Humni Waloo Guddaan Lixa Oromiyaatti bobba’aa jira
๐๐ฎ๐ฆ๐ง๐ข ๐๐๐ฅ๐จ๐จ ๐๐๐ซ๐๐๐ง๐ ๐๐ญ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐๐, ๐๐ก๐๐๐๐ข๐ฒ๐๐ ๐๐ข ๐๐จ๐จ๐ฅ๐ข๐ฌ๐ ๐ ๐๐๐๐ซ๐๐๐ฅ๐๐ ๐๐ข๐ฑ๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐จ๐๐๐๐๐ฌ๐๐ฆ๐๐ ๐ฃ๐ข๐ซ๐๐ง
Yeroo ammaa kana humni guddaan waloodhaan qindaaโe sadii duula qindaโaa Oromiyaa irratti banuuf, gara Lixa Oromiyaa Godinoota Wallaggaa Arfanitti, addatti naannoo sochiin jirutti bobbaafamaa akka jiru odeessi maddeenii ni ifoomsa.
Humnootni waloon qindaโanii bobbaasamaa jiran kunniin, Raayyaa Ittisa Biyyaa, Waraana Erteraa (Shaabiyaa) fi Humna Farra Riphee Lolaa Poolisa Federaa (Federal Police Counter Insurgency Force) yoo taโan, meeshaalee gugurdaa hidhatanii bobbaasamaa jiraniin ummata irratti tarkaanfii fudhatu jechuun maddeen ifoomsaniiru.
Kanuma waliin halellaan Xayyaara guddaan tibba kana Oromiyaa golee hedduu irratti fuulleffate ammallee daraan jabaatee itti fufeera.
Waan taโeef, ummatni keenya kana hubatee, dhumaatii biraan akka isa irra hin geenyeef, karaa dandaโuun hamma isaaf dandaโametti of eeggachuu qabaan dhaamsa keenya belbeltuu dha.
Tuuta taโanii bakka tokko dhaabbachuu, iddoo lolli itti geggeessamutti fiiguu fi sochii hin barbaachisne gochuu irraa akka if qusatu, mana isaa akka taaโu gadi jabeessinee hubachiisna.

Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *