๐Š๐จ๐ซ๐ž๐ž๐ง ๐…๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐ƒ๐ข๐ข๐ฆ๐š๐š ๐ˆ๐๐ข๐ฅ-๐š๐๐๐ฎ๐ง๐ฒ๐š๐š ๐ˆ๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š ๐‡๐จ๐ซ๐ซ๐จ๐จ ๐†๐ฎ๐๐ฎ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐–๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ ๐ ๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ช๐žโ€™๐ž๐ž ๐ข๐ฌ๐š๐š๐ง๐ข๐ข ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š ๐›๐ฎ๐ช๐ช๐šโ€™๐š๐ง๐ข๐ข๐Ÿ ๐ฆ๐ž๐ž๐ฌ๐ก๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐ฆ๐š๐ง๐š๐š ๐ซ๐š๐š๐›๐ฌ๐ž

Lammiilee Oromoo Qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif gargaarsi godhame

๐Š๐จ๐ซ๐ž๐ž๐ง ๐…๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐ƒ๐ข๐ข๐ฆ๐š๐š ๐ˆ๐๐ข๐ฅ-๐š๐๐๐ฎ๐ง๐ฒ๐š๐š ๐ˆ๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š ๐‡๐จ๐ซ๐ซ๐จ๐จ ๐†๐ฎ๐๐ฎ๐ซ๐ฎ๐ฎ ๐–๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ ๐ ๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ช๐žโ€™๐ž๐ž ๐ข๐ฌ๐š๐š๐ง๐ข๐ข ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š ๐›๐ฎ๐ช๐ช๐šโ€™๐š๐ง๐ข๐ข๐Ÿ ๐ฆ๐ž๐ž๐ฌ๐ก๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐ฆ๐š๐ง๐š๐š ๐ซ๐š๐š๐›๐ฌ๐ž

Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa Itoophiyaa, torban darbe meeshaalee manaa barbaachisoo taโ€™an maatii 3,310 (Namoota 16,550) qeโ€™ee isaanii irraa buqqaโ€™anii magaalaa Shaambuu qubataniif raabsuu isaa AddiStandard beeksiseera. Deeggarsi kun, Lixa Oromiyaa, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Ona Jaardagaa Jaartee fi Amuruu gandoota 14 irraa kanneen buqqaโ€™aniif kan raabsamu taโ€™uun ibsameera.

Weerarrii fi ajjechaan jumlaa finxaaleyyiin Amaaraa Faannoo fi waraanni mootummaa Bilxiginnaa maqaa โ€œShanee balโ€™eessuuโ€ jedhuun ummata nagaa fi meesha-maleeyyii irratti geggeessan ammallee hin dhaabbatne.

Ajjechaan jumlaa murnoota kanaan ummata Oromoo godinoota kana keessa jiraatu irratti deemsisamaa jiru haalaan ulfaataa taโ€™uu ummatni iyyataa jira. Lubbuun namaa guyyuu akka baalaa harcaโ€™aa jira. Maanguddootni, daaโ€™immanii fi hawwan kanneen dhumaa jiran keessaa isaan duraa ti. Kumoota kudhanootaan qeโ€™ee fi qabeenya gatee baqataa jira ummatni kun.

Godinoota Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa keessatti yakki hidhattootni Faannoo fi waraanni mootummaa ummata irraan gaโ€™aa jiran yakka waraanaa fi duguuggaa sanyii ti.

Godinoota kanatti qaamotni walabaa fi miidiyaaleen dhaqanii haala qabatamaa jiru gabaasuu hin dandaโ€™iniif malee, dhumaatiin dhaqqabaa jiru, buqqaatiin ummata mudataa jiru, qabeenyi barbadaawaa fi saamamaa jiru kan amma dubbatamaa jiruun dachaan ol taโ€™uu kanneen baqatanii lubbuu ofii baafachuu dandaโ€™an ibsuu irratti argamu.

Dhumaatiin ummataa kun, yakki suukanneessaan kun garuu hawaasa addunyaa biraas, abbaa dhimmaa kan taโ€™e ummata Oromoo birattis hagas mara dhageettii fi dirmatnaa gama hundaa dhabuun garuu ummaticha haala ulfaataa keessatti kufee jiru kana gatii dachaa baasisaa jira; gaddisiisaadhas.

Addunyaan dhumaatii Tigraayi keessatti dhaqqabee fi dhaqqabaa jiru qofaaf gurra laattee jirti. Dhumaatiin Oromiyaan keessummeessaa jirtu, duguuggaan sanyii Oromoo irratti taโ€™aa jiru haalaan ulfaataa dha. Torban torbaniin lubbuun Oromoota qulqulluu 50 โ€“ 60 baโ€™aa jira. Dhageettii fi xiyyeeffannoo dhabuun ummata kanaa haalaan gaddisiisaa dha.

Oromoon dhimma jabduu akkasii moggaa kaaโ€™ee waan bubutuun iyyaa oola. Xiyyeeffannoo fi dhimmi jabaan kana caalu hin jiru ture. Garuu haalli Oromoon keessa jiru qaanessaa dha.

Miidiyaan hawaasaa kanaaf xiyyeeffannoo hin laanne jette jettee fi huuba naannessaa oolu dhugaa ummata kanaa fi miidhaa isa irra gaโ€™aa jiru balballoomsuuf maaf hin oolleen gaaffii hundaa taโ€™uu dha qaba.

Yo abbaan iyye ollaan dirmata. Lammii keenya dhumaa jiruuf, yo nuti tolchinee hin iyyinee fi hin hojjenne, alagaa fagoo dhimmi komannuuf hin jiru.  

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO