Obbo Raggaasaa Qopheessaa Duโ€™aan Addunyaa Kana Irraa Boqotuu Ilaalchisee Ijoo Dubbii ABO โ€“ Onkoloolessa 27,2022

Obbo Raggaasaa Qopheessaa Duโ€™aan Addunyaa Kana Irraa Boqotuu Ilaalchisee Ijoo Dubbii ABO โ€“ Onkoloolessa 27,2022

Abbaan J/Abdii Raggaasaa Obbo Raggaasaa Qopheessaa du’aan addunyaa kana irraa boqotan

Obbo Raggaasaa Qopheessaa Duโ€™aan Addunyaa Kana Irraa Boqotuu Ilaalchisee Ijoo Dubbii ABO โ€“ Onkoloolessa 27,2022

Obbo Raggaasaa Qopheessaa, Abbaan Miseensa SHG-ABO Jaal Abdii Raggaasaa dhukkubsatanii erga waldhaansa irra turanii booda, irraa fayyuu dadhabuun guyyaa harโ€™aa Onkoloolessa 27,2022 boqotanii jiran.

Addi Bilisummaa Oromoo duโ€™aan boqochuu Obbo Raggaasaa Qopheessaatti gadda itti dhagaโ€™ame ibsataa, maatii, firootaa fi hiriyoota isaaniif jajjabina hawwa. Obbo Raggaasaan dhiibbaa fi ariisaan maatii isaanii irratti godhamu haala irraa hin dhaabbatin jiru keessatti kan harโ€™a duโ€™aan addunyaa kana irraa darban.

Obbo Raggaasaa Qopheessaa wayta dhukkubsatanii ciisaa turanittis taโ€™e, harโ€™a wayta lubbuun isaanii darbu kanatti, ilmi isaanii Jaal Abdii Raggaasaa waggoota 3f balโ€™eessaa tokko malee, haqa dhabuun manneen hidhaa sirna mootummaa PP keessatti gidiraa argaa jira.

Jaal Abdiin yeroo abbaan isaa dhukkubsatan waldhaannachuu, jajjabeessuu fi yeroo duโ€™an kanatti awwaallachuu dadhabuun ammoo haalaan nama laalessa.

Hireen akkasii kun amma duras hogganoota, qondaalotaa fi miseensota dhaaba keenya ABO deddeebiโ€™ee kan mudataa ture yoo taโ€™u, hiraaraa fi gidiraa mana hidhaa keessaatti dabalataan duโ€™a maatii ofii mana hidhaa keessatti dhagaโ€™uun akkaan ulfaata.

Miseensi SHG-ABO Jaal Abdii Raggaasaa harโ€™a mana hidhaa keessa taaโ€™ee duโ€™a Abbaa isaa dhagaโ€™u, ofiifuu jireenya mana hidhaa hiraarsaa sana keessatti dhukkuba baatee nama jiraataa jiruu dha. Jaallan waliin hidhamee jiru hundis hiree walfakkaataa keessummeessaa jiran.

Addi Bilisummaa Oromoo hogganootni isaa seeraan ala hidhamanii fi haqa waakkatamuun hidhaa keessatti hiraarsamaa jiran akka gadi-lakkisamaniif irra deddeebiin gaafataa ture; harโ€™as itti jira.

Addi Bilisummaa Oromoo hoggana isaa Jaal Abdii Raggaasaa dabalatee, maatii Obbo Raggaasaa Qopheessaa, firootaa fi hiriyoota isaaniif irra deebiโ€™ee jajjabina hawwaa, lubbuu Obbo Raggaasaa Qopheessaaf ammoo Waaqni Jannataan haa qananiisu jedha.

Injifannoo Ummata Balโ€™aaf!

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO