Mootummaan Bilxiginnaa sochii WBO daangessuu ykn if booda deebisuu akeeka jedhuun, tarkaanfii diroonii godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti hammeessaa kan jiru yoo taโu, gocha kanaanis, ummata nagaa homaatuu quba hin qabne, bakka baayโatanii jiraatan, gandeenii fi magaalota keessatti, bakka gabaatti haleeluudhaan dhibbootaan ajjeesuun gocha faashistummaa fi yakka waraanaa raawwatuu irratti argama.
๐๐ข๐ฑ๐ ๐๐ก๐๐ ๐ ๐๐ซ ๐๐ง๐ ๐๐๐ฅ๐๐ฎ๐ฎ, ๐๐จ๐๐ข๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐ฆ๐ฆ๐ข๐ข๐ฅ๐๐๐ง ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐๐ฃ๐ฃ๐๐๐ฌ๐๐ฆ๐๐ง ๐๐ ๐๐ก๐๐ช๐ช๐๐๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ข๐๐ฌ๐๐ฆ๐
Haleellaa xayyaara nam-maleeyyii (Drone) mootummaan Bilxiginnaa Onkolooleessa 23,2022 guyyaa kaleessaa Lixa Shaggar Ona Jalduu, Cobiitti geggeesseen ummatni siviiliin lubbuu dhaban 70 dhaqqabuun balโinaan gabaasamaa jira.
Lakkoobsi namoota duโanii kana caaluu akka dandaโu kan hubachiisan maddeen, sababni quunnamtiin rakkisaa taโee jiruuf haalli jiru yaaddessaa taโuu eeru.
Namoota tarkaanfii bineensummaa sirna Bilxiginnaan madaaโan adda baasachuun ammatti rakkisaa taโuu fi manneenii fi qabeenya mancaโanis himuun akka rakkoo taโee jiru illee ifoomsaniiru.
Mootummaan Bilxiginnaa sochii WBO daangessuu ykn if booda deebisuu akeeka jedhuun, tarkaanfii diroonii godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti hammeessaa kan jiru yoo taโu, gocha kanaanis, ummata nagaa homaatuu quba hin qabne, bakka baayโatanii jiraatan, gandeenii fi magaalota keessatti, bakka gabaatti haleeluudhaan dhibbootaan ajjeesuun gocha faashistummaa fi yakka waraanaa raawwatuu irratti argama.
Guutuu Oromiyaa keessatti dhiigni lammiilee Oromoo akka bishaanii lolaโaa kan jiru yoo taโu, ajjechaan jumlaa Mettaa Walqixxee fi Jalduu, Cobiitti raawwatame kanaaf ragaa guddaa dha.
Mootummaan Bilxiginnaa diinummaa ummata Oromoof qabu daran hammeessaa, faashistummaa isaas addunyaatti mulโisaa jira.
Kan nama dhibu garuu Oromootni garii oggaa qaamni isaa gar-tokkeen dhiigaa fi akka baalaa harcaafamaa jiru kanatti taaโee ilaaluu fi keessummeessuu isaa ti. Gocha abaaramaa fi diinummaa ija baase ummata qulqulluu irratti sirna mootummaa Bilxiginnaan raawwatamaa jiru kana Oromoon sagalee tokkoon dura hin dhaabbatu taanaan, duguuggaan kana caalu dhaqqabuuf akka jiru shakkiin hin jiru.
Sagalee Bilisummaa Oromoo

Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *