Ajjeechaan Itti Yaadamee Malaan Ummata Nagaa Hidhannoo Hin  Qabne Irratti  Raawwatamu Gocha Gara Jabeenyaa fi Yakka Waraanaa ti.

Ajjeechaan Itti Yaadamee Malaan Ummata Nagaa Hidhannoo Hin  Qabne Irratti  Raawwatamu Gocha Gara Jabeenyaa fi Yakka Waraanaa ti.

Ajjeechaan Itti Yaadamee Malaan Ummata Nagaa Hidhannoo Hin Qabne Irratti Raawwatamu Gocha Gara Jabeenyaa fi Yakka Waraanaa ti.

ABOn Haleellaa Humna Qilleensaan Qe’ee  Jireenyaa  Ummata Nagaa Irratti Raawwatamu Gadi Jabeessee Balaaleffata.

Mootummaan Paartii Bilxiginnaa, qaamoleen tikaa fi waraanaa isaa ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatamu cimsanii  itti fufanii jiran. Waan kana ta’eef, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Hawaasni Idil-addunyaa dirqamaa fi Itti Gaafatamummaa isaanii akka bahan ammas waamicha goona.

Ajjeechaa Mootummaan Itoophiyaa walitti fufiinsaan, karoorfatee namoota nagayaa irratti raawwachaa jiru ilaalchisee Hawaasi Idil-Addunyaa  tarkaanfii barbaachisaa ta’e akka fudhatuuf duuka  buunee saaxiluudhaan  waamicha dhiyeessaa akka turre ragaalee keenya armaan duraa  irraa mirkaneeffachuun ni danda’ama.

Gaafa Onkoloolessa 19, 2022 Godina Wallaggaa Lixaa, Ona Saasiggaa, magaalaa xiqqoo Tsigee jedhamtu keessatti fiinxaaleyyiin naannoo Amhaaraa  hidhatanii bobba’an, Humnoota Federaalaatiin kan deeggaraman yoo tahu,  lammiilee nagaa sagal ajjeesuun namoota sadii madeessanii jiru.

Gaafa Onkoloolessa 20, 2022 Humni Qilleensaa Mootummaa Federaalaa kutaalee naannoo Oromiyaa harka caalaa keessatti weerara humna qilleensaa gaggeessee jira. Kanumaan Godina  Shawaa Lixaa, Finfinnee irraa km 70 fagaattee kan argamtu Ona Meettaa Walqixxee, magaalaa Minaareetti, haleellaa qilleensaa raawwatameen lammiileen nagaa ajjeefamanii kaan ammoo madaa’anii jiru. Namoota miidhaman keessaa namoonni sadii maatii tokkoo dha.

Gaafa Onkoloolessa 22 fi 23/2022 ammoo Godina Shawaa Bahaa, Ona Fantallee, Godina Shawaa Lixaa, Onoota Meettaa Waliqixxee,  Gindabarat fi Godina Wallaggaa Bahaa Ona Nuunnuu Qumbaa keessatti haleellaan qilleensaa Mig 29 cimee itti fufeen, namoonni nagaa hedduun du’anii  kaan ammo madaa’aniiru.

Bakkoota kanneen keessaa iddoowwan hedduutti manneenii fi qabeenya miidhamtootaa keessattuu beeyladoonnii fi meesshaaleen bu’uura jireenyaa akka barbadeeffaman gabaafamee jira.  Haleellaan qilleensaa kun Onkoloolessa 22, 2022 Godina Shawaa Bahaa, naannoo Fantaalleetti itti fufuun isaa gabaafameera. Baay’ina namoota ajjeefamanii  bakkoota  hunda irraa adda  baasuun rakkisaa dha.

Tarkaanfiin gara jabinaa murni aangoo qabatee jiru ummata nagaa irratti walitti fufiinsaan fudhachaa  jiru dhaabbachuu qaba jenna. Hawaasni addunyaa murna lubbuu lammiileef xiyyeeffannoo  kennuu didee ajjeechaa gara jabinaa akkasii raawwachaa jiru kana irratti tarkaanfii fudhachuuf itti gaafatamummaa qaba. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, bu’uura  sanadoota Mirgoota Namoomaa, Chaartarootaa fi Waliigalteewwan biroo keessatti tumameen,  qorannoo walabaa gaggeessuu fi yakkamtoota seeratti dhiheessuuf dirqamaa fi itti gaafatamummaa isaa bahuu qaba.

Kanaanis, Dhaabbanni  Mootummoota Gamtoomanii fi Hawaasni Idil-addunyaa gocha hammeenyaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru osoo beekanii callisuu dhiisanii, lubbuu nagaa baraaruuf tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatan dhaammanna.

Injifannoon ummata bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 24 2022

Finfinnee

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO