Lammiilee Oromoo Qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif gargaarsi godhame
๐๐จ๐ซ๐๐๐ง ๐ ๐๐ง๐ง๐จ๐จ ๐๐ข๐ข๐ฆ๐๐ ๐๐๐ข๐ฅ-๐๐๐๐ฎ๐ง๐ฒ๐๐ ๐๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐๐ ๐๐จ๐ซ๐ซ๐จ๐จ ๐๐ฎ๐๐ฎ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ ๐ ๐๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐ช๐โ๐๐ ๐ข๐ฌ๐๐๐ง๐ข๐ข ๐ข๐ซ๐ซ๐๐ ๐๐ฎ๐ช๐ช๐โ๐๐ง๐ข๐ข๐ ๐ฆ๐๐๐ฌ๐ก๐๐๐ฅ๐๐ ๐ฆ๐๐ง๐๐ ๐ซ๐๐๐๐ฌ๐
Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa Itoophiyaa, torban darbe meeshaalee manaa barbaachisoo taโan maatii 3,310 (Namoota 16,550) qeโee isaanii irraa buqqaโanii magaalaa Shaambuu qubataniif raabsuu isaa AddiStandard beeksiseera. Deeggarsi kun, Lixa Oromiyaa, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Ona Jaardagaa Jaartee fi Amuruu gandoota 14 irraa kanneen buqqaโaniif kan raabsamu taโuun ibsameera.
Weerarrii fi ajjechaan jumlaa finxaaleyyiin Amaaraa Faannoo fi waraanni mootummaa Bilxiginnaa maqaa โShanee balโeessuuโ jedhuun ummata nagaa fi meesha-maleeyyii irratti geggeessan ammallee hin dhaabbatne.
Ajjechaan jumlaa murnoota kanaan ummata Oromoo godinoota kana keessa jiraatu irratti deemsisamaa jiru haalaan ulfaataa taโuu ummatni iyyataa jira. Lubbuun namaa guyyuu akka baalaa harcaโaa jira. Maanguddootni, daaโimmanii fi hawwan kanneen dhumaa jiran keessaa isaan duraa ti. Kumoota kudhanootaan qeโee fi qabeenya gatee baqataa jira ummatni kun.
Godinoota Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa keessatti yakki hidhattootni Faannoo fi waraanni mootummaa ummata irraan gaโaa jiran yakka waraanaa fi duguuggaa sanyii ti.
Godinoota kanatti qaamotni walabaa fi miidiyaaleen dhaqanii haala qabatamaa jiru gabaasuu hin dandaโiniif malee, dhumaatiin dhaqqabaa jiru, buqqaatiin ummata mudataa jiru, qabeenyi barbadaawaa fi saamamaa jiru kan amma dubbatamaa jiruun dachaan ol taโuu kanneen baqatanii lubbuu ofii baafachuu dandaโan ibsuu irratti argamu.
Dhumaatiin ummataa kun, yakki suukanneessaan kun garuu hawaasa addunyaa biraas, abbaa dhimmaa kan taโe ummata Oromoo birattis hagas mara dhageettii fi dirmatnaa gama hundaa dhabuun garuu ummaticha haala ulfaataa keessatti kufee jiru kana gatii dachaa baasisaa jira; gaddisiisaadhas.
Addunyaan dhumaatii Tigraayi keessatti dhaqqabee fi dhaqqabaa jiru qofaaf gurra laattee jirti. Dhumaatiin Oromiyaan keessummeessaa jirtu, duguuggaan sanyii Oromoo irratti taโaa jiru haalaan ulfaataa dha. Torban torbaniin lubbuun Oromoota qulqulluu 50 โ 60 baโaa jira. Dhageettii fi xiyyeeffannoo dhabuun ummata kanaa haalaan gaddisiisaa dha.
Oromoon dhimma jabduu akkasii moggaa kaaโee waan bubutuun iyyaa oola. Xiyyeeffannoo fi dhimmi jabaan kana caalu hin jiru ture. Garuu haalli Oromoon keessa jiru qaanessaa dha.
Miidiyaan hawaasaa kanaaf xiyyeeffannoo hin laanne jette jettee fi huuba naannessaa oolu dhugaa ummata kanaa fi miidhaa isa irra gaโaa jiru balballoomsuuf maaf hin oolleen gaaffii hundaa taโuu dha qaba.
Yo abbaan iyye ollaan dirmata. Lammii keenya dhumaa jiruuf, yo nuti tolchinee hin iyyinee fi hin hojjenne, alagaa fagoo dhimmi komannuuf hin jiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *