Haleellaa xayyaaraa magaalaa Biilaatti raawwatameen kanneen ajjeefaman keessaa maqaan namoota 24 argame
Duguuggaa Sanyii Magaalaa Biilaa

Sadaasa 02,2022 Godina Wallagga Lixaa Ona Boojjii Birmajjii magaalaa Biilaatti ilmaan Oromoo haleellaa xayyaara waraanaa mootummaan Bilxiginnaa fudhateen kanneen du’an 80 ol ta’uun gabaasameera. Kanneen madaa’anii hospitaala seenanis waldhaansa ga’aa fi dawaa (qoricha) dhabuu irraa du’aa akka jiran ibsamaa jira. Kana irraa lakkoobsi nama du’ee ni dabala.
Kanneen du’an keessatti barattootni baadiyaa magaalattii taa’anii baratan, ijoollotni xixiqqoo fi ga’eessotni keessatti argamu.
Kanneen haleellaa xayyaara waraanaa (Diroonii) kanaan lubbuun isaanii darbe keessaa maqaan namoota muraasaa arganne akka armaan gadii kana dha.
- Abdii Abdataa Dastaa – Didibbee Tuulii
- Gaaddisaa Kifiluu – Didibbee Tuulii
- Yoosef Eliyaas Caalii – Didibbee Tuulii
- Toomaas Faqqadaa Bulchoo – Didibbee Tuulii
- Maarqoos Haftaamuu Tarfaasaa – Didibbee Tuulii
- Mootii Daawwit Caalaa – Didibbee Tuulii
- Eebbaa Kamisoo Fufaa – Didibbee Tuulii
- Daattaa Tamasgeen Odaa – Magaalaa Biilaa
- Jawaar Ahmed Nagaash – Magaalaa Biilaa
- Amantii Fayyisaa Bultii – Umurii 11
- Sichan Yohaannis Biraanuu
- Obsaa Zawudee – Ganda Boobinee
- Guutaa Efireem – Ganda Boobinee
- Ayyaanaa Eliyaas – Ganda Boobinee
- Eebbisaa Addaamuu – Ganda Boobinee
- Daannoo Tasfaayee – Ganda Boobinee
- Sirriiqaa Firoomsaa – Ganda Boobinee
- Ayyaantuu Soorii – Ganda Boobinee
- Taarikuu Imaanoo – Ganda Boobinee
- Qananii Imaanoo – Ganda Boobinee
- Guutaa Tsaggaayee – Ganda Boobinee
- Maarqoos Tottoobaa Gammachuu – Ganda Baabboo Congee
- Solomoon Tottoobaa Gammachuu – Ganda Baabboo Congee
- Eebbaa Soorii Mirkanaa – Ganda Tulluu Gurraachaa
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *