Baha Wallaggaa keessatti ajjechaan ummata nagaa irratti deemsisamu hammaate
๐๐จ๐๐ข๐ง๐ ๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ ๐ ๐ ๐๐๐ก๐๐ ๐๐ง๐ ๐๐๐๐ฌ๐ข๐ ๐ ๐๐ ๐ค๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐ฅ๐๐ฆ๐ฆ๐ข๐ข๐ฅ๐๐๐ง ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐ก๐๐๐๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐ฃ๐ฃ๐๐๐ฌ๐๐ฆ๐๐ง
Oduun SBO dhaqqabe akka hubachiisutti Onkoloolessa 19,2022 guyyaa kaleessaa Godina Wallagga Bahaa Ona Saasiggaa ganda Tsiggee jedhamtu keessatti humnootni finxaaleyyii fi shororkeessitootni Faannoo fi hidhattootni mootummaa maqaa โShanee balโeessuuโ jedhuun haleellaa ummata nagaa fi meesha-maleeyyii irratti fudhataniin namootni 20 ol lubbuu kan dhaban yoo taโu, gariin madaaโaniiru.
- Obbo Kaashun Adaanee
- Obbo Iddoosaa Asfawuu
- Obbo Gammachuu Baqqalaa
- Obbo Olaanaa Bultii
- Obbo Tolaa Dirbabaa
- Obbo Matiwoos Mulaatuu
- Obbo Guddinaa Gaarii
- Obbo Xilahun Kitilaa fi
- Obbo Balโinaa Tarreessaa kan jedhaman kanneen ajjeesaman keessaa warra maqaan isaanii nu gahee dha.
- Obbo Bultii Olfuudhaa
- Obbo Faantahun Mitikkuu fi
- Obbo Daawwit Dabalaa kanneen jedhaman warra madaaโan keessatti akka argaman oduun kun dabalee hubachiisa.
Qabeenyi ummataa akka saamamee fi gariin ibiddaan akka barbadeeffame illee maddeen gabaasaniiru.
Waraanni ummata nagaa irratti deemsisamaa jiru kun itti fufee waan jiruuf, haalli naannoos akkaan rakkisaa waan taโeef, nama duโe, madaaโee fi jiru sirnaan adda baasachuun rakkisaa taโuu oduu SBO dhaqqabe irraa hubachuun ni dandaโama.
Onkoloolessa 15,2022 irraa qabee hanga Onkoloolessa 18,2022 gidduutti Godina Wallagga Bahaa Kiiramuu fi naannoo sanatti lammiileen Oromoo 40 ol taโan goolessitoota Faannoo fi hidhattoota mootummaan ajjeesamuu SBO dabalatee maddeen oduu garagaraa gabaasuun kan yaadatamuu dha.
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *