Waggaa 17ffaa Guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG)
Sadaasni 9 Guyyaan Yaadannoo FDG Waggaa 17ffaa
Ijoo Dubbii ABO – Sadaasa 09,2022
Qabsoon diddaa gabrummaa baroota dheeraaf Ummatni Oromoo gaggeessaa ture bifa caalaatti qindaawaa fi waalta’aa taheen guutuu Oromiyaa keessatti wal qabatee akka diriiru, warraaqsi Mirga Abbaa Biyyummaa ofii falmachuu Oromiyaa guutuutti waaltoominaan akka gaggeeffamuuf, Kallachi Qabsoo Bilisummaa Oromoo (ABO)n bifa haarawaadhaan waggaa 17n har’aa Sadaasa 09,2005 waamicha qabsoo Ummata Oromoof dabarse.
Guyyaa kana irraa eegalee Sabni Oromoo, addatti ammoo dargaggootnii fi barattootni Oromoo, goleelee Oromiyaa hunda keessatti, keessattuu, manneen barnootaa Sadarkaa Ol’aanoo fi Sadarkaa lammaffaa keessaa Mirga Dimokiraasii, Mirga Abbaa Biyyummaa fi Bilisummaa Ummata isaanii falmachuuf hiriira nagayaa bahuu fi bifa adda addaatiin sochii wal irraa hin citnee fi itti fufiinsa qabu gaggeessan. Kanaanis wareegama ol’aanaa baasanii sirna bittaa alagaa kan Wayyaanee/EPRDF mormuudhaan gaaffii Oromoo addunyaatti mul’isan. Erga Sadaasa 9, bara 2005 dargaggootni Oromoo FDG bifa caalaatti qindaaween gurmaawanii jalqabanii bara irraa baratti Fincilli Diddaa Gabrummaa Oromiyaa guutuu keessatti itti fufe.
Keessumaa ammoo, Ebla bara 2011 Warraaqsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo erga bifa Jaarmayaa Dargaggootaa haaraa qabatee finiinuu jalqabee guutuu Oromiyaa keessatti Qeerroon Oromoo (Barattootnii fi Dargaggootni) sab-boontotaa fi walii-galatti Ummatni Oromoo bal’aan wal ta’uudhaan FDG bifa adda addaatiin mootummaa gabroomfataa Wayyaanee irratti finiinsuudhaan gaaffiin isaanii kan Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa lubbuun itti bahe, dhiigni itti dhangala’e, lafeen itti caccabe, maatii fi qabeenyi itti manca’e fiixa baasuun kan hin hafne ta’uu hojii fi gootummaadhaan mirkaneessan.
Dargaggootnii fi barattootni Qeerroo fi Qarreen akkasumas sab-boontotni dallawa shira siyaasaa roga adda addaan diinni ijaare diiganii falmaa finiinsuudhaan humna Oromoon qabu diinaa fi firattis agarsiisaniiru.
Sirni bulchiinsa Wayyaanee/EPRDF nagayaa fi dimokraasii, akkasumas, mirga sabootaa kabajuu diduudhaan roorroon ummatoota irraan gahu yeroo irraa gara yerootti hammaachaa dhufuu fi Ummatoota biyyattii cunqursaa fi hiyyummaa hiriyaa hin qabneef saaxiluu irraan kan ka’e, Fincila Diddaa Gabrummaa gaggeeffamaa ture keessatti wareegamni qaqqaaliin ummata keenyaan baafameera.
Dargaggootni, barattootnii fi sab-boontotni Oromoo hanga Bilisummaan Oromoo mirkanaawutti Falmaan Mirga Abbaa Biyyummaa kan hin dhaabbatne ta’uu lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne wareeganii mirkaneessan.
Wareegama ulfaataa baasan kanaan qabsichi sadarkaa Fincila Diddaa Gabrummaa irraa akka gara Fincila Xumura Gabrummaatti ol guddatuuf, achi irraas Warraaqsa Ummataatti akka tarkaanfatu gochuun bara 2018tti sirna TPLF/EPRDF baroota 27 oliif ummata Oromoo fi ummatoota kaan hacuucaa fi saamaa ture jilbeenfachiisuun TPLF gara Tigraayitti akka xaxatu godhaniiru. Kanaanis biyyattii keessatti jijjiirami siyaasaa umrii fi guddina dhabee fi qabsoo dargaggootni/Qeerroon dhiiga itti dhangalaase butate aangootti ol ba’e.
Gartuun EPRDF injifannoo Qeerroo fi ummatni Oromoo darbees, ummatootni kaan dhiigaan fidan gowwoomsaa fi kabeebsaan aangoo butate kun gara PP jedhutti of jijjiiruun hacuuccaa siyaasaa, hidhaa, ajjechaa, dhiittaa mirgootaa fi loloota babal’isuun sirna irra hammaataa ta’ee mul’ate. Haaluma kanaan dargaggootni ummata isaaniif Bilisummaa, Mirga Dimokraasii, Abbaa Biyyummaa fi Walqixxummaa mirkaneessuuf dhiiga isaaniin TPLF karaa irraa kaasan, sirna amma aangoo irra jiru PPn akka diinaatti ilaalamanii jimlaan hidhamuu, ajjeesamuu, baqachiisamuu fi itti roorrisamuun hiree isaanii ta’eera.
Kanaaf har’a illee dargaggootni Oromoo kaayyoo kaleessa qabatanii falmaa turan, akeeka Fincila Diddaa Gabrummaa bakkaan ga’uuf haalli gama hundaan jiru gufuu isaanitti heddummeessus falmaa irraa hin dhaabbatne. Har’as akkuma kaleessaa wareegama baasuu irratti argaman. Haga kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoo galma ga’utti falmaan, fincilli kan dhaabbatu miti. Kanaaf ammoo deemsa FDG ilaaluun barbaachisaa dha.
Addi Bilisummaa Oromoo Guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) waggaa 17ffaa kana sababeeffachuun, Kabajaa fi Ulfina Gootota Sabaaf qabnu mul’isuun dirqama lammii Oromoo hundaa ta’uu ummata Oromoo hubachiisa.
Sadaasa 9 guyyaa FDG yaadachuu qofas osoo hin taane, qabsoo bilisummaa Oromoo caalaatti finiinsuu irratti jabaannee akka hojjennu walii dhaamna. Galata jaallan keenya bilisummaaf kufanii bilisummaa sabaatiin mirkaneessuuf harka wal qabannee kaayyoo isaanii hojiitti hiikuuf cimnee akka hojjennu ummata Oromoo hundaaf dhaamna.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 09,2022
Finfinnee
Sagalee Bilisummaa Oromoo












Leave a Comment
Your email address will not be published. Required fields are marked with *