Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti mariin nagaa Afrikaa Kibbaatti guyyootaaf gaggeefamaa ture maalirra akka gahame har’a akka ifa godhu Gamtaan Afrikaa beeksise.
Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti mariin nagaa Afrikaa Kibbaatti guyyootaaf gaggeefamaa ture maalirra akka gahame har’a akka ifa godhu Gamtaan Afrikaa beeksise.

M๏ปฟootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti mariin nagaa Afrikaa Kibbaatti guyyootaaf gaggeefamaa ture maalirra akka gahame har’a akka ifa godhu Gamtaan Afrikaa beeksise.
W๏ปฟaraana Waliinii Itoophiyaa waggaa lamaaf gaggeefamaa jiruuf fala siyaasaa soquuf mariin jalqabaa erga magaalaa Piritoriyaatti gaggeefamuu eegalee torban tokko lakkaa’ameera.
M๏ปฟarii nagaa jaarsummaa Gamtaa Afrikaa jalatti kan hoogganaa jiran pireezidantii duraanii Afrika Kibbaa Oliseeguun Obasaanjootu ibsa kana miidiyaaleef kenna jechuun Gamtaan Afrikaa beeksisuu BBCn gabaaseera. M๏ปฟariin nagaa kun Kibxata darbe erga gaggeefamuu eegalee Wiixata darbe goolabama jedhamee eegamaa turus, itti fufeera.
Hanga ammaa odeeffannoon mariin kun maal irra akka gahe himus bahaa hin turre.
B๏ปฟBC’n mariin kun hanga har’aa itti fufaa jiraachuu maddeen isaa irraa hubatuu beeksiseera.
M๏ปฟariin kun magaalaa Piritooriyaa waajira haajaa alaa biyyattii keessatti gaggeeffamaa jira kan jedhe BBCn, Ajandaawwan marii nagaa kanaa maal akka ta’aniis ifatti hanga ammaa wanti himame hin jiru jedheera.
H๏ปฟaa ta’u malee dubbii himaan waajjira dhimma alaa US Need Piraayis Onkoloolessa 31, 2022 ibsa kennaniin qaamoleen mariyatan wantoota afur mirkaneessuf akka taโe ibsan.
Ibsa kennaniin kaayyoo marii kanaa ti kan jedhan hatattamaan waraana dhaabuu, lammiilee Itoophiyaa gargaarsi barbaachisu hundaaf gargaarsa dhiyeessuu, nageenya lammiilee nagaa mirkaneessuu fi waraanni Ertiraa Kaaba Itoophyaatii akka bahu gochuu dha jedhan.
M๏ปฟootummaan Ameerikaa marii nagaa kana keessatti shoora taajjabdummaa taphachaa akka jirtu ifa ta’uu kan gabaase BBCn, G๏ปฟaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US Maayik Hamar qondaaltota Tigraay marii kana irratti hirmaatan Maqalee fuudhanii gara Afrikaa Kibbaa akka imalan Rooyitarsi gabaasee turuus BBCn yaadachiiseera.
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *