Ummatni Oromoo duguuggaa fi roorroo daangaa darbe sirna mootummaa PPn isa irra gaโaa jiru kanatti xumura gochuuf falmaa jabeeffachuu qaba.
Roorroon daangaa darbe baraan ummata Oromoo irratti qaama aangoo Siyaasaa afaan Qawween dhuunfateen gaggeeffamu dhaabbachuu qaba jenna ammas.
Ijoo Dubbii ABO โ Sadaasa 02,2022
Ummanni Oromoo qabsoo hadhaawaa gageessuun qarayoo ilmaan isaa itti gabbaree rarraga bilisummaa irra gaheera yeroo jedhutti, injifannooleen inni dhiigaa fi lafee ilmaan isaa itti gabbaree argate qaama aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfateen harkaa butamuun abjuu isaa gufachiiseera. Ummatni Oromoos tahe qabsaawotni ganamaniiru.
Ummanni qabsoon isaa afaan qawween harkaa butamee ammas afaan qawween ajjeefamaa, doorsifamaa, hidhamaa, baqachisaaamaa, qeโee fi qabeenyaa isaa irratti roorrifamaa jiru kun roorroo fi roorifama diinaa jalaa of baasuu qaba.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n badii fi balleessaa qaama biyyattii bulchaa jiruun Ummata Oromoo fi Lammilee Oromiyaa dabalatee ummatoota Itiyoophiyaa irratti gaggeeffaamaa jiru jabeessee balaaleffata.
Addi Bilisummaa Oromoo qabsoo karaa nagahaa gaggeessuuf murteeffatee wareegama barbaachisu cufa kaffaluuf ummata isaa keessatti bara 2018 biyyatti erga galee qabee dirqama qabsoon irraa eeggamu hunda bahataa tureera; ittis jira. Haa taโu malee qaamni biyyattii bulchaa jiru PPn, nagaha biyyattii keessatti boorahuuf, qabeenya biyyaa daareffamuu fi ummanni hidhattoota mootummaan akka baalaatti harcaโuuf falaa fi mala waaraa kan ABOn jedhaa turee fi jiru irraa fudhachuu hin dandeenye. Waggoota afuriif ummatni keenya boqqonnaa malee ganamaa fi galgala akka bineensa bosonaa (Busaawaa) nyaataaf adamsaniitti waraana lafa irraa fi samii irraan ajjeefamaa jira.
Ummanni mootummaa isa bulchuun ifatti rasaasaan waxalamee ajjeefamu, wabiin inni qabu of taโuu fi wal taโuun roorroo hammaatte of irraa qolachuu duwwaa dha. Haala amma qabatamaan ifatti mulโataa jiruun ummanni keenya mootii aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfatee afaan qawween teessoo mootii of jalatti tiksu malee, mootummaa rakkoo isaaf furmaata barbaadu hin agarre.
Qaamni ani mootummaa ummataa ti ofiin jedhu PPn, ummata heera biyyattii irratti hirkachuun bulchuun hafnaan, Lammiilee Oromiyaa qeโee isaanii irratti waraana lafoo, Milishaa gandaa, qubattoota babaliโifannaa lafaaf naannoo ollaa irraa dhufan leenjisee meeshaa itti hidhuu fi xiyyaara lolaa itti bobbaasee duguuggaa sanyummaa irraan gahaa jira; kun gochaa balfamaa mootummaa ummata bulchaan jira jedhuun hin raawwatamnee dha. Gochi abaaramaan kun qaamota nageenya barbaadan kamiinuu kan balaaleffatamu, gochaa abaaramaa dha.
Ummanni keenya waggoota 4n darban sirna bulchiinsa PP jalatti guyyaa tokkoof illee hin boqotne. Dararaa fi hiraarfama daangaa darbaa irratti gaggeefamaa jiruun, qeโee fi qabeenyaa isaa irraa boortaan buqqifameera; jumlaan hidhameera; mana hidhaatii baafamee ajjeefamuun bosonatti gatameera; mana jireenyaa keessatti qabeenyaa horatee qabu waliin ibiddaan gubateera; miseensonnii fi hoogganoonni jaarmiyaalee siyaasaa ejjannaa siyaasa isaaniif jecha murtoo seeraa malee manneen hidhaa biyyattii keessatti korkodamanii gidirsamaa jiru. Kun hundi gochaa suukanneessaa dhala namaa irratti taโuu hin malle ganna 4n kana keessatti murna PPn raawwatamaa jiruu dha. Dhumaatiin Oromoo irra gaโaa jiru amma illee hin dhaabbanne. Waraanaa fi xayyaaraan Oromoo gadi haamuun hojii guyya guyyaa sirna PP taโee jira.
Wal yaadachiisuuf, gaafa Onkoloolessa 20,2022 Humni Qilleensaa Mootummaa Federaalaa PPn hogganamu Godina Shaggar Lixaa, Finfinnee irraa km 70 fagaattee argamtu Ona Meettaa Walqixxee, magaalaa Minaareetti, haleellaa qilleensaa raawwateen lammiilee nagaa hedduu galafaatera.
Onkoloolessa 22 fi 23/2022 Godina Shaggar Bahaa, Ona Fantallee, Godina Shaggar Lixaa Onoota Meettaa Waliqixxee fi Cobii, Gindabarat fi Godina Wallaggaa Bahaa Ona Nuunnuu Qumbaa keessatti haleellaa qilleensaa Mig 29 jedhamuun raawwateen namoota nagaa dhibbaa ol lakkaโaman fixeera; baayโee isaanii qaamaa hirโiseera.
Guyyaa kaleessaa Sadaasa 01, 2022 Lixa Oromiyaa Ona Mana Siibuu bulchiinsa magaala Waamaa Toobbaraatti haleellaa Xayyaara lolaan raawwatameen ummata siviilii irraan miidhaa gaโuu odeessi ummata irraa baโaa jiru ifa godha. Iliyas Abdulkadir, Shee Jafar kadir Atoomsa, Mujahid Kadir, Naziif Ahmad, Zamiraa Aadam, Qaasim Nagaasaa, Qannoo Jireenyaa kanneen jedhaman yo madaaโan, daaโimti ganna 9 Bashoo Sheek Eleman jedhamtu ammoo lubbuun dabarteetti. Ganda Goorii dabalatee Ona Qilxu-Kaarraa keessatti xayyaaraan boombii darbuun ummata sodaachisuun mulโateera.
Tarkaanfiin gara jabinaa murni aangoo qabatee jiru ummata nagaa irratti walitti fufiinsaan fudhachaa jiru dhaabbachuu qaba; ABOs tarkaanfii faashistummaa, ummata nagaa hidhannoo maleeyyii irratti mootummaa biyyan bulchaa jira ofiin jedhuun fudhatamaa jiru kana akkuma armaan duraa jabeessee balaaleffata; akka dhaabbatus gaafata.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Hawaasni Idil-addunyaa gocha hammeenyaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru osoo beekanii callisuu dhiisanii, lubbuu nagaa baraaruuf tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatan akkuma ibsa keenya darbe irratti gadi jabeessinee gaafanne, ammas cimsinee gaafanna.
Waliigalatti garuu ummatni Oromoo duguuggaa fi roorroo daangaa darbe sirna mootummaa PPn isa irra gaโaa jiru kanatti xumura gochuuf falmaa jabeeffachuu qaba.
Injifatnoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 02, 2022
Finfinnee
Sagalee Bilisummaa Oromoo














Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *