwwaan ilmaan irraa ajjefamanii qofa miti; gaddichi akka sabaatti nutti gale. Duguuggaa sanyiitu nu irratti raawwatamaa jira. Lafa abbaa isaanii irraa buqqaaafamuu, ajjeechaa jumlaa fi nam-tokkee ummata keenya irra gahaa jiru cimsinee ni balaaleffanna. Miidhaan gita hin qabne akkasii akka nu irraa dhaabbatuuf falmaa keenya haqa-qabeessa kana wal ijaarree akka itti fufnu yaamicha ummata Oromootiif dhiheessina.
- Mootummaan Itoophiyaa fi waahillan isaa adda tolfachuudhaan ummata Oromoo danuu qeโee isaanii irraa buqqqisanii koolu-galtumaatti saxil- baasaniiru. Kanaaf, ummata keenya daaโimmanii fi hawwan ofii waliin gidiraa hammaataa keessa jiraniif harka gargaarsaa keenya haa diriirsinu jechuun yaamicha ummata Oromoo biyya keessaa fi biyya ambaa jiraniif dabarsina.
- Ajjeechaa J/Moโiboon Baqqalaa irratti raawwaatameef qaamni walaba taโe qorannoo gaggeessee, haqni bahee, kanneen ajjeechaa suukanneessaa kana raawwatan seeratti akka dhihaatan gaafanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Miseensota ABO Konyaa Atlaantaa
Onkoloolessa 17, 2022
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *