Haleellaa Xayyaara Nam-maleeyyii (Drone) Godinoota Oromiyaa bakka garagaraatti raawwatameen Lammiilee nagaan 100 ol ta’an ajjeesamuu odeessi ummata keessaa ba’aa jiru ifa godha.

Haleellaa Xayyaara Nam-maleeyyii (Drone) Godinoota Oromiyaa bakka garagaraatti raawwatameen Lammiilee nagaan 100 ol ta’an ajjeesamuu odeessi ummata keessaa ba’aa jiru ifa godha.

Oromiyaa Godinoota adda addaa keessatti haleellaa Dirooniin lubbuu namaa darbaa jira.

Haleellaa Xayyaara Nam-maleeyyii (Drone) Godinoota Oromiyaa bakka garagaraatti raawwatameen Lammiilee nagaan 100 ol ta’an ajjeesamuu odeessi ummata keessaa ba’aa jiru ifa godha.

Mootummaan Bilxiginnaa guyyaa har’aa dabalatee erga Roobii darbeetii maqaa WBO haleeluu jedhuun xayyaara nam-maleeyyii (Drone) fayyadamuudhaan haleellaa ummata nagaa irratti raawwatee fi raawwataa jiruun yo xiqqaate guyyoota shan gidduutti lammiileen 100 ol ta’an akka ajjeesaman odeessi ummata irraa dhaga’amaa jiru ni hubachiisa.

Guyyaa har’aa Onkoloolessa 23,2022 Lixa Shaggar Ona Jalduu Cobiitti mootummaan Bilxiginnaa haleellaa diroonii raawwateen yo xiqqaate ummatni siviiliin namootni 8 ol ta’an ajjeesamuu maddeen naannoo sanii gabaasaniiru.

Giddu-gala Oromiyaa Baha Shaggar Ona Boosat, Fantaallee, Lixa Shaggar Gindabarat, Mettaa Walqixxee, Baha Wallaggaa Nuunnuu Qumbaa fi bakkoota ammaaf maqaan isaanii ifa hin ba’in jiran keessatti hanga guyyaa har’aatti haleellaan xiyyaaraa diroonii dabalatu akka raawwatamee fi namootni hedduun akka lubbuu dhaban, qabeenyi akka barbadaawe maddeen oduu adda addaa gabaasuu irratti argaman.

Onkoloolessa 19,2022 Ona Mettaa Walqixxee keessatti haleellaa diroonii mootummaan Bilxiginnaa fudhateen yo xiqqaate ummatni nagaan 14 ol ta’u battalumatti yoo lubbuu dhaban, kanneen reeffi isaanii adda hin baafamin jiraachuullee jiraattotni naannoo SBOf ibsaniiru. Manneenii fi qabeenyi tarkaanfii kanaan daareffamanis hedduu akka ta’an ibsameera.

Ummatni keenya hanga isaaf danda’ametti naannoo shakkii itti qabuu fi iddoo lolli jira jedhee sodaatutti baay’atee argamuu, walitti qabamee taa’uu fi sossohuu irraa akka if qusatu dhaamsa keenya dabarsina.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO