Y A K K A   F A A S H I S T U M M A A

Y A K K A   F A A S H I S T U M M A A

Mootummaan Bilxiginnaa xiyyaarota waraanaa Iraaq, Turkii fi Yuunaatid Arab Imireet irraa argateen bara 2019 irraa eegalee haga har’aatti haleellaa qilleensa irraatiin qe’ee Oromoo lafoo fi samii irraan gooluu itti fufeera

Y A K K A   F A A S H I S T U M M A A

Oromiyaan erga bittaa sirna alagaa jala galtee jaarraa tokkoo fi walakkaa caaltee jirti. Osoo Minilik qawwee bittaa fi kennaadhaan biyyoota Awurooppaa irraa argateen guutummaa Oromiyaa hin weerarin duratti, Tewoodiroos fi Yohaannis 4ffaan Oromoota Walloo irratti duguuggaa sanyii geggeessaa turan.  Sirnoonni hanga ammaa aangootti ol ba’an marti humna qabanii fi tooftaa beekan maraan Oromootti duuluun ilmaan Oromoo ajjeesaa fi qabeenya isaa saamaa, kaanis mancaasaa turan. Hanga har’aa taateen kun jabaatee itti fufuun ummata Oromoo irratti raawwatamaa jira. Waggoota afran dabran kana keessa ammoo kan yeroo kamii iyyuu caalaa yakkoonni faashistummaa Oromoo irratti raawwataman akka malee hammaatee jira.

Murni TPLF waliin ummata Oromoo ajjeesaa, hidhaa, dararaa fi saamaaa ture OPDO’n akkuma qabsoo Qeerrootiin TPLF gara Maqaleetti godaaneen aangoo dhuunfatee ajjeechaa suukanneessaa Oromoo irraatti dalaguu eegale. Maatii tokko keessaa hanga nama shanii ajjeesuu, ummata qe’ee irraa buqqisuu fi manaa fi qabeenya ummataa gubuudhaan mancaasuu aadaa godhate.

Xiyyaarota waraanaa Iraaq, Turkii fi Yuunaatid Arab Imireet irraa argateen bara 2019 irraa eegalee haleellaa qilleensa irraatiin qe’ee Oromoo lafoo fi samii irraan gooluu itti fufe. Keemikaala summaawaatiin namoota hedduu ajjeesuun baay’ees qaamaa hir’uu taasiseera. Kanaanis naannawa haaleellaan kun itti raawwatametti daa’imman fayyaa guutuutiin akka hin dhalannes taasiseera. Bineensotni bosonaa naannoo kemikaala summa’aan kun itti darbataman turan hedduun dhumaniiru. Bara dabrees xiyyaara waraanaa nama maleessa/diroonii/ fayyadamuun Oromiyaa Lixaa: Gidaamii fi Begii bakka gabaa fi mana barumsaa rukutuun lubbuu namootaa galaafateera.

Haalli kun daran hammaataa dhufuun gidduu kana ammoo Shaggar Lixaa Ona Meettaa Walqixxeetti haleellaa dirooniitiin namoonni hedduun ajjeefamaaniiru.  Godinuma kana Ona Cobii ganda Hoofuu keessattis dirooniidhaan ummata walitti qabamee walitti dhufeenya hawaasummaa irra turee fi mana barumsaa Qaallee jedhamu haleeluun barattoota dabalatee lammiilee Oromoo 80 olitti herregaman iddoo tokkotti fixeera. Godina Wallagga Bahaa Ona Nuunnuu Qumbaa magaalaa Adaree dabalatee gandoota baay’ee  keessattis haleellaa diroonii murni shiftaa maqaa PP’tiin of waamu irra deddeebiidhaan fudhateen namoonni baay’een ajjeefamaaniiru.

Murni faashistii kun Oromiyaa bakkoota hedduutti ummata gabaa fi bakka amantiitti walitti qabamee jiru, akkasumas barattoota mana barumsaa guutanii barachuutti jiran irratti xiyyaara waraanaa fayyadamee boombii roobsaa jira.

Sirnoota hanga hammaa impaayera kana koloneeffatan keessaa xiyyaaraan ummata Oromoo haleeluudhaan Hayilesillaaseetti aanuun murni faashistii PP isa 2ffaa dha. Koloneeffattoota alaa keessaas Xaaliyaaniin waggoota shaniif yeroo impaayera Itoophiyaa bulchitetti  Godina Wallagga Bahaa Ona Boonayyaa fi bakkoota hedduu xiyyaaraan rukutuu seenaan ragaa ba’a.

Hayilesillaaseenis bara 1963 xiyyaaraan ummata Oromoo Baalee haleeluun ummata ajjeesaa fi qabeenya barbadeessaa turuu galmeen seenaa nu yaadachiisa. Murni faashistii Bilxiginnaa kunis humna lafootiin ajjeechaa suukanneessaa ummata Oromoo irratti guyyuu raawwataa oolutti quufuu dadhabuudhaan xiyyaarota waraanaa, Iraan dabalatee biyyoota adda addaa irraa liqaadhaan bitee fi bitaa jiruun ummata jumlaan fixaa jira.

Yakka waraanaa murni maafiyaa kun ummata irratti raawwataa jiru kana ummanni keenya biyya keessaa fi ala jiru callisee ilaaluu hin qabu. Hawaasni addunyaa, jaarmotni mirga dhala namaaf falman idil-addunyaa, mootummootni addunyaa, Tokkummaan Mootummootaa fi dhaabbattootni garagaraa hammeenyaa fi faashistummaa sirni mootummaa Bilxiginnaa ummata nagaa irratti raawwataa jiru kana caalaatti akka hubataniif hiriirota dabalatee iyyannoolee garagaraa qopheessuun saaxiluu dha qaban.

Oromoon guyyaa tokkotti lubbuu nama isaa 70 ol dhabee osoo jiruu, callisee afaan qabatee taa’ee ilaaluu arguun nama qaanfachiisa. Kun tasumaa ta’uu hin qabu. Hirribaa fi joonjee keessa jiru keessaa ba’uu dha qaba Oromoon. Oromoon yoo akka amma itti jiru kanatti itti fufe, sirni Bilxiginnaa yakka kana caalu, amanuuf nama dhibu raawwatuuf akka deemu namnuu beekuu qaba. Kanaaf Oromoo irriba kana keessaa dammaqi; sirna kana of irraa kaasi.

Ummanni Oromoo Oromiyaa keessaa fi Oromiyaan ala jiru tokkummaadhaan ka’ee murna kana of irraa fonqolchuu qaba.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

  • SBO
    ADMINISTRATOR

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO