Haleellaan Xayyaaraa Har’as Godina Wallagga Bahaa keessatti Ummata irratti raawwatamuun dhaga’ame

Haleellaan Xayyaaraa Har’as Godina Wallagga Bahaa keessatti Ummata irratti raawwatamuun dhaga’ame

Wallagga Bahaa Ona Nuunnuu Qumbaa gandoota Waamaa Guddattuu fi Adaree keessatti ummatni xayyaaraan haleelame

Haleellaan Xayyaaraa Har’as Godina Wallagga Bahaa keessatti Ummata irratti raawwatamuun dhaga’ame

Akka maddeen oduu gabaasaa jiranitti Onkoloolessa 25,2022 guyyaa har’aas akkuma kaleessaa fi dheengaddaa Godina Wallagga Bahaa Ona Nuunnuu Qumbaa keessatti haleellaan diroonii fi MIG 29 jedhamu gandoota akka Waamaa Guddattuu, Adaree fi kkf keessatti raawwatameera.

Haleellaa har’aa kanaan miidhaa ummata irra ga’e hanga ammaa baruun hin danda’amne. Networkiin ciccitaa ta’uu irraa haala jiru adda baasachuun akkaan rakkisaa ta’uunis ibsameera.

Ummatni Oromoo kan keessaa fi alaa jiru yeroo rakkistuu fi hamtuu, wayta ummatni qulqulluun dhiigni isaa akka bishaanii faashistootaan gadi naqamaa jiru kanatti, yakka kana ummata ofii irraa dhaabsisuuf, hawaasa addunyaatti iyyachuuf, tokkummaan waliin dhaabbatee sagalee isaa dhageessisuu qabutti, yero yeroon ajandaa diinotnii fi shirtootni ta’e jedhanii haala jiru gara dabarsuuf, uumanii gadhiisaniin qabamee walitti iyyaa ooluutu gaddisiisaa dha. Oromoon kana keessaa ba’uu fi irra aanuu danda’uu dha qaba.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO