Kan Raawwatamaa Jiru Yakka Waraanaa fi Duguuggaa Sanyii ti.

<strong>Kan Raawwatamaa Jiru Yakka Waraanaa fi Duguuggaa Sanyii ti.</strong>

Ummatni keenya kana beekee, yeroo qaamni isaa gam-tokko dhiigu, duโ€™u taaโ€™ee ilaaluu dhiisee, waliin kaโ€™ee gamtaan sirna kana dura dhaabbachuu fi of irraa falmachuu qaba.

Kan Raawwatamaa Jiru Yakka Waraanaa fi Duguuggaa Sanyii ti.

  • Onkoloolessa 20,2022 Godina Shaggar Lixaa Ona Mettaa Walqixxee magaalaa Minaareetti ummatni nagaan 70 ol yeroo tokkotti haleellaa xayyaaraan ajjeesaman,
  • Onkoloolessa 23,2022 Godina Shaggar Bahaa Ona Fantaallee keessatti haleellaa kanaan namootni hedduun dhumaniiru,
  • Onkoloolessa 24,2022 Godina Shaggar Lixaa Ona Cobiitti namoota 60 oltu haleellaa qilleensa irraan ajjeesame,
  • Guyyuma kana Godina Wallagga Bahaa Nuunnuu Qumbaa keessattis haleellaa fakkaataan raawwatame kudhanootaan lammiilee nagaa galaafate,
  • Sadaasa 01,2022 Godina Wallagga Lixaa Ona Qilxu-kaarraa magaalaa Qilxu-kaarraatti namoota 30 oltu waraana mootummaan ajjeesame. Kanneen keessaa 18 mana hidhaa keessatti ajjeesaman,
  • Sadaasa 02,2022 Godina Wallagga Lixaa Ona Boojjii Birmajjii magaalaa Biilaatti haleellaa xayyaaraan namoota 80 oltu dhumate,
  • Sadaasa 09,2022 guyyaa kaleessaa ammoo namoota 100 ol taโ€™antu haleellaa xayyaaraa mootummaan Biltsiginnaa Godina Wallagga Lixaa Ona Mana Sibuu magaalaa Mandii irratti raawwateen ajjeesame.

Lammiilee nagaan ajjeesaman kun marti ummata siviilii lola keessa hin jirre, qeโ€™ee fi ganda isaanii keessatti xayyaarota waraanaa fi loltoota mootummaa Biltsiginnaan ajjeesaman.

Kanneen madaaโ€™an dhibbootaan lakkaโ€™aman gargaarsa waldhaansaa hin qaban; hospitaalatti kan isaan geessu hin jiru. Kanneen buufata waldhaansaa gaโ€™anis qorichaa fi waldhaansa gaโ€™aa dhabuu irraa hireen isaanii duโ€™uu taโ€™eera. Magaalaa Biilaatti kanneen akka kanatti buufata waldhaansaa gaโ€™an qorichaa fi waldhaansa barbaachisu dhabuu irraa duโ€™an baayโ€™ee dha.

Hireen magaalaa Mandiis kana irraa adda miti. Ummatni haleellaa xayyaaraa kanaan madaaโ€™e baayโ€™ee dha. Kan isaan waldhaanuu fi dawaan argamuun rakkisaa dha. Kana irraa kan fayyuu dandaโ€™u duโ€™aaf kennama.

Haalli magaalaa Mandii kan gabaasameen ol taโ€™uu akka dandaโ€™u amma irraa himamaa jira. Gandootni baadiyaa fi magaalotni naannoo sana jiran hundi hiree fakkaataa keessummeessaa akka jiran himamaa jira.

Magaalaa Mandii keessaa ummatni qeโ€™ee fi waan qabu bakkeetti dhiisee lubbuu ofii oolfatuuf bosonaa fi gandoota baadiyaatti kaleessaa qabee akka baqachaa jiru maddeen ni gabaasu.

Waraanni mootummaa bakka gaโ€™e hundatti gara laafina tokko malee ummata itti dhukaasee ajjeesaa, saamaa fi gidiraa dhala namaaf hin malle irraan gaโ€™aa akka jiru oduun magaalaa Mandii keessaa baโ€™aa jiru ifa godha.

Kana irraa Godina Lixa Wallaggaa keessatti duguuggaan sanyii, yakki waraanaa ummata nagaa, siviilaa lola keessa hin jirre irratti raawwatamaa jira. Ummatni dhumaa jiru dirree lolli itti geggeessamu keessatti osoo hin taane qeโ€™ee ofii, ganda itti dhalatee guddate, magaala keessatti barootaaf jiraatetti xayyaara mootummaan akka baalaa harcaโ€™aa jira.

Mootummaan isa hidhatee isa lolu loluu hanqatee, ummata nagaa harka qullaa jooree jawwaree jiraatu qeโ€™ee fi ganda isaa keessatti xayyaara waraanaan fixuun, humna waraanaan gadi haamuun yakka waraanaa ti. Duguuggaa sanyii saba kana irratti deemsisuu dha.

Mootummaan Biltsiginnaa yakka waraanaa, duguuggaa sanyii guutuu Oromiyaa keessatti ummata Oromoo irratti raawwataa jiruuf gaafatama jalaa hin baโ€™u. Harโ€™a homaa fakkaachuu dhiisuu dandaโ€™a. Yakki ulfaataan raawwataa jiru kun addunyaa jalaa dhokatee kan hafus itti fakkaachuu dandaโ€™a. Kun garuu waan taโ€™uu dandaโ€™u miti. Oolee bulus, dhiiga ijoollee Oromoo, dhiigaa maanguddootaa fi dubartootaa, waliigalatti dhiiga saba Oromoo dhangalaasaa jiruuf, lubbuu baasaa jiruuf gaafatama jalaa miliquu hin dandaโ€™u.

Sirna kanatti kan adaba godhu, of irraa kaasuu fi yakka isaaf gaafatamaaf dhiheessu ammoo qaama biraa osoo hin taane, ummatuma Oromoo ti. Kanaaf, ummatni keenya kana beekee, yeroo qaamni isaa gam-tokko dhiigu, duโ€™u taaโ€™ee ilaaluu dhiisee, waliin kaโ€™ee gamtaan sirna kana dura dhaabbachuu fi of irraa falmachuu qaba jenna.

SBO
ADMINISTRATOR
PROFILE

Posts Carousel

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked with *

Latest Posts

Top Authors

Most Commented

Featured Videos

Categories

SBO